Haalaa fi amala moo bifatu jaalala keessatti isin booji'a?

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 5

"Haalaaf amalaa fi bifa teetirraa,

Jaalala dhugaatu na qabee sirraa,

Si jaalle jechuudhaan bahu heerarraa ,

Magaala shaggee boontu oborraa " jedha artsit Aadam Haaruun wellee isaatiin.

Adam wallee isaa kanaan haalaaf amalaa fi bifaan booji'amuu hima.

Isin nama jaallattan haalaafi amala isheen/isaan moo bifaanidha?

Isa kamitu caalaa nama mo'ataa?

Qorannoon gaaffii kana deebiseera.

Bifti wal argaa jalqabaarratti nama hawwachuuf bakka olaanaa qabaatus, haalaa fi amalootni biroo qalbii namaa booji'anis jiru.

Bifaaf xiyyeeffannaa kennamurraa kaanee yoo ilaallu, ilaalchi wal argaa jalqabaarratti horannu hagam murteessaa akka ta'e beekamaa dha. Kanarraa kaanee bifti jaalalaan booji'amuu keessatti iddoo olaanaa qaba.

Bifa hawwataa qabaachuun namuu waan hawwu ta'us, bareedinni keessoo fi ciminni namaa murteessaa dha.

Qorannoowwan akka agarsiisanitti bifti gaarii fi miidhaginni barbaadamummaan isaanii giddugaleessa. Qabeenya, maallaqa, mana qabaachuun fa'i waan nama hawatan keessaa waan sadarkaa gara dhumaati.

Kana caalaa wanti namarraa nama hawatan amaloota akka namaan waliiigaluu danda'uu, hariiroo hawaasummaa jabaa qabaachuu fi qaroo ta'uun bifa caalaa isaan ijoo dha.

Kun hariiroo jaalala dhiiraa fi dubartii fi kan biroo keessatti namoota jidduu keessatti iddoo olaanaa kan qabani.

Ameerikaatti profeesarri saayikoolojii yunivarsiitii Filooriidaa Greg Webster, namoonni hunda caalaa nama bifa tolu caalaa nama qaroo jaalatu jedha.

Garuu jireenya qabatamaa keessatti dhuguma bifa caalaa namooma filannaa ?

Hundeessitoota aappii jaalallee walitti fidu So Sycd keessaa tokko kan ta'e Jees Aldersan bifarra namoomatu irra nama booji'a jedha.

Samuda namoota 1,000 caalanii BBC Future,irraa akka hubatamettis 90% namoota kan booji'u bifa caalaa haalaa fi amala.

Haalaa fi amala namaa shallaguun waan rakkisaa dha.

Qorannoon saayikoomeetirii gaaffii barreeffamaa (questionnaire) guutuun haalaa fi amala namaa baruu waggoota kurnan hedduuf tureera.

Gaaffileen akkasiitiif deebii argachuuf uunkan guutamu immoo namoonni yaada wayiirratti hagam akka waliigalan ykn waliin hin galle gaafachuudhani.

Saayikoolojistoonni haalaa fi amala namaa baruuf gaaffiilee qorannoo waan ijoo shan fayyadamu. Big Five test jedhamu.

Haalota haaraaf Iftoomina, gahumsa, kaka'umsa, waliigaltee qabaachuu fi tumsa, fi qromaataf kan hin jilbiiffanne ta'uu fa'i. Ammas madaalliiwwan kunillee hanqina ofii hinuma qabaatu jedha Webster.

Qorannoowwan bifa kanaa wal fakkeenyaa fi garaagarummaa namootaa ni agarsiisu, haalaa fi amala namaarratti waan baay'ee mul'isu.

Haalaa fi amaloonni keenya tokko tokko immoo hagam akka hariiroo jaalalaaf qabatamaaf nama sirrii akka taane agarsiiftuu gaariidha.

Gaaffilee ijoo shanan keessaa, waliigaltee, kan jedhu dandeettii namaan waliigaluu (naatoo namaa qabaachuu), saala lamaaniifuu fedhii wal barbaaduusaanii, hariiroo keessatti gammachuu ammaa fi borii tilmaamuuf, akkasumas hariiroo dhaabuuf murteessuuf gaaffii murteessaa dha.

Lachaniifuu [dhiiraa fi dhalaaf] qaamaan hawwatoo ta'uun akkasumas nama waliigaltee ta'uun fedhii hariiroo jaalalaa dhugaa tilmaamuuf dhimmoota ijoo dha.

Nama gaarii ta'uun "hariiroo jaalalaa tasgabbaa'aafi fulla'aadhaaf" gaarii dha jedha Webster.

"Nama waliigaltee ta'uun immoo waan barbaachisaa dha," jedha. Nama gaarii hin taane jettee yaaddu waliin hariirootti seenuun rakkoo dha.

