Namoonni tokko bifaafi sansakkaa ofii maaf jibbu?

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Namoonni tokko tokko of-ilaallee keessatti bifa isaanii ilaalanii kan ofitti aaran jiru. Chaarloot namoota akkasii keessaa tokkoodha. Umurii dargaggummaan ishee eegaluu irraa kaaseti bifa ishee akka malee jibbuu kan eegalte.

Bifashee of-ilaallee keessatti gaafa argitu akka malee waan jibbituuf osoo mana baruumsaa deemuuf hin qophaa'in dura kuulii dibatti. Kuulii dibattuun bifa uumamaa qabdu isa jibbitu sana haguuguu barbaaddi.

Kolleejjii gaafa seentu ammoo qormaataf qofa malee akka hin deemne himti. Hiriyoota wajjinis sagantaa garaa garaa irratti hirmaachuu irraa of-qoollifatti. Sababni ammoo namni suura akka ishee kaasu waan hin barbaannefi.

Dhumarratti gaafa qoratamtu rakkoo fayyaa sammuu waa'ee ofii ilaalcha gaarii qabaachuu dhabuun qabamuunshee barame.

Body Dysmorphic Disorder jechuun waa'ee qaama ofii gammachuu dhabuufi yaaddoo keessa galuufi jireenyi kanarraa kan ka'e jireenyi guyyuu namaa jeeqamuu ibsa pirofeesara xiinsammuu hawaasaa kan ta'e Viren Iswaamii.

Namni rakkoo akkanaa qabu, qaamuma rakkoo hin qabneefi namni biraa ni bareedda jedhee yaada kennuuf jibba akka ogeessi kun jedhutti.

Namoonni bifa ykn qaama isaanii jibban mallattoowwan akka miira miidhamuu, yeroo dheeraaf waa'ee bifa ofii yaaduufi waa'ee bifa ofii yaaduu dhiisuu dadhabuutu irraa mul'ata.

Dabalataanis deddeebi'anii of-ilaallee dura dhaabbachuun of-ilaaluu, kutaa qaama ofii hin bareedu jedhan irra deddeebiin tuttuquu fa'aa agarsiisu.

"Waanti isaan yaadan guutummaan waa'edhuma qaama isaaniti, waanta biraa homaa isaanitti hin fakkaatu," jedha Viren Iswaamii.

Akka ogeessi xiinsammuu hawaasaa kun jedhutti yeroo heddu dubartiin waa'ee qaama ykn bifa isaanii dhimmanis, bifti ykn qaamni ofii waan fakkaatu jibbuun rakkoo dhiirotas dubartootas mudatuudha.

Chaarloot waggoota dheeraaf rakkoo kanaan dararamaa namarraa adda baatee erga turtee booda hospitaala namoonni rakkoo fayyaa sammuun wal-qabatu itti bayyanatan seente.

Hospitaala seentee waldhaansa teeraappii erga argattee booda "dukkana keessaan bahe" jechuun dubbatti.

Hospitaalatti waldhaansa bayyannaa irra turtee erga baatee booda, muuxannoo karaa onlaayinii qooduun namoota rakkoo wal-fakkaataa qaban gargaaruu eegalte.

Ogeessi xiinsammuu hawaasaa Viren Iswaamii akka jedhutti, namoonni rakkoo wal-fakkaataa qaban, of qoolliffachuufi dhiphinaaf saaxilamuurra ogeessa fayyaa bira yoo deeman salphaatti rakkoo furamuu danda'uudha.

'Ani gokkistuudha jedhee yaadaa turuu kootti nan gaabba'

Tiilii Kaay akkuma Chaarloot umurii dargagummaatti seenuu jettutti rakkoon Body Dysmorphic Disorder ykn rakkoon qaama ykn bifa ofii jibbuu ishee mudate.

Ani hin bareedu jettee waan yaadduuf huccuu dhidhiphaa qaama sansakkaa ishee mul'isu hin uffattu turte. Bakka namni jiruttis of-ilaallee keessatti of ilaaltee akka hin beekne dubbatti.

Jalqabarratti ofitti amanamummaa dhabuu xiqqaa wayii ykn dhiphinatu ishee mudate itti fakkaatee ture.

"Amaloonnin ani agarsiisaa ture ilaalchan ani bifa ykn waan qaamni kiyya fakkaatuf qaabu wajjin akka wal-qabatu hubannaa hin qabun ture," jetti Tiil.

Rakkoonshee kan itti hammaate yuunivarsiitii erga seentee booda ofiishee hiriyootashee waliin wal-dorgomsiisuu yeroo eegaltuudha.

Kuni ammoo waa'ee qaamashee ilaalchi isheen qabdu caalmatti akka isheen abdii kutattuufi miirri "ani kana booda gatii hin qabu" jedhu itti dhagahamuu keesssa seente.

Ogeeyyii fayyaa heddu bira deemtus, rakkoo isheen keessa jirtu sirriitti hubatee kan waldhaansa bayyanachuu sirrii kenneef hin arganne turte.

Boodara Tajaajiila Fayyaa Biyyaalessaa UK kan NHS jedhamuun beekamu keessa hojjachuu yeroo eegaltu, ogeessa rakkooshee hubate wajjin kan wal-barte.

Tiiliin amma waldhaansa bayyanannaa argatteen rakkoo ilaalcha qaama isheef qabdu to'achuu dandeessee jirti.