Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dubartiin Naayijeeriyaa kun akkamiin daldala saalqunnamtii Awurooppaarraa miliqxe?
- Barreessaa, Linda Presley
- Gahee, BBC News Koppanihaaganirraa
Waggaa waggaatti dubartoonni kumaatamatti lakkaa’aman magaalota Awurooppaa geeffamuun dhiirota waliin saalqunnamtii akka raawwatan taasifamu.
Shamarreen lammii Naayijeeriyaa Jewel jedhamtu hojii kana keessaa miliqxeetti.
‘’Ifan arge. Iddoon ani dhufe ibsaa waan hin qabneef yeroo hedduu dukkana. Garuu waanti hundi asitti ni ifa-baay'ee bareeda,’’ jetti.
Jewel maqaa shamarree kana kan dhugumaa miti. Shamarreen kun akkatti Deenmaark geesse himti.
‘’Carraa biyya kana dhufuu argachuu kootiif waaqayyoon galateeffadhe. Hojii eegaluun barbaada ture,’’ jette.
Jewel Naajeriyaa irraa xiyyaara wayita kortu, namoota umrii dullumaa keessa jiran gargaara jettee yaaddi turte.
‘’Namoonni Liibiyaa keessa daddabarfaman konkolaataafi bidiruun adeemu. Kunis baayyee qindaa’aafi shakkii tasuma akka hin uumnetti raawwatama,’’ jetti.
Dhaabbanni sadarkaa idil-addunyaatti godaansarratti hojjattu IOM tilmaamni baase akka agarsiisutti, dubartoonni Naayijeriyaa %80’n lafoo imalu, sana booda galaana Meeditiraaniyaanii ce’uuf yaalu.
Dubartoonni kunneen daldala saalqunnamtiif gara Awurooppaatti geeffamu jedha IOM.
Jewel dubartoota imala abdii nama kutachiisaa ta’e keessa erga darbanii rakkoo kanaaf saaxilaman biroon jiraachuu akka beektu himteetti.
Imalli ishee buufata xiyyaaraa Leegosirra wayita eegalu kana mirkaneeffatteetti.
Kooppanheegan wayita geessu dubartii lammii Naayijeriyaa tokkotu ishee simate, achi akkuma geesseen guyyaa lammaffaatti mandara magaalichaa Vesterbiroo jedhamu geessite.
- Biraasels maaliif maqaa daldaltuu saal-qunnamtii lammii Naayijeeriyaa tokkoon daandii moggaasti?
- Ispeen daldala saal-quunnamtii seeraan dhorkuuf dhaadatte
- Kanneen daldala saal-quunnamtii keessa jiran akkamiin Covid-19 dandamatu?
- Shamarreen Gondar waggoota 15'f daldala saal-quunnamtiirra turte dhiibbaa Covid-19 maal jetti?
‘’Hospitaalan naannichatti barbaada ture’’ jette Jewel waan yeroo sana ture yaadattee yeroo dubbattu.
Karaa gubbaa yeroo muraasaaf imalaa turan. Jewel waa’ee naannoo isheetii yaadannoo akka qabattu itti himamameera.
Akka tasaatti dubartiin waliin deemaa turte kun waan isheen hin eegne itti himte.
‘’Waanti isheen dubbatte, iddoon kuni bakka ati itti hojjattudha. Tarii gamoo wayii quba akeekti jedheen sirriitti hin hubatiin hafe.
Haata’u malee, isheen bakka nuti deemaa turre sana jechuu isheeti.
Yeroo sana ture daldaltuu saalqunnamtii akkan ta’u isheen natti himte, iddoo sanattiidha maamiltoota kanan barbaadu.
Sana booda Deenmaarki guutuun narratti waan jigde natti fakkaate,’’ jette Jewel.
Jewel halkan sana akka tasaatti dubartii Dhaabbata Miti-mootummaa namoota Deenmaark seeraan ala daddabarfaman gargaaru ‘HopeNow’ jedhamu keessa hojjattu Misheel Miildwatar argatte.
Dubartiin kun Jewel shamarree xiqqoo, umriin ganna 20 keessa jirtu kana argitee kaardii lakkoofsa bilbila ishee qabu kenniteef.
Dubartiin lammii Naayijeriyaa isheen ‘’Madam’' jettuun immoo, dubartii Ingilizii biskiliitiin deemtu kana hin amaniin jetteen.
Taatullee Jewel maamila ishee jalqabaa daftee simatte.
‘’Namtichi tokko doolaara Ameerikaa 620 isheef kennee manasaatti na geesse, sana booda hojjachistuun koo ni deemte’’ jette Jewel.
‘’Akka waan umrii guutuuf ta’e wayiitti na jajjabeesse. Yeroo sanatti afaan inni dubbatu hin beekun ture.
Kanaaf waan inni jedhu ilaalchisee homaa hin dubbanne- turjumaan Google gargaaramuun haasa’uutu nurra ture, Garuu ani nan sodaadhe’’ jette.
Ji’a ittaanu keessa Jewel saalqunnamtii daldalaaf oolchun itti jabaatee ture.
