Kamiseetti doktarri haala hin baramneen dhiigasaa arjoomuun lubbuu deessuu baraare maal hima?

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

"Hammi dhiigaa qaamashee keessa jiru baay'ee gadi bu'aa ture. Gidduudhaanis gara of wallaaluutti deemaa turte" Dr. Sa'id Ahimad.

Doktarri deessuu dhiigni baay'inaan dhangala'ee lubbuunshee haala yaaddessaa keessa turte dhiiga arjoomuun lubbuu baraaran miidiyaa hawaasaarratti jajamaa jiru.

Ogeessi kun Dr Sa'id Ahimad kan jedhaman yemmuu ta'u, Daayrektara Medikaalaa Hospitaala Waliigalaa Kamisee ta'uun hojjechaa jiru.

"Deessuun umrii waggaa 32 kun ALI Guraandhala 6, 2018 ganama naannoo sa'aa 4:00'tti ture gara dhaabbata keenyaa kan dhufte. Yeroo dhuftuttis miixuun eegalee ture" jedha ogeessichi muddannoosaa yeroo himu.

Ogeeyyiin fayyaa Hospitaala Waliigalaa Kamisees haadha ulfaa tanaaf qoricha miixuu erga kennanii booda haati kun intala dubraa nagahaan deesse.

Haata'u malee, yemmuu ogeeyyiin ofkaltii baasanitti dhiigni deessuu dhaabbachuu dide.

"Dhiigni maalif dhaabbachuu akka dide ispeeshaalistii dabalatee ogeeyyiin jiran hundi hordofaa turan" kan jedhan ogeessichi, dhiigni itti fufiinsaan dhangala'aa kan jiru tarsa'uu fiixee balbala gadameessaa daa'imni yeroo dhalatutti uumameerraa kan ka'e akka ta'e ofkaltiin erga bahee booda beekamuusaa himan.

"Tarsa'uun kun hanga gadameessaatti waan fulla'eef dhiigni dhaabbachuu hindandeneye. Dhiiga baay'eetu dhangala'e" jedhan.

Ogeeyyiin fayyaa hospitaalichaa qorichawwan dhangala'uu dhiigaa dhaabsisan deessudhaaf kennuun dabalataan tarkaanfilee garagaraa fudhatanis dhiigni harmee tanaa dhaabbachuu hindandeenye.

"Hammi dhiigaa qaamashee keessa jiru baay'ee gadi bu'aa ture. Gidduudhaanis gara of wallaaluutti deemaa turte" kan jedhan Dr. Sa'id, harmee kana riifariin gara Magaalaa Daseetti erguuf yaadamus yeroon kan heeyyamu akka hinturre himan.

"Hospitaalli Rifaraalaa Dasee kilomeetira 70-75 fagaata. Garasitti erguun akka hindanda'amnefi yaaliin baqaqsanii yaaluu hatattamaan raawwatamuu akka qabu gareen ogeeyyii murteesse" jedhan.

Yaalii baqaqsanii yaaluu kana taasisuuf heeyyama maatii kan mirkaneeffatan ogeeyyiin fayyaa hospitaalichaa qormaanni biraa isaan mudate.

Qormaata biraa

Deessuu dhiignishee dhangala'uu dhaabbachuu didefi lubbuunshee haala yaaddessaa keessa galeef yaaliin baqasanii yaaluu akka taasifamu murtaa'us dhiigni yuunitii 3 yookiin 4 (liitira 1.3 hanga 2 kan ta'u) ni barbaachisa ture.

"Dhiiga kana argachuuf dhaabbilee dhiyeenya keenyatti argaman hunda gaafanne, garuu dhiyeessiin dhiigaa gonkumaa hinjiru, baay'ee rakkannee.

Dhimmichi waan yeroo namaaf kennu hinturre. Turtiin sekondiiwwanii baay'ee ulfaatoo turan" jedhu Dr. Sa'id haala waqtii sana ture yeroo ibsan.

Dabaluunis "Gosti dhiigaa maatii deessuu kan deessuu walin wal hinfakkaatu ture. Dabalataanis dhiiga arjoomuuf haala tasgabbaa'aa keessa hinturre. Dhiphinni isaaniis, haalli ture nama dhiphisa ture" jedhan.

Kanaafis Dr. Sa'id gosti dhiigaa isaanii kan deessuu waliin walfakkaataa waan ta'eef mataa isaaniin dhiiga arjoomuuf murteessan.

