Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
UAE, Turkii fi Sa'uudiin Itoophiyaarraa maal barbaadu?
Yunaayitid Arab Emireetis (UAE) fi Sa'uudii Arabiyaan biyyoota yeroo mara wal morkaa turan miti.
Fakkeenyaaf Pirezidantiin Masirii Abdel Fattaa al-Siisii akka aangoo qabatu gargaaruu keessatti qindoominaan hojjetaniiru.
Har'a walitti garagalanis, kanaan dura garuu dhimma Liibiyaa fi Yaman irratti ejjennoo walfakkaataa qabu turan.
Dhimma Israa'elii fi Filisxeem ilaalchisees Liigii Arabaa keessaa biyyoonni kunneen ejjennoo walitti dhihaatu qabu.
Walqoollifannaa isaaniif sababoonni hedduun eeramuu danda'u, garuu dhibdeensaanii daangaa darbee dhimma Gaanfa Afrikaa ta'uuf sababoonni ijoon maal akka ta'an gabaasa kana keessatti qabanneerra.
Maqaan Itoophiyaa UAE fi Sa'uudii Arabiyaa waliin ka'uu erga eegalee bubbuleera. Fuulduratti kan mul'atu daldalaa fi investimentiidha, ammoo ajandaan siyaasa duuba jiraa? Dhimmoonni ajandaan siyaasaa jiraachuu akeekan maal fa'i?
Kallattii kaaniin hiriirtee kan jirtu ammoo Turkiidha. Akka biyyoota galoo galaanaa lameenii [Sa'uudii fi UAE] osoo hin taane Itoophiyaa fi Turkiin hariiroo waggaa dheeraa qabu.
Garuu amma hariiroon isaanii bifa akkamii qabateera? Yuniversitii Siivil Sarvisii Itoophiyaatti ogeessi qorannoo imaammataa Mukarram Miftaa (PhD), fedhii UAE fi Sa'uudii dantaa US fi Israa'el faana walbira qabuun ibsan.
Hundeessaa fi hogganaa jaarmiyaa Center for National and Regional Integration Studies TinkTank kan ta'an Ibraahim Mulushawaa (PhD) ammoo Turkiin bulchiinsa Erdowaan jalatti imaammata Afrikaaf xiyyeeffannaa addaa kenne hordofaa jiraachuu ibsan.
Biyyoonni sadeen Itoophiyaarraa maal barbaadu? Kana hubachuuf seenaa duuba jiru irraa haa kaanu.
Dachee bal'oo Arabaa keessatti olaantummaa qabaachuuf morkii taasifamu
UAE fi Sa'uudiin dhiibbaan isaan Itoophiyaa fi Gaanfa Afrikaa keessatti qaban dhiheenya kana dabalaa jira.
Morkii biyyoonni kunneeniif ka'umsi maali? Biyyoonni lameen biyyoota Muslimaa Arabaati.
Garuu biyyoota Arabaa Muslimoota ta'an keessatti olaantummaa qabaachuuf wal morku.
Dr. Mukarram keessumaa erga ilmi mootii Mohammad bin Salmaan Sa'uudii bulchuu eegalee morkiin cimeera jedhu.
Sa'uudiin biyya iddoowwan amantii Islaamaa keessatti kabaja guddaa qaban, Makkaa fi Madiinaan, keessatti argaman waan taateef akka biyyoota Muslimaa bakka buututti of ilaalti.
Warri UAE gama kanaan morkachuuf ka'umsa amantii fi seenaa bal'aa waan hin qabneef dorgommii isaanii gama diinagdeen cimsaniiru.
UAEn gama saayinsii fi teeknooloojiin akkasumas damee ijaarsaan dorgomtuu cimtuu ta'aa jirti.
Abbootiin qabeenyaa Awurooppaa, Ameerikaa, Chaayinaa fi Indiyaa hedduun UAE keessatti hojii investimentii hojjechuun biyyattiin saffisaan akka guddattu gargaareera.
Dr. Mukarram Sa'uudiin akka UAE milkaa'ina gama diinagdee kana qooddachuu akka hin dandeenye ibsan.
Gaaffiin olaantummaa kan amantiirratti hundaa'e wayita baay'atu, dhimmoonni siyaasaa fi diinagdee hordofanii dhufuun waan hin oolle.
UAEn dhihoo kana diinagdee jabaa damee tajaajilaa bu'uura godhate ijaaraa jirti.
Sochiin daldalaa guddaan kan keessatti gaggeeffamu Dubaay kanaaf fakkeenya gaariidha.
Sa'uudii Arabiyaan ammoo qabeenya boba'aa isheerraa humna guddaa argatte qabdi.
