Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Iccitiin dubartoonni Jaappaan hedduun waggaa 100 ol akka jiraatan gargaare maali?
Mootummaan Jaappaan lammiileen isaa umuriinsaanii waggaa 100 ol ta'e 100,000 caaluu beeksiseera.
Baayyinni lakkoofsa kanaatiis kan kanaan dura biyyattii keessatti hin beekamneefi akka riikardiitti kan galmaa'eedha.
Walitti aansuudhaan waggaa 55'f riikardii galmeessaa kan dhufan maanguddoonni Jaappaan waggaa dheeraa jiraatan kunneenis hanga dhuma baatii Waxabajjiitti 99,763 akka turan ministirri fayyaa biyyattii dhiheenya beeksiiseera.
Namoota umuriinsaanii waggaa dheeraaf jiraatan kanneen keessaa parsantaa 88 kan ta'an dubartootadha.
Ministirri Fayyaa Jaappaan, Mr Taakaamaaroo Fuukokaan, biyyattii keessatti dubartoota umurii dheeraa jiraatan 87,784 fi dhiiroota 11,979niin baga gammaddan jedhaniiru.
''Gumaacha guddina hawaasaatiif waggoota dheeraaf gumaachitaniif galatan isiniif galcha'' jedhanii ture.
Jaappaan namoota umurii dheeraa jiraataniin kan beekamtu yoo ta'u, qorannoowwan tokko tokko kana morman illeen, biyya addunyaarratti namoota umurii dheeraa jiraatan qabdu kan dursaati.
Kana qofaas osoo hin taane addunyaarratti, biyyoota namoota saffiisaan dullomaa jiran keessatti argaman keessaa tokkodha.
Haata'u malee Jaappaan biyya sirna haala soorataa fayyaa qabeessa ta'e qabduu fi kan hangi dhaoota ishaa ammoo gadaanaa ta'edha.
Biyya kanatti dubartiin umurii dheeraa waggaa 114 jiraatan Shiigeekoo Kaagaawaa yoo ta'an, waggaa 111 jiraachuun dhiirrii riikarii qabatan ammoo Kiiyootaakaa Miizuunoo jedhamu.
Lakkoofsi kun ifa kan taasifame ammoo Fulbaana 5, 2025 guyyaa maanguddoota Jaappaaniitti kabajame duradha.
Guyyaan kun guyyaa biyyaaleessaa yoo ta'u, maanguddoon biyyattii Ministira mummee biyyattiin xalayaafi kennaa baga gammaddanii ni ergamaaf.
Waggaa kanatti maanguddoonni 52,310 kennaa kanaaf ulaagaa kan guutan yoo ta'u, kennichaaf filatamusaanii ministeerri fayyaa biyyattii beeksiiseera.
Jaappaan baroota 1960mota keessa yoo biyyoota G7 waliin wali bira qabamtee ilaalamtu lammiileen umuriinsaanii waggaa 100 olii lakkoofsaan gadaanaa turte.
Haata'u malee waggoota itti aanan kudhanoota keessa lakkoofsi kun saffiisaan dabaluu eegale.
Mootummaan bara 1963tti yeroo namoota umuuriin jaaran lakkaa'uu eegaluutti, kan dhiibba caalan 153 qofaa turan.
Bara 1981tti garuu lakkoofsi kun yoo 1000 caaluu, bara 1998tti ammoo 10,000 gahe.
Namoonni umurii dheeraa jiraatan baayyachuunsaanii kan agarsiisuu, dhiibeewwan baraman kan akka dhukkuba onnee fi kaansarii keessattuu namoonni kaansarii harmaafi pirosteetiin du'an gadaanaa ta'usaati.
Maanguddoonni dubartoota Jaappaan foon diimaa gadaanaa soorachuunii fi qurxummii fi ashaakiltii baayyisuun akka ulfaatina qaamaa xiqqaa qabaataniifi fayyaa akka ta'aniif isaan gargaareera.
Haalli ulfaatina qaama dabaluu dubartoota irratti gadaanaa yoo ta'u, kunis maaliif dubartoonni biyyattii dhiiroota umuriidhaan wal fakkaataan caalaa waggaa dheeraa jiraachuu akka danda'aniif ragaa gahaadha.
Addunyaa biraatti sukkaaraafi soogidda nyaata keessatti dabalamu dabalaa yoo dhufu, Jaappaaniitti garuu lammileenshee hangi soogidda fayydamanii akka hir'isaniif barsiisuudhaan bu'aa argatteetti.
Umurii dheeraa jiraachuuf garuu haalli soorataa qofti gahaa miti.
Lammiileen Jaappaan yoo umuriin deemaa dhufan mana keessa taa'urra miilaan socha'un maanguddoota biyyoota Awurooppaa fi kan Amerikaa caalaa geejiba ummataatiin fayyadamu.
Bara 1928 irraa kaasee gareedhaan ta'un sochii qaamaa taasisuun kan barameedha. Kun ammoo fayyaa hawaasaatiif alatti hawaasin akka walitti dhufuuf gahee olaanaa qaba.
Sochiin qaamaa daqiiqaa sadii kan TV biyyattiin darbu yoo ta'u, biyyattii guutuu keessatti namoonni hedduun walitti qabamuuf sochii qaamaa kana taasisu.
Haata'u malee addunyaarratti lakkoosfi namoota umuriin jaaranii irratti qorannoowwan hedduun gaafii gaasu.
Rakkina odeeffannoo, haala qabiinsa sanadaa amansiisaa hin taane, akkasumas waraqaan ragaa dhalootaa baduun lakkoofsi ol ka'udhaaf akka gumaacheetti kaafama.
Mootummaan Jaappaan bara 2010tti yeroo galmee maatii sakkata'eetti namoonni umuriinsaanii 100 fi isaan olii ta'unsaanii galmaa'an 230,00 ta'an keessaa muraasni isaanii waggaa 10 dura kan du'an ta'u adda baasuu danda'eera.
Dogongorri kun kan mudate dogongora haala qabiinsa galmee akkasumas maatiiwwan tokko tokko firootasaanii du'an maallaqa sooramaa fudhachuuf jecha osoo hin beeksiifne turuu akka danda'an ibsameera.
Jaappaan sadarkaa biyyaaleessatti galmee maatiishee kan sakkattaat erga maanguddoon umuriin waggaa 111 Tookiyoo jiraataa turan erga du;anii waggaa 32 booda reeffi isaanii mana maatii isaanii keessatti olkaa'amee argameen boodadha.