"Gosti dhiigaa koo fi kan deessuu walfakkaataa ture. Gosti dhiigaa keenya O+ kan jedhamudha. Filannoo biraa gonkumaa hinqabnu waan tureef seeraan dhorkamullee faayidaafi yaaddoo ture ilaallee erga murteessinee booda dhiigakoo hatattamaan (direct transfusion) arjoomef" jedhan.

Ogeessi kun dhiiga isaanii battalatti deessuudhaaf arjoomuu isaaniin dura qorannoowwan akka HIV, Tiruu B fi C, dhukkuba fanxoofi qorannoon dhiigaa waliigalaa taasifamuusaa himan.

Haata'u malee, dhiigni isaan kennan gahaa waan hinturreef hojjetaa kutaa laboraatorii hospitaalichaa Mahaammad Abduu jedhamufi namoonni biroon lama dhiiga dabalataa arjooman, yaaliinis ni taasifame.

"Dhiiga arjoomamefi yaalii baqaqsanii yaaluu taasifameen lubbuushee tursiisuun danda'amus haallishee xiqqoo gaarii waan hinturreef hatattamaan gara kutaa yaala cimaatti (ICU) seensisne" jedhan.

Kutaa yaala cimaattis sa'aatiiwwaniif yaaliin erga taasifameef booda haalli fayyaa deessuu kanaa fooyya'uu eegale.

Guyyaa tokko boodas kutaa yaala cimaa keessaa baatee kutaa tursiisa haadholii dahanii seente. Yeroo muraasa boodas fooyyoftee daa'imashee waliin gara manashee deemuushee doktarichi himan.

Bifa kanaan lubbuu deessuu baraaruu isaaniitti miira itti dhagahame kan gaafanne ogeessichi, "akka ogeessa fayyaatti wantoonni akkanaa baay'ee haaraa miti, yeroo baay'ee nu mudata" jedhan.

Haa ta'u malee inni ammaa kun deessuu ta'uusheetiin fi dhiigni barbaadamee gonkumaa dhabamuunsaa haalicha ulfaataa taasisee akka ture himan.

Kana malees haalawwan rakkisoo akkanaa keessatti kaanif fakkeenya ta'uu waan qabaniif murtee kana murteessuusaanii himan.

"Yaalamtee erga xummurtee booda kaatee yeroo dubbattu, daa'imashee hammattee yeroo ilaaltu baay'ee namatti tola. Ogeeyyiin hospitaalichaas gammadaniiru" jedhan.

Yeroo ammaattis deessuun kun haala gaariirratti akka argamtu kan himan Dr. Sa'id, isaan yeroo 20'ffaaf dhiiga akka arjoomanis himaniiru.

Hanqina dhiigaa qormaata ta'e

Hospitaalli Waliigalaa Kamisee baankii dhiigaa xiqqoo (Mini blood bank) akka qabu kan himan Dr. Sa'id Ahimad, godinicharras giddugalli baankii dhiigaa akka jiru himan.

Haa ta'u malee hospitaalichi rakkoo dhiyeessii dhiigaa cimaa akka qabu himu.

"Dhugaa dubbachuuf rakkoon dhiyeessii dhiigaa qormaata keenya isa guddaadha. Baqaqsanii yaaluun baay'inaan hojjetama, sababa balaawwan adda addaan dhiiga kan barbaadan ni jiraatu. Kanaaf dhiigni baay'ee ni barbaachisa" jedhu.

Arjooma dhiigaan walqabatee akkuma biyyaattuu hanqinni hubannoo akka jiru kan himuunis hammi dhiigaa arjoomamu hamma dhiigaa barbaadamuun yeroo madaalamu baay'ee xiqqaa ta'uu dubbatu.

Kana malees iddoowwan dhiigni arjoomame itti qoratamu (blood screening sites) akkuma biyyaattuu muraasa ta'uu himan.

"Iddoowwan dhiigni itti qoratamu (calalamu) hamma fageenya murtaa'een osoo hundeeffamanii furmaata ni fidu jedheen yaada. Dhaabbata keenyarratti yookiin godina keenyarratti buufatni kun ni barbaachisa" jedhan.

Kanaafis Biiroon Fayyaa naannichaafi Ministeerri Fayyaa deeggarsa barbaachisu akka taasisanif waamicha dhiyeessaniiru.