Qabeenya boba'aarraa argattuun Ameerikaa fi Awurooppaa irraa meeshaalee waraanaa akkaan ammayyaawoo ta'an bitachuun humnashee cimsataa akka jirtu ogeeyyiin ni ibsu.
Gama kanaan warri UAE hangas mara cimtuu miti.
''Miirri dorgommii yeroo booda gara morkiitti ce'eera,'' jedhu Dr. Mukarram. Morkiin UAE fi Sa'uudii fedhii dhuunfaa hooggantoota isaaniirraa kan eegalu ta'uu ibsan.
Morkii MBS fi Pirezidantii UAE
Ilmi mootii Sa'uudii Arabiyaa Mohammad bin Salman (MBS) fi Pirezidantiin UAE Sheek Mohammad bin Zayid Al Nahyaan hooggantoota ''Rifoormii bu'uuraa'' fidan jedhamuun addunyaarratti beekamuu barbaadu.
Biyyoonni lameenuu maatii moototaan hoogganamu. Sirna duriitti cichuu keessaa ba'uun rifoormii fiduu ilaalchisee hoggantoonni lameen biyyoota Arabaaf fakkeenya ta'uu akka barbaadan dubbatu Dr Mukarram.
Fakkeenyaaf MBS dubartoonni akka konkolaachisan eeyyamuun akkasumas weellistoota biyyoota lixaa affeeruun biyyattii sirna duriitti cichuu keessaa baasuun jijjiirama bu'uura fidaa jiraachuusaa agarsiisa.
Sheek Mohammad bin Zayid Al Nahyaan dorgommii gama kanaan jiru injifatamuu hin barbaadan.
Morkiin dhuunfaa dureewwan lameen gidduutti cime keessatti dhimmoonni biyyoota addunyaa kaaniis ni hammatamu.
''Hoggantoonni lameen rifoormii gaggeessuun dhaadatan garaagarummaan gidduusaanii sadarkaa jaarmiyaa fi biyyootaatti babal'achaa dhufeera. Amma qondaalonni lameen wal tuffatu, wal qoollifatu. waldhibdee dhuunfaa hara jaarmiyaatti ceesisaniiru,'' jedhu Dr Mukarram.
Morkiin dhuunfaarraa ka'ee gara dhaabbataa fi biyyootaatti babal'ate akkamiin akka Itoophiyaa fi Gaanfa Afrikaa hirmaachise haa ilaallu.
Fedhii biyyoota Galoo Galaanaa bara bulchiinsa MM Abiy
Ga'een biyyoota Arabaa Gaanfa Afrikaa fi Itoophiyaatti ba'ee kan mul'ate bara bulchiinsa Ministira Muummee Abiy Ahmad.
UAE fi Sa'uudiin hojiilee investimentii biiliyoonotaan tilmaamu Itoophiyaa keessaa qabu.
Erga MM Abiy aangoo qabatanii warri UAE doolaara biiliyoona sadi ta'u haala adda addaan Itoophiyaa keessatti baasaniiru.
Dr. Mukarram hariiroo Itoophiyaa fi UAE bara 2018 duraa fi isaa asitti qooduun ilaalu.
Hariiroon siyaasaa fi diinagdee xiqqaarraa eegalee babal'ataa akka deemu kan kaasan ogeeyyiin, hariiroon Itoophiyaa fi UAE garuu ''akka tasaa ka'ee kan guddatee fi suduudaan kan dabalaa dhufe,'' akka hin taane eeran.
Birqabaan yoo Turkii fudhanne, guddinni hariiroo ykn jijjiiramni diinagdee fi siyaasaa biyyoota lameenii ''raaguuf kan dandeessisudha,'' jedhu.
Erga dhimma Turkii kaasnee biyyi kun haala biyyoota Galoo Galaanaan irraa adda ta'een hariiroo isheen Itoophiyaa waliin qabdu haa ilaallu.
Fedhii 'faallaa gita bittaa' Turkii
Hariiroon Turkii fi Itoophiyaa wayita bulchiinsi Otomaan Turkii jaarraa 16ffaa keessaa gara Gaanfa Afrikaatti socho'e irraa eegale.
Warri Turkii waggootaaf naannawa Galaana Diimaa turan. Itoophiyaan danaa amma qabduun erga hundooftee booda Turkiin sahaaraan gaditti imbaasii ishee jalqabaa Finfinneetti bara 1926 banatte.
Kun hariiroon biyyoota lameenii hangam akka cimaa fi seena qabeessa ta'e agarsiisa.
