Gaanaa fi Keeniyaan lammii Raashiyaa viidiyoo dubartoota saalqunnamtii waliin raawwatu dhoksaan waraabee interneetiirratti baase adamsaa jiru

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Angawoonni Keeniyaa fi Gaanaa gabaasa nama lammii Raashiyaa dubartoota biyyoota Afrikaa kana lamaan waliin wayita saalqunnamtii raawwatu dhoksaan waraabee viidiyoo saalqunnamtii hayyama isaanii malee toora interneetii irratti maxxansuun himatame qorachaa jiru.

Miidiyaaleen Afrikaa fi Raashiyaa shakkamaan kun nama "ogeessa jaalalaa" of fakkeessuun gowwoomsaa dubartoota irratti raawwata jechuun gabaasan.

Lammii Raashiyaa fi biloogara umuriin waggaa 30 kan ta'e namichi kun haala kanaan dubartoota heddu waliin saalqunnmatii raawwatee viidiyoo waraabe.

Walqunnamtii saalaa dubartoota biyyoota lamaanii(Keeniyaa fi Gaanaa) waliin raawwate waraabee miidiyaa hawaasaa irratti qooduu isaatinis himatni irratti banameera.

Gabaasni tokko tokko akka jedhanitti, namni kun kishaafee ijaa kaameraa qabu dhoksaan waraabu fayyadamuun utuu dubartootni hin beekiin viidiyoo waraabe.

Garuu qondaaltonni kana hin mirkaneessine.

Gaanaan namichi kun Raashiyaa irraa dabarfamee akka kennamu gaafachuuf karoorfachuu ibsiteerti.

Hanga ammaatti shakkamaan kun akka dabarfamee kennamu sirnaan hin gaafanne, garuu qondaaltonni akkas gochuuf akka yaadan himan.

Keeniyaan ammoo dhimmicha 'hatattamaan' qorachuun hordofaan jira jette.

Gabaasni oduu akka jedhutti shakkamaan kun walitti dhufeenya dubartoota waliin qabu dhoksaan waraabuuf Keeniyaa irraa gara Gaanaatti darbe.

Ministeerri dhimma Koorniyaa, Daa'immanii fi Eegumsa Hawaasummaa Gaanaa akka jedhetti, hordoffii hanga yoonaa taasisaniin shakkamaan kun biyyattii gadhiisee bahuu akka hin oolle mirkanaa'uu beeksiseera.

Itti dabaluudhaanis namichi kun miliquun isaa cimina yakka dalages ta'e dirqama mootummaan haqa barbaaduuf qabu kan hin hir'isne ta'uu ministeerichi ibseera.

Ministirri teeknooloojii Gaanaa Saam Joorji , ambaasaaddara Raashiyaa magaalaa guddoo Gaanaa Akraatti argamuu tumsa gaafachuu isaanii dubbataniiru.

Tumsi Moskoo namootni miidhaman haqa akka argataniif taasifamu akka qabu gaafachuu isaanii ibsan.

Shakkamaa kana seeraan gaafachuuf Gaanaan Interpoolii fi aanga'oota Raashiyaa waliin ta'uun akka hojjettu himaniiru.

Itti dabaluunis, Gaanaan namicha yoo inni qabamee gara Gaaranatti hin deebifamnellee bakka inni hin jirretti murtii irratti dabarsuu akka dandeessu ibsan.

Haa ta'u malee, carraan Raashiyaan lammiilee ishee dabarsitee kennuu yoo haalli hamateen ala xiqqaadha.yeroo muraasa.

Imbaasiin Raashiyaa Gaanaa jiru gabaasawwan kana hubannoo keessa galchuu isaa ibseera. Ta'us garuu aanga'oonni Raashiyaa qorannoo kanaaf tumsuu fi dhiisuu isaanii hin ibsine.

Namichi kun yakka walfakkaataan Keeniyaattis himatama.

Ministirri koorniyaa Keeniyaa, Haannaa Cheptumo , dhimmi kun fakkeenya cimaa haleellaa koorniyaa irratti hundaa'eti jechuun dubbatan.

Dhaabbileen nageenyaa fi seeraa dafanii akka tarkaanfii fudhatan fi michoota idil-addunyaa waliin akka hojjetan itti himameera jedhan.

Seera Keeniyaa Keessatti yakka Kompiitaraa fi Saayibarii fayyadamuun, namni kamiyyuu hayyama malee suuraa ykn viidiyoo saalqunnamtii qooduun hidhaa waggaa lamaa adababsiisuu danda'a.

Gaanaanis miidhaa toora interneetii irratti raawwatamu furuuf bu'uura seeraa ishee cimsiteetti.

Seerri Nageenya Saayibarii bara 2020 uuraa ykn vidiyoo qullaa mul'isu keessumattuu dubartootaa fi daa'immanii qooduun hidhaa hanga waggaa 25 hordofsiisa.

Angawoonni Gaanaa gowwoomsaa jaalalaa dabalatee fayyadama toora interneetii irratti raawwatamu ittisuuf tattaaffii taasisa jiran cimaa ta'uu odeeffannoowwan bvahan kan mul'isan.

Bara 2022tti manni murtii Gaanaa dargaggeessi ganna 22 bilbila suphuu, suuraa saal qunnamtii dubartii Libaanos tokkoo hayyama ishee malee qooduu isaa erga amanee booda hidhaa waggaa 14 itti murtaa'era.