Ilaalchi ofii keenyaa fi kaanirratti qabnu waan tanaan duraan dura beeknurratti hundaaya.

Fakkeenyaaf: namoonni namaan waliigalan kaanis namoota gaarii fi michuu yoo jedhanii hubatu. Kan namaan walii hin galleen immoo faallaa hubatu jechuu dha.

Kanneen duudhaa keenya qooddataniin hawatamna. kanneen haalaa fi amalli keenya tokko ta'uun wal taana jechuu ta'a.

Soosiyoolojistoonni Teerii Orbarchii yunivarsiitii Michigaanirraa fi Susan Speensar yunivarsiitii Ilinooyis irraa namni qaamaan beeknu, firummaa qabnu, waliin jiraanne itti dhiyaachuuf filachuun keenya wal fakkeenyi (walitti dhiyeenyi) hariiroo ijaaruu keessatti hagam murteessaa ta'uu namatti agarsiisu jedhu.

Michuuwwan naamusaan waa xumuruu danda'uu qabanii fi dammmaqina olaanaa qaban kaan caalaa dandeettii rakkoo furuu fi rakkoo guyyuu isaanii to'achuu danda'u.

Namoonni kan barbaadan kanneen hawaasummaan, qaamaa fi diinagdeen olaantummaa qaban ta'ullee hiriyoota isaaniirraa waan kana eeguu dhiisuu danda'u-Greeg Webster.

Hiriyaa nu fakkaatu, kan haalaa fi amala keenya bifa, iddoo, fi garee hawaasummaa qooddatu barbaadna. Kun "qajeeltoo hawatamummaa isa bu'uuraa ti" jedhu saayikoolojistoonni Elen Berscheed yunivarsiitii Minisootaa fi Haarii Reed yunivarsiitii Roochester.

Kun yeroon hin hojjennes jira jedhu.

"Namootaan hawwatamuuf yoo xinnaate garaagarummaa wayii irraa qabaachuu qabna" jedha Alderson kan aappiin isaa namoota eenyummaan haalaa fi amalaa isaanii wal simu walitti fidu.

"Michoomni jabaan yeroo dheeraaf kan fulla'u dha. Kun immoo walitti dhiheenya gadi fagoorrattii kan ijaaramu."

Madaalliin saayikoometrii kan aappii michootaaSO Syncd keessatti dhimma itti bahame kan Big Five waliin wal hin fakkaatu.

Garuu akkamiin hariiroon dhuma ykn ijaarama waan jedhurratti ergaan isaanii wal fakkaata.

Duudhaan fi fedhiin waloo yoo bu'uura jabaa ijaaran, garaagarummaan wal fakkaatan qabaachuunis hariiroo ni si'eessu" jedha Alderson.

Haalaa fi amalli kamuu hariiroo gaarii horachuu danda'a. Hariiroon kamuu immoo jabinaa fi hanqina mataasaa qaba .

Yoo waa hedduun wal fakkeenyi jiraate hireen wal nuffuu kee olaanaa dha. Yoo immoo akka malee addaan fageenyi jiraates guyyaa hundi gammachuu ta'uu dhiisuu danda'a "

Hariiroo keessatti, waliigalteen yoo haala fi amaloota hawwataan dabaalame nama gaarii uuma jedha Webster.

Qorannoon Webster ogeeyyii saayikolojii Anjellaa Biriyaanii fi Amaandaa Mahaafeey waliin barreesse gama hawaasummaa, qaamaa fi maallaqaan jabaa ta'anii ilaaleera. Akkasuma kanneen namaan waliigaluutti cimoo hagam akka kaan hawatan ilaaleera.

Amaloonni sadanuu hawatoo dha jedha qorannoon. Sababni isaa nagayummaa (tika), fedhii bu'uuraa kanneen akka nyaata, uffata fi mana jireenyaa namaaf, haala jireenyaaf wabii ta'a waan ta'eef.

Garuu olaantummaan waan gaariifis badaafis dhimma itti bahamuu danda'ama.

Namoonni namoota gama hawaasummaa, qaamaa fi maallaqaan olaantummaa qabaniin ni hawwatamu garii hariiroo (michummaa) keessatti waan akkasii hojjechuu dhiisuu danda'a jedha Webster.

"Oaantummaa qabaachuun waan tokko ta'ee, waan qabdu san jaalallee kee waliin qooddachuu ni feetaa?" jedha.

Webster hiriyaa gaarii argachuuf nama gaarii fi waliigaltee ta'uu wanti caalu hin jiru jedha.

Waa maraafuu nama gaarii ta'uun eessattuu ni wayya.

Akkuma Aartist Aadam Haaruun wellee isaatiin jedhe haalaaf amalli darbees bifti jaalalaa keessatti michummaa (hariiroo) keessatti waan ijoo murteessoowwani jechuu dha.