Jaalallee filachuuf amala ammoo bifatu caalaa irraa nu hawwata?

Nama tokko gaafa jalqaba agarru bifti isaanii nu hawwachuu mala, tahus wantoonni qalbii keenya mo'atan biroon jiru.

Bifa arginee akkatti nu hawwatu nama argeef daandii jaalala argachuu irratti murteessaan bifa namaa akka tahetti yaaduu malla.

Hawwatni qaamaa ykn bifaa waan hawwinu, waan barbaannu tahus kan nu barbaachisu garuu namummaa ykn amala nama sanaa tahuu mala.

Qorannoo namoota gaafachuun taasifameen bifaafi qaamaan bareedaa ykn hawwataa tahuun sadarkaa gidduugaleessaa yoo argatu amalli jalqabarra taa'ee, qabeenyi kanneen akka manaa qabaachuun fa'i ammoo sadarkaa dhumaarratti warreen hawwatoo jedhamanii dha.

Amalooti kanneen akka namuusa qabaachuu, dafanii namatti dhiyaachuu, gaarummaa agarsiisuu, haasaa danda'uu fi qaroo tahuun hawwata qaamaa caalaa walitti fufinsaan waan dhiirotis dubartoonnis nama jaalallee godhachuuf fedhan irratti arguu barbaadan tahanii galmaa'aniiru.

Piroofeesariin xiinsammuu Yunivarsiitii Filooridaa Gireeg Weebistar namoonni gaafa gaaffii qorannoo kanaaf deebii kennan waan nama kaan duratti gaarii isaan fakkeessu deebisuun qorannoo ''bifa moo amala?'' isa jedhu dimshaashessuu irratti dogoggora uumuu mala, garuu walumaagalatti namoonni bifarra qaroo tahuu sammuu namaa filatuu jedhan.

Jireenya guyyuu keessatti bifa caalaa namummaa filannaa?

Jees Aldarsan hundeessaa appii namoonni irratti jaalallee argatan- So Syncd jedhamuuti. Appichi fayyadamtoota namummaa isaanii madaaluuf gaafii qoramaataa akka guutan gaafata.

Samuuda 1000 fayyadamtoonni guutan keessaa harka 90 kan tahan namummaa bifarra filataniiru.

Namummaa namootaa gaaffii qormaata barreeffamaan kennamuun safaruuf yaaluun rakkisaa dha. Gaaffiiwwan kunneen hima fakkeenyaaf ''ani nama dafee hiriyyaa argachuu danda'u dha'' jedhu waliin waliigaluu kee si gaafatu.

Ogeessonni xiinsammuu gaaffiiwwan gosa shanii fayyadamu. Muuxannoo haaraa tokkoo raawwachuuf hayyamamaa tahuu, wayii yeroo raawwatu of eeggataa tahuu, onnataa tahuu, naamuusa qabaachuufi gaarii tahuu fi miira tasgabbaa'aa qabaachuu fa'i. Amalooti namaa shanan kunneen baratamoo yoo tahan, amala guutummaan agarsiisuu irratti garuu daangeeffamoo dha qeeqni jedhu irratti ka'a.

Bu'aan qormaata kanaa garaagarummaafi tokkummaa namoota kan agarsiisu tahus namummaa namootaa waliigalaan garuu nutti agarsiisuu mala. Namummaa keenya keessaa muraasni ammoo hanga takka jireenya jaalalaa waaraa taheef mijatoo tahuu keenya agarsiisuu malu.

Kunneen shanan keessaa gaarummaan dhiiraafis dubartiifis nama tokko jaalalallee godhachuuf hawwu yoo taheefi jireenya jaalalaaa amma qabanitti suga qabaachuu isaaniif agarsiistuu murteessaa dha. Jaalalli diigamuu akka danda'us gaarummaan jiraachuufi dhiisuun tilmaamamuu danda'a.

Dhiiraafis dubartiifis gaarummaan bifaan ykn qaamaan hawwataa tahuu waliin yoo cimdeessan hariiroo jaalala waaraatti ce'uuf agarsiistuu gaarii tahuu mala.

''Nama gaarii tahuun ''hariiroo jaalalaa yeroo dheeraa turuuf dhimma murteessaa dha,'' jedhu Weebistar. Namni tokko nama gaarii akka hin taane otoo beektuu hariiroo jaalala keessa seenta taanaan rakko ofitti waamuu dha.

Akka Weebistar jedhutti namummaa namoota kaanii daawwitii kan keenyaan ilaalla. Fakkeenyaaf namooti ofiisaanii gaarii tahan warreen kaaniis gaariifi hiriyyaa isaanii akka tahanitti yaadu. Namoota sona kan keenyaan fakkaatu qaban hawwanna.

Soshoolijistoonni Teerii Obaach Yunivarsiitii Michigaan irraa fi Suuzaan Ispireechar Yunivarsiitii Iliyoons irraa, dhaabbiifi gosaan wal-fakkaachuu, bakka jireenyaan nuti dhiyaatanii jiraachuu, hiryyoota isaanii kan jaalannuufi yoo taheefi wal-fakkeenyi kaan murteessaa dha.

Amaloota shanan kaasnerratti wal-fakkeenya qabaachuun rakkoo furuufi hojii guyyuu to'achuu irratti akkan bu'aa qabeessa dha.

Namoota namummaan isaanii, dhaabbiin, lafa dhalootaan(teessoo jireenyaan) fi garee hawaasa keenya fakkaatan jaalalaan nu hawwachuuf qajeelfamoota bu'uuraati jechuun Eleen Beersheed Yunivarsiitii Mineesootaarraa waliigalu.

Tahus garaagarummaan amalaa yerootti nu haawwatus jira. Keesumaa amala nuti hin qabne kan nu barsiisu fa'i yoo taheef.

''Jijjiirama tirannaa keessa namoota hanga tahe tokko nurraa adda tahanitti akkka qalbii buufannutti taanerra jedha Aldarsan. Haala kanaan garee namoota lamaa jabaa tahe uumuu dandeenya ammas garuu walitti dhiyeenya,walitti nu siqsu barbaanna. Appiinsaas namoota wal-fakkaatan osoo hin taane kan wal-siman walitti fida.''

''Namoota wal-fakkeenya gahaa hariiroo uumuuf gargaaruufi garaagraummaa gahaa gammachuu fiduu danda'u qaban walitti fidna,'' jedha.

''Yoo waan hundumaan wal-fakkaatte wal-nuffuu dandeessa, yoo ammoo akka malee adda adda taate kan nama gammachiisu tahuu dhiisu tahuu mala,'' jedha.

Weebistar namni jaalalaaan filannu maallaqaan, qaamaaniifi hawaasaan kan olaantummaa qabu akka tahu barbaanna. Garuu olaantummaan kuni nu irrati akka tahu hin barbaannu jedha.

''Olaantummaan kuni gaarummaa wajjin akka dhufu barbaanna. ''Hawaasa keessatti humna ittiin olaantummaa agarsiiftu qabaachuu malta garuu isa jaalallee kee waliin qooddattaa,?'' jedha Weebistar.

Jaalallee nuu tahu argachuu barbaanna taanaan gaarummaan waan hunda caala kan gatii nuu baasuu danda'u dha jedha.