Bara mootummaa yaadama sooshaalizimiin taliigamu- Dargii keessa laafee kan ture hariiroon kun bara ADWUI iddootti deebi'eera.
Dr. Ibraahim akka jedhanitti Turkii keessatti erga paartiin AK aangoo qabatee, guddina biyyattii saffisiisuuf jecha biyyoota adda addaa keessatti darbanii investimentii hojjechuun dabaleera.
Biyyoota Turkiin investimentiif filatte keessaa tokko Itoophiyaadha. Investimentiin biyyattiin Itoophiyaa keessaa qabdu naannoo doolaara biiliyoona 2.5 ga'eera.
Kubbaaniyyaawwan 200 ol ta'an keessatti lammiileen Itoophiyaa kuma 20 ta'an qacaramanii hojjetu.
Hariiroon biyyoota lameenii garuu investimentii fi daldala bira darbee gara qindoomina waraanaatti ce'eera.
Warri Turkii akka qaama Awurooppaatti of ilaalu. Ammoo ejjennoo ''faallaa gita bittaa'' akka qaban ibsu.
''Kun ammoo Itoophiyaa fi Turkiin hariiroo walqixxummaarratti hundaa'e akka qabaatan dandeessisa,'' jedhan Dr. Ibraahim.
Gara fedhii fi karoora Turkiin akkasumas UAE fi Sa'uudii Arabiyaan Itoophiyaa fi Gaanfa Afrikaa irraa qabaniitti haa ceenu.
'Fedhii US fi Israa'el eegisuu'
Fedhii UAE fi Sa'uudii wayita ilaallu xiinxalli tokko, biyyoonni Gaanfa Afrikaa tasgabbii dhabuun raafamaa jiran, rakkoo siyaasaa fi kufaatii diinagdee keessa seenuu sodaa ykn dantaa diinagdeesaanii eegsifachuuf kan itti seenan ta'uudha.
Biyyoonni kunneen Gaanfa Afrikaa keessatti buufata humna waraanaa babal'ifachuu akka barbaadan beekamaadha.
Naannoon kun sochiin daldalaa bal'inaan kan keessatti gaggeeffamu ta'uunis dhugaadha.
Biyyoonni kunneen Baha Afrikaa keessatti hojiiwwan investimentii isaaniif eegumsa cimaa gochuu barbaadu.
Waraana Tigraay akkasumas walitti bu'iinsa naannolee Amaaraa fi Amaaraan nageenyi Itoophiyaa rakkoo keessa galus, biyyattiin Gaanfa Afrikaa keessatti biyya guddoo waan taateef biyyoonni kunneen hariiroosaanii waliin cimsuu barbaadu.
Dr. Ibraahim yaada isaanii wayita ibsan dhimma fedhii Ameerikaa fi Israa'el eegsisuu irratti xiyyeeffatan.
Pirezidant Tiraamp marsaa lammaffaaf erga filatamee booda hariiroon Ameerikaa fi Afrikaa laafeera.
Kanaafuu fedhii Ameerikaa biyyoota kaan ergachuun galmaan ga'uuf yaaliin taasifamaa jira.
Teessumi lafa Gaanfa Afrikaa irra imaluuf kan mijatuu fi balaa ofirraa ittisuuf bakka mijataa ta'uun isaa biyyoonni Arabaa akka fedhii guddaa irraa qabaatan sababa ta'uu ibsu ogeeyyiin.
Ameerikaa fi Israa'el fedhiin isaan Gaanfa Afrikaa keessatti qaban ''gaaffii beekamtii biyyummaa Israa'el dhiheessaa jirtu deebisuuf'' imaammata alaa Israa'el gaggeessitu waliin akka wal hidhatu dubbatu Dr. Mukarram.
Masirii dabalatee biyyoonni Liigii Arabaa dhimma Israa'el fi Filisxeem irratti dhiibbaa uumuu keessatti biyyoota adda durummaan eeramaniidha.
''Sochiin Gaanfa Afrikaa keessatti taasifamu kamiyyuu dhiibbaa kana keessatti hammatamuu danda'a. Kanaaf Ameerikaa fi Israa'el warra UAE deeggaru,'' jedhu.
Sa'uudii Arabiyaan ammoo hariiroon isheen Iraa'el fi Ameerikaa waliin qabdu laafaa akka dhufetu mul'ata.
Sa'uudiin ''ergamtuu mootummaa Israa'el'' jechuun UAE himatti.
UAE fi Sa'uudii Arabiyaan dhimma Baha Afrikaa irratti morkii keessa galuu duuba fedhii Israa'elii fi Ameerikaatu mul'ata.
