'Hoteela keessatti saal-qunnamtii yoo raawwannu viidiyoo nu waraabanii kumaatamaaf gadhiisan'

    • Barreessaa, Wanqing Zhang
    • Gahee, BBC Global China Unit and Eye Investigations.
  • Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 5

Bara 2023 Eriik miidiyaa hawaasaa poorn (viidiyoo saal-quunnamtii ) ilaaluuf otoo daddabarsuu sekondii muraasa booda waan argeen naasuun gogee hafe.

Viidiyoo sanarrattiis jaalalleewwan kutaa seenanii, shaanxaa lafa kaa'anii, boodarra saal-quunnamtii yeroo raawwatanitu mul'ata. Isaafi jaalalleesaatu viidiyoorraa mul'ata.

Torbee sadii dura hooteela Sheenzhiin, kan Kibba Chaayinaatti argamutti dabarsan. ''Waa nu argaa jira,'' garuu quba hin qaban ture.

Yeroon isaan dhuunfaatti kutaa sanatti dabarsaa turan kaameraa dhokataan waraabamee chaanaalii Eriik ofii poornii irratti ilaalu irratti namoota kumaatamaan daawwatameera.

Eriik (maqaan kan geeddarame) amma viidiyoo poornii kaameeraa basaastuu(spy-cam) Chaayinaan waraabame kana fayyadamaa osoo hin taane miidhamaa taheera.

Akeekkachiisa: Gabaasni kuni jechoota arrabsoo qabaachuu danda'a

Kaameeraa dhokataan viidiyoo saal-qunnamtii (spy-cam porn) waggaa kudhanii oliif kan turedha. Biyyattii keessatti garuu viidiyoo poornii qopheessuunis tahe tamsaasuun hin dhorkaa dha.

Waggoota muraasa darban garuu dhimmi kuni ijoo dubbii taheera - keessumaa dubartoonni kaameraa dhokataa haqxuu qubeessaa (pencil eraser ykn rubber) fakkaatu akka ilaaltan gorsu. Inumaa kaan ammoo kaameeraan waraabamuu irraa hafuuf jecha ala dunkaana keessa akka bulan himu.

Ebla darbe qajeelfamni mootummaa rakkoo kana furuuf abbootiin qabeenyaa hoteelotaa kaameeraan beekamtii isaanii malee yoo kaa'ameera taheef akka sakatta'an gaafata.

Tahus kutaa hoteelaa dhuunfaa keessatti waraabamuun waan hafe hin fakkaatu. BBC'n viidiyoowwan kaameraa basaasaan kutaalee hoteelaa keessatti waraabamanii akka poorniitti gurguraman arguu danda'eera.

Qabiyyeen kuni baayyeensaa Telegiraamii irratti beeksifama. Torban 18 darban keessatti BBC'n marsariitii ja'a fi Telegiraamii irratti viidiyoowwan kunneen argeera.

Kaameeraan basaasaa hoteelota 180 dhaabame waraabuu qofa osoo hin taane keessummoonni waan gochaa oolan fa'a kallattiin tamsaasa.

BBC'n marsariitiiwwan kunneen ji'a torbaaf kan hordofe yoo tahu, qabiyyee kaameerraawwan 54 waraabaman adda baasuu danda'eera.

Kana jechuun, keessummoonni kumaan lakkaa'aman yeroo kana keessatti waraabamuu akka danda'an, hamma namoota guyyaatti kireeffataniin tilmaamuun danda'ama. Baayyeen namootaas kaameeraan waraabamaa akka jiran beekuu dhiisuu malu.

Eriik jiraataa magaalaa Hoong Koong yoo tahu, viidiyoowwan saal-quunnamtii dardarummaa irraa qabee ilaaluu jalqabe. Viidiyoon waan hunda ifatti agarsiisuu

Eriik, ''waanti akkaan poornii gosa kanaa ilaalu na taasise namooti akka waraabamaa jiran beekuu dhabuu isaaniiti. Poorniin durii diraamaa fakkaata, dhugaa hin fakkaatu.''

Eriik viidiyoo saal-quunnamtii ofii keessa jiru nan ilaala jedhee hin yaadne ture. Amma jaalalleessaa Emilii wajjiin viidiyoo saal-quunnamtii arginaan poornii ilaaluun akka durii itti hin taane.

