Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Suutuma harkikoofi miillikoo socho'uu dadhabe'
Zhaaviyer Alfoord ogeessa fiilmii dalaguudha. Kana dura seenaa namootaa viidiyoon hima ture. Amma garuu kaameraa ofitti garagalchee dhukkuba addaa irreefi miila isaa gogse ibsuuf itti fayyadama.
Dhukkuba narvii miidhu qabaachuu koo yoo natti himani baay'een rifadhe. Dhukkuba kana takkaa dhagahee hin beeku.
Kan na gorse jalqaba oduu gaarii natti hime - dhukkubichi si hin ajjeesu kan jedhu. Ergasii oduun badaa dhagahame - sababa nama qabuus ta'e qorichi isaa hin beekamu jechuun natti dubbate.
Akka natti hammaataa deemu, yeroo keessa harka, irreefi lukakoo fayyadamuu akka hin dandeenye natti hime. Yeroo sanatti addunyaan ani beeku jijjiiramte.
Kana dura dhukkuba maatiirraa darbeefi autoimmune peripheral neuropathies jedhamu nan qaba. Dhukkubni kuni ergaa sammuurraa darbuufi maashaa keenya bira gahuu qabu akka hin geenye taasisa.
Kana jechuun qaami hin goga yookiin hadoodee ergaa fudhachuu dhaba jechaadha.
Dhukkubi haala akkanaan daran beekamu Guillain Barre Syndrome (GBS) jedhama. Baay'ee namarra mul'achuu baatus osoo sammuu yaaduu qabanii namoonni qaama isaanii akka hin sochoosne dhorka.
Wanti gaarii garuu tura keessa fooyya'aa waan deemuuf namoonni qaama isaaniitti fayyadamuu eegalu.
Kiyya garuu kanaan faallaadha. Hammaataa deema. Jalqaba fiixee miilaarraa na eegale. Achi qubakoo. Amma adeemuun nan rakkadha. Miillikoo laafeera.
Ani harka mirgaan fayyadama. Amma garuu akka durii harkaan kaameraa sochoosuu hin danda'u. Sirriitti barreessuus hin danda'u. Yooman xiqqoo harka diriirse dafeen dadhaba.
Wanti nama gaddisiisu immoo harki mirgaakoos dadhabuu eegaleera.
Waggaa 12 dura dhukkuba kanaan qabamuu kiyya yeroon bare umriin kiyya reefu 30. Hiree fuuldureekoo qofa osoo hin taane, kan haadha warraakoo Anaafi kan ijoollee keenya irratti dhibbaa akka qabaatu bareera.
Kanaaf akkuma namoonni hedduu, warreen dhiiraa godhan, waa'ee isaa dubbachuun dhiise. Kanaafuu hanga namni nagaafachuu dhaabutti ''Hin beeku, wayyoon qaba,'' akkasumas ''hin yaadda'inaa'' jedhee deebisuun eegale.
Waggoota kudhanif akkana dhokseen ture. Waggoota 15 darban BBC'f dokimantarii dalageera.
Boodarra haati warraakoo waa'ee dhukkubakoo dokimantarii akkan dalagu yaada dhiheessite.
Dokimantariin 'Locked In: Breaking the Silence' waa'eekoorratti dalagame dhuguma deeggarsi akka na barbaachisu kanin itti hubadhe ture.
Namoota dhukkuba ani qabu jechuunis GBS'dhaan miidhaman barbaacha eegale.
Nami ani qunname tokko Sikoot jedhama. Reefu umriin isaa 40'oota keessa. Quba isaa irra dhukkubi yeroo isa eegalu biyyoota Awurooppaa keessa bashannanaa ture.
Sa'aatii 32 keessatti garuu kutaa wal'aansa addaa barbaaduufi deeggarsa veentiletaraan harganuu eegale. Qaama isaa sochoosuu hin danda'u. Sammuun isaa garuu sirriima hojjeta.
Kutaa kunuunsi taasifamuuf keessa waggaa lama erga turee booda amma mana isaa keessa jiraata. Wiilchariidhaan socho'uu eegaleera.
Hospitaalota UK keessa jiranitti namni dhukkuba akka kiyyaa qabu baay'ee xiqqoodha. Waggaatti dhukkubsataan tokko yookiin lama isaan bira dhufedha.
Ji'a 12 booda nama Roob jedhamu walbare. Umriin isaa 70 keessa. Erga quba isaa irratti dhukkubni itti dhagahame booda torban tokko keessatti qaamni isaa ajajamuufi dide.
Amma ijaan qofa namatti haasa'a.
Dokimantariin hojjedhe akka durii of dhoksuu osoo hin taane ifatti dubbachuu akka qabu na hubachiise. Amma hundi keenya ifatti haasa'aa jirra.
Mucaan koo dhukkuba kanaaf akka saaxilamuu danda'u na gaafatee akka yaadda'u hin qabne itti himu danda'eeras.
Dhukkuba Sikoot, Roob akkasumas kiyya gidduu garaagarteen jira. Anaaf qorichi na fayyisu jiraachuu baatus yeroofis ta'u akka natti hin hammaanne wal'aansi kennamu jira.
Dhiigi namoota hedduun arjoomameefi torban sadii keessa si'a torba fudhadhu sirna dhukkuba ofirraa ittisuu qaama kiyyaa akka haaraatti akka dalagu taasisa.
Ammaaf kanattin jira. Gaafa tokko wal'aansi kunuu hojjechuu dhiisuu mala.