Selin Diyon dhukkuba fayyuu hin dandeenyeen qabamuu beeksiste

Weellistuun beekamtuu Seliin Diyon dhukkuba hin baramnee fi irraa fayyuu hin dandeenyeen akka rakkachaa jirtu ibsiteetti.

Weellistuun kun dhukkuba sammuu fi narvii miidhu 'Stiff Person Syndrome' ykn SPS jedhamuun qabamte.

Weellistuun lammii Faransaay- Kaanaadaa taate kun dhukkuba kanaan qabamuu ishee hordoftoota ishee Inistagiraamii miiliyoona 5.2 ta'aniif ibsiteetti.

Dhukkubni kun qaamni ishee to'annaa ala akka socho'u gochuu qofa osoo hin taane, deemtee sirbuu akka hin dandeenyes akka ishee taasise dubbatteetti.

Akkasumas sababa dhibee kana bara dhufu konsartii UK fi Awurooppaatti qopheessitu haquuf dirqamtee jirti.

''Dhukkuba kanaan yeroo dheeraaf rakkachaan ture. Garuu rakkoo koo kana baasee himuuf ija hin jabaanne. Dhukkuba miliyoona tokko keessaa tokko qabuudha,'' jette dubartiin ganna 54 Seliin Diyon.

"Jireenya koo guyyaa guyyaa jeeqeera" kan jettu Selin Diyon, sababa kanaan sochiin qaamashee to'annoosheen ala ta'uu himte.

''Akka durii sirbuullee hin danda'u. Konsartii koo itti aanu akkan haqe isinitti himuun koo na gaddisiisa,'' jechuun dhibee kanaan qabamuun hamilee ishee cabsuu dubbatte.

Dubartiin kun sagalee fiilmii beekamaa 'Titanic' jedhamu dabaalu mata-duree 'My Heart Will Go On' jedhuun sirbitee kanaanis badhaasa Oskaar injifatteetti.

Bara 2014 yeroo abbaan warraa ishee Rene Angelil kaansariin qabamu, isheen muuziqaa irraa soorama bahuu ishee beeksiste.

Waggaa tokko booda muuziqaa deebitee eegalte, garuu bara 2016 yeroo abbaan warraa fi obboleessi ishee du'an deebitee muuziqaa dhiiste.

Konsartii sababa koroonaavaayirasiitiin addaan citee ture deebiftee jalqabuuf karoorfattee turtellee sababa dhibee fayyaa isheetiin kanaan raawwachuu hin dandeenye.

''Doktorota gaariin qaba. Ijoolleen koo jaallatamoonis na kunuunsaa jiru. Sochii qaamaa gochuun waltajjiitti deebi'uuf yaalaan jira," jette.

Weellistuun kun ergaa deeggartoota isheef barreessiteen, ''Wanti ani gochuu danda'u sirbuu qofa,'' jetteetti.

''Sirbuus nan jaalladha. Deeggartoota koo isin yaadeera. Sagalee isn jaallattan sana baasuun hawwe.''

''Yeroon waltajjii irra bahu hamma humna kootti sirbuun barbaada. Garuu dhukkubbiin sun akkas akkan godhu naaf hin hayyamne,'' jetti.

Dhukkubni Seliin Diyon hubachuus ta'e yaaluun rakkisaadha.