Jaalalleensaa Emiliin waan tahe yeroo dhageessu dhugaa itti hin fakkaann, qoosaa itti fakkaatee ture. Boodarra garuu ofiishee viidiyoo sana yeroo daawwattu ni room'ite.

Emiliin viidiyoo sana maatiifi wayelootishee arguu jettee yaaddoftee ture. Jaalalleewwan kunneen torbanootaaf wal oodanii turan.

Dhimma gochaa dhuunfaafi icciitii namootaa indaastiriif saaxilaa jiru kana duuba eenyutu jira?

Marsariitii poornii gurguru BBC'n arge keessaa tokko ejantii AKA jedhamudha.

Gaazexeessituun BBC Waankiing Shaang akka fayyadamaa poornii tahee tokkotti poornii bituuf gaafatte. Kanaafis doolaara 65 kaffalte.

Shaang takkaa marsariitii kana seenuu booda gosoota fiiliimii shan poornii hooteelota garaagaraa irraa gadhiifaman filachuu dandeesseetti.

Kunis akkuma keessummaan kutaa hooteelichaa ibsaa qabsiiseen tamsaafamuu jalqaba. Waan tamsaafamu kana gara duubaatti deebisanii ilaaluufi buufachuun ni danda'ama.

Teleegiraamiin Chaayinaatti kan dhorkame tahus, gochaaleen seeraa alaa irratti adeemaa oolu- AKA'n viidiyoowwan saal-quunnamtii irratti gadhiisaa oola. Yeroo gabaasni qorannoo kuni hojjetamu chaanaaliiwwan Telegiraamii gariin miseensota 10,000 ol qabu.

Ejantiin AKA jedhamu kuni kuusaa isaa keessaa ammoo viidiyoowwan saal-quunnamtii 6,000 kan bara 2017 irraa qabee waraabaman ol kaa'ee jira.

Kanneen chaanaalii Telegiraamii irratti barreessan keessummoota hoteela seenan haasaa isaanii, oduu saaniifi saal-quunnamtii raawwatan irratti komeentii barreessu.

Chaanaalii kana warra fayyadaman viidiyoo keessatti yeroo jaalalleewwan saal-quunnamtii raawwachuu jalqaban ni gammadu, yoo ibsaa dhaamsan immoo ni gungumu. Komantii viidiyoowwan kunneenii irratti dubartoonni ''sagaagaltuu'', fi''sharmuuxaa'' jedhamuun ibsamu.

BBC'n shakkii/ciicata fayyadamtoonni himan fayyadamuun hooteela Zheenzhuu gidduugala Chaayinaa jiru keessatti kaameeraa baasaasaa bira gahuu danda'eera.

Qorattoonni bobba'an hooteela kana gaafa seenan kaameraa kallattii sireetti kaa'ameera arguu danda'eera. Kaameraan kuni meeshaa qilleensa qabbaneessuu (ventilator) fi funyaa elektiriikii keenyan irra jiru irratti dhokfamee kaa'ameera.

Meeshaan kaameraa dhokataa adda baasu hoteeloti ''dirqama qabaachuu qabu,'' jedhamu kuni kaameraa basaasaa kana yeroo waraabu akeekkachiisa hin kennine ture.

Gareen kuni kaameeraa icciitii kana akka hin hojjenne gochuun booda Telegiraamii irratti odeeffannoo tamsaase.

''Kaameraan Zhoonzhuu jedhame gad buufame.'' jechuun sabiskiraayibariin chaanaalii AKA tokko irratti barreesse.

AKA'n ammoo ''sagaleen gaariin kan dhagahamu kutaa kana keessaa ture, nama qaanessa,'' jechuun AKA'n barreesse.

Tahus komiin takkumatti gara gammachuutti geeddarme AKA'n kaameraan haaraa biraa hoteelota kunneen keessatti dhaabameera jedhee beeksise.

''Saffisa keenya ilaalaa,'' jechuun AKA'n ''waan dinqiidha mitii?'' jechuun sabiskirayibaroota gaafata.

BBC'n qorannoo ji'a 18f taasiseen ejentoota akka AKA kudhanii ol adda baaseera.

Haasaan AKA'n fa'a miidiyaa irratti taasisaniin qofaa akka hin hojjenneefi neetiwoorkii akka qaban hubachuun danda'ameera. Kan kaamera isaanif dhiyeessan fa'a jiru. Kunneen warra kaameraawwan kunneen hoteelota keessa dhaabanidha.

