Waa'ee viidiyoo saalqunnamtii waraabuufi qooduu seerri Itoophiyaa maal jedha?

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 5

Miidiyaa hawaasaa irratti suuraa fi viidiyoon saalqunnamtii mul'isu maxxansuu fi qooduun heddummachaa dhufuun yaaddoo tahaa jira

Tibba kana yakki viidiyoo saalqunnamtii waliin walqabatu biyyoota adda adda keessatti dubbii ijoo ta'ee jira.

Hoteelota keessatti Kaameeraa dhokataan viidiyoo saal-qunnamtii waraabuu fi toora intenreetii irratti maxxansuun Chaayinatti daldala cancala bal'aa tahuu gabaasni qorannoo BBC saaxileera.

Tibba kana ammoo namni lammii Raashiyaa tokko dubartoota Gaanaa fi Keeniyaa heddu waliin wayita wal qunnamtii saalaa raawwatu kishaafee ijaa fayyadamuun waraabe hayyama isaanii malee interneeta irratti maxxansee gama interpoolitiin akka barbaadamee dhiyaatu gaafatamaa jira.

Itoophiyaanis haala kanarraa bilisa miti. Torban kana keessa suuraa fi viidiyoon gocha saalqunnamtii mul'isaan miidiyaa hawaasan heddu qoodamaa jira.

BBC'n madda suuraa fi viidiyoo miidiyaa hawaasaa irratti qoodamaa jiru kana addatti hin mirkaneeffanne.

Haa ta'u malee Caffeen Oromiyaa yaa'ii isaa torban darbe gaggeesse keessatti miseensi caffee Oromiyaa tokko gocha ''safuu hawaasaa cabsu'' raawwateera jechuun mirga himatamuu dhabuu irraa mulqeera.

Caffeen Oromiyaa ''gocha safuu hawaasaa cabsu raaawwate'' jedhe malee ifatti gochaa fi yakka saalqunnamtii ta'uu hin ibsine.

Garuu teeknoolojiiwwn viidiyoo dhoksaan waraaban babal'achuu fi bilbila harkaatiin viidiyoon dhimma saalqunnamtiin wal qabatu miidiyaa hawaasa irratti yeroo adda addatti bahaa ture.

Viidiyoo/suuraa qabiyyee akkasii qaban waraabuu, maxxansuu fi qooduu bira darbee kanneen ittin wal doorsisan akkasumas yakkoota biroo kanaan wal qabataniif itti fayyadaman Itoophiyaa keessatti heddummataa jiru.

Ofii seerri Itoophiyaa yakkoota akka kanaa ittisuuf ba'an maali? Ogeessa seeraa dubbisneerra.

Seerri Itoophiyaa maal jedha?

Viidiyoo saalqunnamtii mul'isan waraabuu fi qooduun seera Itoophiyaatin akkamitti nama gaafachiisa kan jedhu irratti ogeessa fi gorsaa seeraa olaanaa kan ta'an Beekaa Jibriil dubbisneerra

Seerri yakkaa Itoophiyaa keewwatni 644 akkasumas labsiin yakkoota kompiiteraan ykn meeshaalee elektrooniksiin raawwataman ittisuuf bahe keeyyatni 13 fi 14 namni kamiiyyuu gochoota saalqunnamtii fi saalqunnamtii fakkaatan bakka ummatni argutti ykn bifa hawaasa bira ga'uun akka hin tamsaafne kan dhorku ta'uu himu.

Dhorkaa kana darbuun namootni yakka kanaan wal fakkaatu raawwatanii argaman hanga hidhaa cimaa waggaa sadiitti adabamuu akka danda'anillee eeran.

Akkasumas miidhan inni geessise irratti hundaa'uun adabbiin isaa kan dabalu akka ta'ellee kan dubbatan

"Gochi kun miidhaa sammuu hamaa, maqaa gaarii miidhuu, ykn of ajjeesuu miidhamaa yoo fide, akkasumas namni yakka raawwate itti yaadee adabbii isa eeggatu ifatti tuffachuudhaan socho'uu isaa yoo mirkanaa'e adabbiin sun gara waggaa shanii fi isaa ol ta'uu danda'a," jedhan.

Dabalataan yakkichi daa'imman umuriin isaanii waggaa 18 gadi ta'e kan hirmaachise yoo ta'e, seerri kun adabbii baay'ee cimaa ta'e kan hordofsiisuu ta'uufi hidhaa hanga waggaa 10niin nama adabsiisuu kan danda'u ta'uu dubbatu ogeessi seeraa kun.

Labsiin dhimma yakka kompiteraan raawwatamuufi gama dijitaalaa ilaallatu kanneen kallattiin dhimmicha irratti hirmaatan qofa utuu hin taane ''kanneen qabiyyee saalqunnamtii ta'uusaa utuu beekanii maxxansan irrattillee itti adabbiin yakkaa muudachuu akka danda'u eeran.

