Daldala saalqunnamtii Somaaliyaa ija namootaa jalaa dhokate

Dubartoonni lama magaalaa guddoo Somaaliyaa Moqdishootti akka itti daldala saalqunnamtii dhoksaan gagggeeffamu keessa seenan waan taajjaban BBC'tti himan.

Moqdishuun wal-waraansa ganna dheera lakkoofsise keessa jirtuufi magaalaa yaaddoo jeequmsaa qabdudha.

Eenyummaa dubartoota lamaanii dhoksuuf jecha maqaan isaanii geeddarameera.

Bakki bashannana qarqara qaama bishaanii Moqdishoo hoo’ituun hanga tokko haala magaalittin keessa jirtu nama irraanfachiisu.

Rizoortiwwaan qarqara qaama bishaanitti argamu, restoraantonni , hoteelonni fi sooranni naannichatti qophaa’u namoota heddu hawwatu.

Haata’u malee, iddowwan biroo naannichatti argamanitti ammoo taateewwan kanarraa adda ta’etu dalagama.

Taatewwaan kunneen walitti qabamanii shubbisuu, dawaa sammuu namaa adoochaan gargaaramuu fi hokkora saalqunnamtiin walqabatufaadha.

Dubartoonni kutaa magaalaa xiyeeffannoo hin argannee kana keessatti danqaman umrii dargaggummaa keessa warra jiran, garmalee hiyyeeyyii fi garmalee miidhaaf saaxilamoodha.

Firdoosaan shamarree ganna 22 yoo taatu, waggoota sadan darbe daldala saal-qunnamtiitti hirmaatti.

Firdoosaan kutaa manaa dukkanooftuu maggaarrajaa diimaan gaaddiddeefate, appaartamaa Moqdishoo distiriktii Wardigliy jiru tokko keessa teessi.

Sagalee istoovii nama jeequ gidduudhaan, dubartii qal’oon sagalee qal'oo tokko waan ishee mudate himti.

Firdoosaan umrii ganna 19tti maatii ishee biraa baate. Hawaasa Somaalii biraatti shamarreen ganna 19 otoo hin heerumiin maatii biraa bahuun baratamaa miti.

Haata’u malee, qoccollaan mana keessatti ishee mudate ykn garaagartummaan ishee fi miseensa maatii ishee giddutti mudate manaa ishee baase.

Firdoosaan akkas jette, ‘’jalqabarratti akka manaa baqachuutti hin lakkoofne ture, garuu haadha buddeenaa koo waliin kana booda jiraachuu hin feene,’’ jette.

‘’Haati buddeenaa koo kuni ijoollummaa kootti haatikoo duunaan, haadha warraa abbaakootii ishee lammataa taate.

Waggoota baayyeef na hacuucce, haata ‘u malee, abbaan koo yeroo hundumaa gara isheerra gora ture,’’ jette.

Erga manaa baqattee Firdoosaan hiriyoota haaraa baafattee isaan waliin bakkaa bakkatti kaayyoo malee godaanti ture.

‘’Hiriyoonni koo sun waa’ee koof ni dhimmamu jedheen yaadan ture. Amma duubatti deebi’ee yeroon yaadu isaan hiriyoota dharaati,’’ jette.

Firdoosaan adeemsa keessa araada dawaa hamoo Opiyood jedhaman kanneen akka morfin, tiramadol, fi Petidin jedhamaniin qabamte.

Achumaan gartuu shubbistoota qaama bishaanii qarqaratti argamu 'Lido' jedhamutti argamutti dabalamte.

Bakka kanatti ture Firdoosaan daldala saalquunnamtii kan baratte.

Firdoosaan otoo hin turiin magaalaa Moqdishootti hoteelattis ta’e kara- deemaa ykn nama eenyummaa isaa sirriitti hin beekne waliin addatti daldala saal-qunnamtiitti galte.

‘’Bilbilaan na waamnaan saal-qunnamtii raawwachuuf dhiirota biran deema. Yeroo kaan hiriyoonnikoo durbaa dhiiroonni saalqunnamttii raawwachuuf yeroo qophaa’anitti na waamu ‘’ jette.

‘Araada kootiif maallaqan barbaada’

Firdoosaan maamiltoota jiruu adda adda keessa jiran waliin saalqunnamtii raawwatti.

‘’Jalqabarratti dhiroonni waliin saalqunnamtii raawwadhe jaalalleewwan hiriyootakoo warreen dubartootaa waliini.

Sana booda dhiirotaan duraan hin beekne waliin saal-qunnamtii raawwachuutti ka’e.

Akkuma shamarraan akka kootii biroo baayyee miidhaaf saaxilamtuun ture, araadaa kootiif jecha maallaqa argachuu barbaade,’’ jette Firdoosaan.

Daldalli saalqunnamtii dhokaasatti waan gaggeeffamuuf jecha namoonni hangamii gocha kanarratti akka bobba’an ragaan sirnaan agarsiisu hin jiru.

Haata’ u malee, dhugaa ba’umsi Firdoosaa fi namoota biroo hedduu akka agarsiisutti, daldalli saal-qunnamtii iddoo shamarran umrii dargaggummaa keessa jiran hedduun keessatti of arganidha.

Hodaan dubartiin jedhamTus akkuma Firdoosaa waggoota lamaaf walakkaaf daldala saal-qunnamtii keessatti kuftetti.

Hodaan shamarree ganna 23 yoo taatu, akkuma Firdoosaatti manaa baqattee haala jireenya dhokataa magaalaa MoqdishOO kana keessatti of argite.

Hodaan akkas jetti:’’ halkan irra caala hoteela keessan tura. Shamarran akka kootii biroos akkasuma hoteela keessa turu.

