Umurii keenya sobnee himachuu duuba maaltu jira?

‘Umuriin dubartiifi miindaan dhiiraa hin gaafatamu’ waan jedhu dhageessanii beektu ta’a. Garuu maaliif hingaatamne?

Tarii Sababii dhugaa kan ta’ee namatti hin himamneef gaafachuun gatii hin qabu jedhameetii?

Waa’ee umurii ilaalchisee qoosaa hedduu dhageessanii jirtu ta’a. Baacoo yeroo tokko dhiyaate isin yaadachiisuun umurii sirrii himachuu dhiisuun hangam akka hawaasa keessatti baramaa ta’ee fi ‘muka qoosaas ta’e’ isinitti himna.

Nama tokkotu osoo ragaa dhuunfaa dubartii tokkoo galmeessaa jiruu umuriisheen itti himatte shakkee ‘umuriin himatte kun VAT dura moo VAT booda’ jechuun gaafate.

Isin umurii keessan hir’isatanii himattuu ykn waa’ee umurii keessanii ni sobduu? Maaliif?

Namoonni maaliif waa’ee umurii isaanii sobu jennee namoota garagraa gaafanneerra. Barruufi waan qorattoonni jedhanis ilaalleerra.

Jiraattuu magaalaa Adaamaa kan taate Seenaa Gammachuu, yoo haalli qamasaanii himeen alatti namoonni yeroo baayyee umurii isaanii sirrii hin himatan jetti.

”Ani amma waggaa 29 guutaan jira; umuriin koo kanarra gahuu hin dhoksu,” kan jettu Seenaan, namni umurii jiraaterra ga’uu isaatiif galata-qabeessa ta’uudhaafiyyu isa dhugaa ta’e himachuun gaarii ta’uu gorsiti.

Umuriin isaa amma wagga 35 ta’uu Kan himu Daandii Kaappitaanoo Hirphaa ammoo, “ kanaan booda garuu wagga 35 kanarra dabarsee waanan himudhu natti hin fakkaatu” jechuun kokkolfaa himata.

Daraggoon kun umurii hir’isanii himachuuf maaltu akka sababa ta’e kaasuun, umurii sobaa himachuun soballee akka nama shaakalsiisu dubbata.

“Namni umuriisaa isa sirrii dhiisee gadi butee himachuun amala sobuu akka guddifatan taasisa,” jedha.

Shaggar, Askoo irraa Rehooboot Taaffeseen ammoo umuriishee isa sirrii akka hin himanneefi yoo isa sirrii himattes namoota muraasatti qofa akka ta’e dubbatti.

“Ani umurii koo sirrii himachuu hin danda’u. Namoonni ani [isa sirrii] itti himu jiru. Maatiinkoo ammoo silas umuriikoo beeku.”

Sababoota namoonni waa’ee umuriisaanii sobaniif

Yunivarsiitii Jimmaatti qorataafi barsiisaan Xiinsamuu Dassaaleny Gaaromaa umurii ofii dhoksuun ykn isa sirrii ta'e himachuu dhabuun hawaasa keenya keessatti bal'aadha jedhu.

Namoonni kan umuriisaanii dhoksaniif sababoota adda addaatiificha kan jedhan hayyuun kun, "umuriinko dabalauun ynn umuriikoo xiqqeessuun dhiibbaa narra gahuti jira; yookaan ammoo faayidaa na dhabsiisu tokkotu jira jedhanii waan yaadaniif namoonni umurii isaanii dhoksu," jedhan.

Bara kana dhiironniifi dubartoonni fuula karaa oonlaayiniin jaalallee/michuu ittiin barbaaddatan baratamaa dhufeerratti umurii sobaa himatu jedha gorsaan naamusaafi pirootokooloo Wiliyaam Hanson.

Kun ammoo hawwii guddaa dargaggeessa/dargaggeettii fakkaatanii mul’achuuf qabaniinidha jedha gorsaan kun.

Barruun Plusliving+ jedhamu hawaasa ammayyaa keessatti akkamitti akka maanguddoonni kabajaafi jaalala isaaniif maluun akka jiraatanirratti hojjeta.

Barruun kun mata-duree ‘Qoor-qalbii waa’ee umurii keessan sobuu dubba jiru’ [The Psychology Behind Lying About Your Age] jedhu baaseen, piroofaayilii ofiirraa waan umurii akeeku kaasuurraa kaasee hanga guyyaa dhaloota kabajatanirratti umurii sirrii ibsuu dhiisuutti ‘ajaa’iba’ ta’aa jira jedha.

Garuu soba adii miidhaa hin qabne fakkaatu kana maaltu fidee? jechuun erga gaafateen booda akkas jechuun ofumaan deebii kenna barruun kun.