''Itoophiyaattis ta'ee Gaanfa Afrikaatti waliigalatti ga'een isaan amma ba'achaa jiran isaan dabalatee eenyuufuu faayidaa qaba jedhee hin yaadu. Faayidaa safaramuu danda'u maal argatan? Gama siyaasaa fi diinagdeen maal buufatan?'' jechuun gaafatu Dr Mukarram.
Dhimma Itiyoo-Ertiraa fi Gaanfa Afrikaa
Gaaffii ulaa galaanaa Itoophiyaa booda Itoophiyaa fi Ertiraa gidduutti muddamni hammaateera.
MM Abiy Ahmad garuu dhibdeen biyyoota lameenii tibba waraana Tigraay akka eegale haasaa Paarlaamaa biyyattiirratti taasisaniin ibsaniiru.
Wayita waraanni gaggeeffamaa turetti loltoonni Ertiraa sarbama mirga namoomaa fi mancaatii qabeenyaa gaggeessuu kan ibsan MM Abiy, waraanni Itoophiyaa isa kana dhorkaa turuu fi dhibdeen achirraa eegaluu dubbatan.
UAE fi Sa'uudiin garee Sudaan keessatti wal waraanaa jiran- humna waraanaa biyyattii fi humna addaa RSF, tumsuun ''waraana al-kallattii'' gaggeessaa akka jiran gabaasaaleen ni mul'isu.
Taateen dhiheenya kana Gaanfa Afrikaatti muddama hammeessan keessaa tokko waliigaltee ulaa galaanaa Itoophiyaa fi Somaalilaand gidduutti mallattaa'e jedhamedha.
Beekamtii biyyummaa Israa'el Somaalilaandiif kennitetti kan mufatte Somaaliyaan ammas mormiishee dhiheessuu itti fufteetti.
Sababa kanatti hariiroo UAE waliin qabdu adda kutteetti.
Sababa Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaatti guddoo kan walitti mufatan Itoophiyaa fi Masiriin karaa Sudaan fi Somaaliyaa fedhii isaanii eegsifachuuf yaalu.
Haalli naannawa Gaanfa Afrikaa kun, fedhii biyyoota naannawa kanaa irratti dabalataan dantaa biyyoota alaa gidduu seenaniinis kan murtaa'uudha.
Pirezidantiin Ertiraa UAEn gaaffii ulaa galaanaa Itoophiyaan dhiheenya kana cimsitee jirtu duuba jirti jechuun himatu.
Sa'uudii Arabiyaa waliinis michummaa cimsaniiru.
Dr. Mukarram Itoophiyaa fi Ertiraan sababa dhimma gaaffii ulaa galaanaan waraanatti seenu jedhanii amanu.
Haata'u malee biyyoota lameen gidduutti yoo waraanni ka'e maal ta'a?
"Sa'uudii Arabiyaa waliin yoo birqabaan ilaalle Itoophiyaa keessatti hirmaannaan UAE guddaadha. Investimentii doolaara biiliyoona 2.5 ta'u qabu. Kana eegsisuuf jecha Itoophiyaa bira dhaabbachuu danda'u,'' jedhan.
Mancaatii fi goolama dippiloomaasii waraanni fidu ilaalcha keessa galchuun Itoophiyaan karaa naga qabeessa ta'een gaaffii ulaa galaanaa qabdu karaa Somaalilaand milkeessuu dandeessi jedhanii amanu ogeessi kun.
Garuu Itoophiyaan Somaalilaandiif beekamtii biyyummaa kan kennitu yoo ta'e Somaaliyaa fi Turkii faana waldhabuun ishee waan hin oolle.
Turkiin Ardii Afrikaaf xiyyeeffannaa addaa kennuunshee Itoophiyaa faana hariirooshee akka cimsitu taasiseera kan jedhan Dr. Ibraahim gamasaaniin, imaammati Turkiin Gaanfa Afrikaa keessatti qabdu ''hunda irraa qixa akka fayyadamtu'' kan ishee taasisu ta'uu ibsan.
Turkiin Itoophiyaa fi Somaaliyaa waliin hariiroo mishaa qabdi, hariiroon kun cimee akka itti fufuuf ammoo biyyoota lamaan gidduu nagaan akka jiraatu biyya kam caalaayyuu ni feeti.
Ankaraatti biyyoota lameen kan araarsiteef lameenuu akka hin dhabneefi.
Ergaan Turkiin dabarsuu barbaaddu ''Itoophiyaa salphaatti dhabuu hin qabnu. Fedhiin Itoophiyaa fedhii keenyas,'' kan jedhuudha.