Dhiiroota sadarkaa hundarra jiran waliin wal barta, haata’u malee, haalonni gara hunda caala hamtuutti kan geeddaramu wayita dhiirota muraasa isaanii waliin baatu,’’ jetti Hodaan.

Somaaliyaa keessatti saalqunnamtii maallaqa argachuuf raawwachuun yakka. Shamarran umrii dargagguumma keessa jiran hedduun garuu gocha kana keessatti of argu.

BBC’n qondaaltonni poolisii, Ministeerri Dhimma Dubartoota fi Mirga Namoomaa dhimma kanarratti akka yaada kennan gaafatee otoo yaada hin kenniin hafan.

"Shamarraan yero heddu miidhamanii, godaannisa qaamasaaniirratti fudhatanii deebi’u, shamarran daldala saalqunnamtiirratti bobba’an kaan namoota isaan amanan birootiin gowwoomfamu," ’jette Hodaan.

Firdoosaaf kuni fudhatama hin qabu, kun hokkoratti ishee geessa.

"Jalqaba yeroon daldalaa saalqunnamtii eegalu iddoo barbaadanitti dhiirota waliin saal-quunamtii raawwachuun dhaqa.

Haata’u malee, halkan tokko nan reebame, fuulli na dirmammaamma’ee dhiigaan deebi’e.

Reebamuu kootiif ka’umsi gatii maallaqa naaf kaffalamuurratti wal dhabuu keenya hordofeeti,’’ jette.

‘’Yeroo sanarraa kaasee iddoo qophaa ta’etti dhiirota waliin hin deemu, yoo maallaqa hangamiiyyuu naaf kennan. Baayyee waan hamaadha,’’ jette.

‘’Dubartoonni daldala saalqunnamtiirratti bobba’an biroo baayyeen isaanii carra-qabeeyyii miti. Dubartoonni mana dhiirotaa qophaa deeman miidhamanii, yeroo tokko tokkommoo dhiiroota tokkoo oliin gudeeddamu,’’ jette.

Yeroo tokko tokkoo ammoo namoonni warra daldala saalqunnamtiirratti bobba’an miidhan viidiyoon isaan waraabanii sana booda ittiin dorsiisu.

‘Maatiikee jaalattu arguun ni ulfaata’

Hodaan akka jettutti, dubartoota daldala saal-qunnamtiirratti bobba’an yakkamtoonni dawaa sammuu namaa adoochuun erga adoochanii booda viidiyoon waraabanii galii daldala kanarraa argamu qooddanna jedhanii ittiin dirqisiisu.

‘‘Yoo dubartoonni kun didan ni reebu, nama viidiyoo keessatti waraabame akka tooftaatti gargaaramanii isaan qoccolu,‘‘ jetti.

Akka gabaasa TV Biritiish chaanal 4 jedhamuutti, hawaasa Somaaliyaa keessatti haala kanaan dubartootarra hubaatiin qaqqabu dubartoota daldala saalqunnamtiirratti bobba’an bira kan tarudha.

Hodaan akkas jetti: "shamarraan ani beeku heddu doorsifni akkasii ni mudata. Shamarran hedduun isaanii taateen kun isaan mudachuu amanuuf ni qaana’u, garuu waan naannoo keenyatti raawwatamu beekna. Yeroo dheeraa haala jireenya akkasii keessa jirra,‘‘ jette.

Gabaasni Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UN) akka agarsiisutti, haleellaan saalaa dubartootarra gahu Somaaliyaatti bara 2019- 2020 giddutti olka’uu eeree, miidhaan qaqqabu kun iddoowwan wal-waraansi hammaatutti daran haammaadha jedha.

Gabaasni dhaabbaticha akka jedhutti, seerri labsamu laafaa ta’uun yakkitoonni bilisa akka bahan, miidhamtoonni deeggarsa xiqqoo ykn tasumaa akka hin arganne taasise.

Dubartoonni daldala saalqunnamtiirratti bobba’an ammoo hawaasa Somaaliyaa keessatti haala jireenyaa itti qaana’an keessa waan jiraataniif hawaasa keessaa moggaatti dhiibamoodha.

‘‘Somaaliyaatti dubartoonni akka keenyaa sirna isaan deeggaru hin qaban, qaama itti iyyattu hin qabdu.

Dhiibbaan hawaasaa haalota hunda ittuu hammeessa, sababa kanaaf dubartoonni miidhaman deeggarsa hin gaafatan, keessattuu yoo araadaan qabaman,‘‘ jetti Firdoosaan.

Somaaliyaa kessatti dhaabbileen dhimma dubartootaarratti hojjatan hedduun jiraatanillee, dhimma kanarratti BBC’f yaada kennuurra of qusataniiru.

Hodaan fi Firdoosaan akka himanitti, dhaabbileen shamarran deeggaran otoo jiraatanii, akkasuma tooftaan dubartoota ittin deeggaran otoo jiraate dubartoonni jiruu hamaa kana keessatti hin danqaman jedhu.

Firdoosaan hiriyaan ishee Aminaa jedhamtu jiruu kana keessa akka baatu akka jajjabeessitu dubbatti.

''Amiinaan yeroo hundumaa daldala saalqunnamtii keessaa bahee warra kootti akkan deebi'u na jajjabeessiti.

Haata'u malee, waan salphaa miti, maatiikee jaalattu arguun ni ulfaata. Waggaa sadii keessatti takkaa warrakoo argee hin beeku,'' jette.

Aminaan duraan daldala saalqunnamtii keessa turtee , ulfooftee daldala-saalqunnamtii keessaa baate.