“Namoonni sababoota hedduudhaaf waa’ee umuriisaanii sobu. Yeroo baay’ee namoonni kaan akkamitti akka nu ilaalu kan jedhuun walqabatee kan uumamudha. Ka’umsi isaa haala nama ajaa’ibuun walxaxaa ta’uu danda’a.”

Akka barruun kun ibsutti, umurii ofii sobuun kun sababoota xiin-samuu garagaraa waliin wal qabachuu danda’a. Akkasumas, dhimmoota akka hawaasummaa, fedhiiwwan hawaasa keessa jiran, eenyummaa dhuunfaa, miira dhuunfaafi fedhii fudhatama argachuu waliin kan walqabatudha jedha.

Aadaa hedduu keessatti dargaggummaan hawwata argachuu, humnaafi carraa argachuu wajjin wal qabata. Namoonni fudhatama argachuuf, loogii umurii wajjin walqabatee dhufu irraa fagaachuuf ykn haala hawaasummaa ykn ogummaa tokko tokko keessatti dorgomaa ta’anii mul’achuuf waa’ee umurii isaanii sobuu danda’u.

Yaadni shamarree Rehooboot kan barruun kun jedheen wal fakkaata. Shamarran ywaan yaadan tokko galmaa'an ga'achuuf umuriinsaanii hir'isanii himachuu danda'u jetti. Hojii umurii daangessu tokko argachuu yoo barbaadan umurii isaanii xiqqeessuu danda'u jechuun fakkeenyaan ibsiti.

Sababa namoonni umurii isaanii gadi buusanii himataniif tokkoffaan dhiibbaa hawaasa keessa jiru natti fakkaata jedha Daandiin.

"Umuriin namni ittiin bu’aa buusuu danda’u yeroo baayyee umurii dargaggummaa keessa waan ta’eef namoonni umurii dargaggummaa keessa darbanii jiran gara sanatti of harkisuudhaaf ykn ani nama bu’aa buusuu danda’udha, ani nama cimaadha, nama gaariidha jechuudhaaf umurii isaanii xiqqeessu," jedha.

Dhiibbaa hariiroo jaalalaarratti qabu

Akka Rehooboot. jettutti, sababiin biraa dubartoonni umurii isaanii sobaniif gaa’ela waliin wal qabata.

"Akka saayinsiittis ta’e akka ilaalcha hawaasa keessa jirutti umuriin daangeffamee waan jiruuf daangaa umurii kana keessa of fakkeessuuf dubartiin tokko umuriishee xiqqeessitee himachuu dandeessi," jetti.

Yeroo baayyee shamarranitu caalaa umurii hir’isee himata kan jedhu Daandiin, "dubartiin nyaattes, nyaachuu baattes bifti ishee cululuqee kan mul’atu wagga 19 hanga 25 gadiitti. Umuriin kun ammoo umurii isaan ija namaa keessa itti seenanidha ykn umurii isaan ittiin [jaalalaaf] dhiiraan itti hawwatamanidha."

Kanaaf, yeroo baayyee [umurii sobuun ykn hir’isanii himachuun] shamarran irratti mul’ata jedha.

Qorataafi barsiisaan Xinsamuu Yunivarsiitii Jimmaa Dassaaleny, diironni baayyinana umurii isaanii akka hin sobne qorannoon ni mul'isa jedhu.

"Umurii dhiironnis ta'e dubartoonni kan soban ta'ullee, aadaa keenya keessatti irra caalaa umurii isanii akka ati gaafattu kan hin barbaadne, umurii isaaniin walqabsiisftee akka ati hin haasfone kan barbaadan dubartootadha," jedhu Dassaaleny.

Akka barruun beekamaa Plusliving+ ibsutti, umuriin dhimma miira namaa kakaasu ta’uu kan danda’u yoo ta’u, namoonni ilaalcha gadhee ykn yaaddoo umurii wajjin walqabatee dhufurraa fagaachuuf sobuu danda’u.

Kunis dandeettii qaamaa ykn hubannoo hir’achuu ilaalchisee yaaddoo qabaachuu, ykn akka “isa darbeetti” ilaalamuu sodaachuu dabalatee ta’uu danda’a.

Sabab icciitii dhuunfaa isaatiif jecha namni hundi umuriisaa qooduutti gammaduu dhiisuu danda’a. Iccitii isaanii eeggachuuf ykn xiyyeeffannoo hin barbaachifne irraa fagaachuuf namoonni umurii isaanii dhoksuu danda’u.

Yeroo gabaabaaf waa’ee umurii ofii sobuun dargaggeessa akka ta’anitti namatti dhaga’amuu, hawwannaa argachuufi dorgomaa akka ta’anitti namatti dhaga’amuu danda’a, kunis ofitti amanamummaa guddisuu danda’a.