Haasaa kallattii BBC'n AKA waliin taasiseen meeseejii ''abbaa kaameraa'' waliin taasise akka tasaa qoode. Maqaan akkaawuntii kanaa ''Biraazar Chuun'' jedhama.

AKA'n battaluma ergaa sana balleessee, deebii kennuu dide. Tahus nama ''Biraazar Chuun'' BBC'n kallattiin dubbiseera. AKAdhaaf marsariitii viidiyoo kallattii itti tamsaasan akka dhiyeessu adda baasnus, inni hojiima gurgurtaa akka hojjetu qofa himuun neetwoorkiin gurgurtaa kuni garuu bal'aa tahuu amaneera.

Adeemsa akkanaa keessa waan ifa tahe qarshiin guddaan akka hojjetamudha. Miseensummaa chaanaaliifi gatiii sabiskiraayibariidhaan AKA'n qofti baatii Eblaa as doolaara 22,000 argateera. Chaayinaa keessatti galiin gidduugalaa namootaa waggaa doolaara 6,200 dha.

Chaayinaa keessatti kaameraa basaasaa bituu irratti seerri cimaa jiraatullee BBC'n garuu kaameraa kana haala salphaa jedhamuun qorannoo kanaaf jecha bituu danda'eera.

Kaameraa basaastu kana fayyadamuu isaaniif namoonni kanaan dura seeratti dhiyaatan yoo jiraataniif baruun rakkisaadha. Qondaaloti Chaayinaa dhimma seeraa irratti dhihoo kana deebii bal'aa kennuu baatanillee, gochaan akkasii kuni kaaba hanga kibba biyyattii babal'atee jira.

Biluu Lii dhaabbata tola -oolaa Hoog Koong jiru Reenlii jedhamu keessaa hojjetti. Dhaabbanni kuni viidiyoo saal-quunnamtii dhoksaan waraabame intarneetii irraa haqa. Tajaajila kanaaf fedhiin guddaa jiraatullee, hojii kana hojjechuun akkaan cimaa dhufeera jetti.

Dhimma kanarratti Telegiraamii dubbisuuf yaaltee akka hin milkoofne himuun, warra kaameraa dhoksaan gochaa kana rawwataniis deebii kennuuf fedhii hin qaban jette.

''Dhaaboti teeknolojii dhimma kana furuu irratti itti gaafatamummaa guddaa qabu. Sababiinsaa dhaaboti kunneen walaba miti, imaammati isaanii qabiyyee tamsa'u murteessa,'' jechuun ibsiti.

BBC'n ejentoonni akka AKA fa'a jedhaman miidiyaa hawaasaa isaa irratti poornii kaameraa dhoksaan waraabame akka qoodan itti himullee Telegiraam deebii hin kennine, tarkaanfis hin fudhanne.

Ammas BBC'n guyyaa kudhan booda gabaasa guutuu Telegiraamitti erge. Kana booda dhaabbatichi ''poorni eeyyama malee hojjetameefi ifatti mul'isu gadhiisuun imaammta keenyaan dhorkaadha,'' jechuun deebii kenne.

''Si'aa'inaan qabiyyee akkasii akka hordofuuufi gabaas qabiyyee miidhaa qabu fudhachuun qabiyyee miiliyoonaan lakkaa'amu akka haqus beeksiseera.

AKA fi Biraazar Chuun kaameraa sobaan viidiyoo waraabanirraa hangam buufatan waan jedhu BBC'n gaafannaan deebii hin kennine.

Tahus akkaawuntiin Telegiraamii marsaritii viidiyoo saal-quunnamtii dhoksaan waraabame irratti beeksisaa turan haqamuu hubachuun danda'ameera. Tahus marsariitiin viidiyoo kunneen irratti tamsaasan ammallee jira.

Emiliifi Eriik ammallee waan irraa gaheen madaa qalbii qabu. Namoonni akka isaan adda hin baasneef jecha koofiyyaa keewwatanii deemu. Eriik amma Telegiraamii poornii agarsiisu fayyadamuu dhiiseera. Garuu darbee darbee ilaaluun viidiyoonsaa deebi'ee akka hin mul'anne sodaa qaba.