''Seera yakka kompiitaraan raawwatamuu kwt 12, 13 fi 14 jalatti namoonni dhuunfaa gocha saalqunnamtiin walqabatu ta'uu utuu beekanii toora miidiyaa hawaasaa irratti raabsan, qoodaan ykn oliif gadi daddabarsa( post, share, like) godhan seeratti dhiyaachuu ni danda'u. ''

Kunis adabbii hidhaaf kana nama saaxilu akka ta'e ogeessi seeraa kun kan hubachiisan

Dhoksaan waraabuu

Seerri Itoophiyaa namoota dhuunfaa gocha icciitiin raawwatan osoo isaan hin beekiin ykn hayyama isaanii malee waraabuun ykn suuraa kaasuun yakka ta'uu ifatti kaa'a.

Namni kamiyyuu hayyama namoota dhimmicha keessa jiran malee qabiyyee akkasiin walqabatan waraabee yoo tamsaase hidhaa hanga waggaa sadii fi adabbii hanga Birrii Itoophiyaa kuma 30 akka adabamu eeramuu ogeessi seeraa kun kan ibsan.

Itti gaafatamummaa yakkaatiin alatti, miidhaa xiinsammuu, naamusaa fi maqaa gaarii balleessuu miidhamarra ga'eef(moral damege) akka itti gaafatamuullee ibsan.

Kana jechuun manni murtii hanga miidhaa irra gahe irratti hundaa'uun namni yakka raawwate beenyaa akka kaffalu itti murteessu danda'a.

Adabbii yakkaa erga raawwateen booda namoonni dhuunfaa miidhaa gochi sun irraan gaheef gama hariiroo hawaasummaan beenyaa maallaqaa gaafachuu kan danda'an akka ta'e ibsa.

Kanaaf akka ogeessi seeraa Beekaa jibriil jedhanitti, hoteelota keessatti dabalatee dhaabbileen tajaajila kennan,gochoota akkasii dhoksaan waraabuun,ykn haala mijeessuun ykn ittisuu dhabuu isaaniitiin waraabamee kan tamsa'e yoo ta'e itti gaafatamuu akka danda'an tumaalee seeraa kana jalatti eeramaniiru.

Seerri Itoophiyaa kanneen gaa'ela keessa jiraniif eegumsa addaa kan kennu yoo ta'u, tumaaleen seeraa kuunneen hiriyoonni gaa'elaa ykn abban warraa fi haati warraa waliigaltee waliinii malee tarkaanfiiwwan gaa'ela isaanii miidhuu danda'an akka hin fudhanne dhorku.

Kun osoo kanaan jiruu qaama biraa wajjin gocha saalqunnamtii raawwachuun yoo mirkanaa'e, kan seeran gaafatamuu danda'an yoo abban manaa ykn haati manaa gochi akkasii irratti raawwatame himachuu dandeesse ykn danda'e qofaa akka ta'e seerri yakkaa 543 jalatti kan kaa'ame ta'uus himan.

Akkataa cimina yakkichaa irratti hundaa'uun hidhaa cimaa fi akkasumas adabbii maallaqaa kan hordosiisu ta'uu mala.

Ogeessi seeraa kun namootni yakkoota akkasirra akka of eegaan, akkasumas bakka qullaan namaa mul'achuu danda'utti kaameraan jiraachuu fi jirrachuu dhabuu isaa mirkaneeffachuu akka qaban dhaamu.

Yoo gochii akkasii qaama 3ffaa( nama kan biraa) akkasumas qaama 2ffaa(kan gocha saal qunnamtii waliin raawwatan) viidiyoo isaan waraabuu ykn suuraa isaan kaasuu kan tamsaasu ta'e wajjira poolistti eeruu kennuuna akka qorannoon irratti taasifamu gochuu qabus jchuun gorsu

Akkamitti dhoksaan akka hin waraabamne of eeguu danda'ama?

Kaameeraan dhokataan kishaafa ijaa, sa'aatii harkaa, qalama, akkasumas elektirooniksii xixxiqqaa kutaa fi bakka biroo keessatti argamu amma iccitii namoota hedduudhaaf balaa ta'eera.

Meeshaaleen tokko tokko maaykiroofoonii sagalee waliin waraabuuf, fi leensii guddisee waraabu qabaachuu malu.

Teknooloojiiwwaan kana bakka itti dhoksaan kaa'aman waan hin beekneef akka salphatti ilaalanii adda baafachuun nama rakkisuu danda'a.

Kanaaf namni tokko kaameeraa dhokataa irraa of eeguuf maloonni adda addaa ni jiru. Tokkoffaa, teknoolojiiwwaa appi bilbila kaameraawwan dhokataan nannawa sana jiraachuu fi jiraachuu dhabuu adda baasan gargaaramuufaa ta'uu danda'a.

Kana malees naannoo jirtu sun waan akkasiif nama saaxiluu fi dhiisuu isaa addabaafachuun barbaachisaadha.

Kutaawwan hoteelaa, waajjiraaleen xixiqqoo ykn kutaaleen jijjiirraa huccuu kaameraa qabaachuu dandaʼu.

Waan hin baratamne, meeshaalee waan biraatti fakkeefamanii, fi meeshaalee elektirooniksii hin beekamne barbaadi. Tooftaan kun balaa hayyama malee waraabamuu hir'isuuf gargaara.