Haata’u malee, gochi soba turee bulee oolee eenyummaa kee isa dhugaafi nama ta’uu barbaaddu gidduutti waldhabdeen uumamee keessa kee nagaafi boqonnaa samuu si dhowwachuu danda’a. Kun ammoo miira yakkamaa qabaachuu, yaaddoofi dhiphina namatti fiduu danda’a jedhu qorattoonni xiin-samuu.

Osoo walirraa hin kutiin umuii of hir’isuun waan keessa keessanitti yaaddaniifi humni qabdaniifi diidarratti mul’atu addaa adda ta’uu danda’a. Kun ammoo ofitti amanamummaa nama dhowwata, kaanis akka amantaa nurraa hin qabaanne taasisa.

Yeroo hunda dargaggeessa ta’ee mul’achuuf carraaquun, sadarkaa jireenya uumamaa keetii akka hin fudhannee fi wantoota gaarii dulloomuu, kan akka ogummaa, muuxannoo fi bilchina akka hin fudhanne si dhorkuu danda’a.

Yeroo hunda dargaggeessa of fakkeessuun, carraa guddina dhuunfaa fi ogummaa umurii fi muuxannoo kee isa dhugaa hammachuu wajjin dhufu dhabuu dandeessa.

Waa’ee umurii kee sobuun dhimma dhuunfaafi hawaasummaa keerratti dhiibbaa fiduu akka danda’u yaadachuun barbaachisaadha.

Sababiin umurii ofii itti soban hubatamaa ta’uu danda’us, akka waliigalaatti waa’ee umurii kee ifaafi amanamummaan dubbachuun hariiroo jaalalaa keessatti gaariidha jedhu ogeessonni Saayikoloojii.

Kana gochuun dhugaa qabaachuu guddisa, yaada walxaa hin barbaachifnerraa fagaachuuf gargaara, akkasumas sadarkaa jireenyaa kee keessa jiru sirrii fudhattee akka jiraattu si gargaara.

Hariiroo jaalalaa keessatti waa’ee umurii irra deddeebi’anii sobuun wal amantaa i walitti dhiyeenya namaa balleessuu danda’a. Burjaajii uumuus ni danda’a. Kunis hariiroo gammachuu hin qabne akka uumamu taasisa.

Dhiibbaa waa’ee umurii sobuun qabu namni kamiyyuu haala adda addaatiin akka mudatu yaadachuun barbaachisaadha.

Wanti gorfamu umurii ofii isa sirrii himachuufi jaallachuun bu’aa umurii sadarkaa garagaraa keessa jiru argachuudha. Fakkeenyaaf, muuxannoo gaarii umurii keessatti argamerratti xiyyeeffachuu, ogummaa, obsaafi dandeetti dandamachuu, akkasumas ilaalcha addaa jireenya keessatti argaanirratti caalaa hojjechuuf gargaara

William Hanson, an etiquette and protocol consultant. Plusliving+.

Akka shamarraniittin dubbadha. Shamarran umuriin isaanii yoo deemeera ta’eefi waan milkeessuuf yaadan yoo hanqatan garuu umuriin isaanii deemeera ta’e xiqqeessanii himachuu danda’u.

Dhiibbaa hawaasaa

Namoonni yeroo bayyee umurii isaanii jireenya hawaasummaa keessatti dhoksu malee, bakkeewwan barbaachisoo ta'an akka yeroo mana yaala adeemaniiti isuma sirrii himachuuf yaalu jedhu Ogeessi Xiinsamuu Dassaaleny Gaaromaa.

Dargaggoo Taajuu Jamaal dhiibbaan hawaasaafi aadaan jiru keessumaa shamarran akka umurii isaanii hir'isanii himatan taasisa jedhee amana.

"Dhiirri dubartii umuriin isaa ol taate narra guddoodha jedhee hin fuudhu."

Daandiinis yaada Taajuu kana waliin waliigala. Yeroo baayyee dhiirota caalaa dubartoonni akka waa'ee umuriisaanii ni sobu jedhee kan amanu dargaggoo Daandii, kun ammoo umuriin dubartoonni dhiirota biratti hawwataman daangeffamaa waan ta'eefidha jedha.

Aadaan tokko tokko waa’ee umurii ofii sobuu isa kaan caalaa fudhatu. Hawaasa dargaggummaa cimsan keessatti dhiibbaan umurii ofii xiqqeessuu cimaa ta’uu danda’a.

Qorannoon akka agarsiisutti, dubartoonni dhiirota caalaa waa’ee umurii isaanii sobuu danda’u, keessumaa haala bifti barbaachisaa ta’e keessatti.

Dhaloonni umurii dargaggummaa keessa jiran waa’ee umuriisaanii caalaatti banaa ta’uu ykn sobuu dhiisuu danda’u. Sababiin isaa ammoo akka warra umuriin isaanii deemee bareedinni keenya nurra darbeera jedhanii haalli itti yaadda’an xiqqaadha.