‘’Saalqunnamtii daldalaaf oolchuun natti cime. Nan qaaneffadha, namni haaraa yeroo achi dhufu jarri ni beeku, isaan nama haaraa wayi barbaadu,’’ jette.
Ragaan dhiyeenyatti Gamtaa Awurooppaa baase akka agarsiisutti, Awurooppaatti namoonni seeraan ala daddabarfaman bara 2017/18 lakkoofsi isaanii 14,000 ol ta’u. Kuni xiqqaadha sababni isammoo ragaan kun kanneen galmeeffamuun adda baafaman qofa bakka bu’a.
Namoota kana keessaa harki walakkaa ol biyyoota Gamtaa Awurooppaatiin ala ta’aniirraa gara sana kan geeffaman yoo ta’u, lammileen Naayijeeriyaa immoo kanneen biyyoota shanii keessaa baayyina gara jalqabaarratti tarreeffaman keeessatti argamu.
Saalqunnamtiif jecha namoota seeraan ala daddabarsuni itti fufee akka jiru Komishiniin Awurooppaa ibseera.
Waggaa tokko keessatti bu’aa maallaqaa yakka kanaan argamu hanga Yuuroo biliyoona 14 akka ta’utu tilmaama.
Dubartoonni maallaqa daldala saalqunnamtiin argatan akka himanitti, warreen isaan daddabarsaniif akkasuma geejjibaafi iddoo jireenyaaf jecha maallaqa guddaa daddabarsitootaaf kaffaluufi.
Daaniish Inistitiyuutii damee dhimma godaansaa idil-addunyaatti qorattuu gameettii kan taate Saayin Pilaambech akka jettutti liqii akka kaffalan taasifamu.
‘’Gartuun baqattoota Naayijeeriyaa daldala saalqunnamtirratti bobba’an idaa guddaa akka kaffalan dirqisiifamu.
Kunis Yuuroo 10,000- 60,000 gidduu ta’a.
Idaan ammas guddatu waan irra jiruuf saffisaan maallaqa argachuu barbaadu. Eeyyama hojii hin qabdu taanaan karaan saffisaan maallaqa argachuun danda’amu daldala saalqunnamtiitiin,’’
Namoonni Jiwil garasitti geessan Yuuroo 42,000 yeroo waliigalame keessatti kaffaluu qabdi jedhaniin.
Otoo Naayijeeriyaa irraa garasitti hin imaliin guyyaa tokko dura iddoo awwaalchatti waamuudhaan sodachiisuun dhimma kana itti himaniiru.
‘’Maallaqa sana akkan kaffalu na kakachiisan, garuu eenyu akka iddoo sana na geesse hin himu’’ jette.
‘’Yoon maqaa isaanii hime waan hamaan anaafi maatii koo eegggata,’’ jette.
Erga Jiwil Deenmaark geesse booda namoonni ishee garasitti geeessan maatii ishee Naayijeeriyaatti hafan doorsiisu.
Jiwil dhiibbaa cimaa keessa waan turtef, waa’een jibbinsa maamiltoota ishee karaa Vesterbiroo konkolaattoota dhaabatan giddutti ykn mana isaaniitti tajaajila barbaadan kenniteefi hedduu ishee hin dhiphisu ture.
‘’Lakkii jechuu hin dandeessu, tolee male, sababni isaammoo dubartoota 10-15tu dhiira tokkicha halkan sana maallaqni irraa argamu ilaala’’ jettetti.
Jiwil ji’oota afuriif dhiphina, abdii kutannaa keessa kan turte yoo ta’u, lubbuu isheellee dabarsuuf yaalteetti.
Dhimma kana qondaaltota biyyattiitti gabaasuurra harkifataa turte.
Ammas idaa guddootu isheerra jira. Ofii ishee fi maatii isheef illee yaaddoo qabdi turte.
Otoo kanaan jirtu seenaan ishee geeddarame.
Jewel lammii Daanish tokkoon wal barteetu jalaala keessa seente.
Guyyaa beellama jalqabaa wal argan irbaata erga nyaatanii booda waan ture hunda itti himte. Jewel karaa gubbaatti daldala saalqunnamtii ni dhiifte.
Maallaqa dubartii ishee hojjachuuf torban torbaniin kaffaltus gargaaraa kaffaluurra jira.
Taatullee jaallalleewwan kunneen gorsa barbaadu ture.
Jiwil kaardii Misheel Mildwatar, halkan isheen jalqaba daldala saalqunnamtiirra bobbaate Vestirbirootti kenniteefi olkeessee turte.
Misheel Mildwatar Jiwil gorsitee, akka isheen dubartii daldala saalqunnamtii ishee hojjachiiftuuf maallaqa akka hin kaffalle taasifteetti.
Ebla bara kanaatti tarsimoon haaraan daddabarsa namootaa ittiisuuf bahe kan ifoome yoo ta’u, Komishiiniin Awurooppaa tattaaffiiin ganna 10’n darban daddabarsa namootaa ittiisuuf fudhatame kufaa ta’uu amaneera.
‘’Namoonni yakka kana raawwatan Gamtaa Awuroopaatti seeratti dhiyaachuun xiqqaachuun, daddabarsitoonni seeraan alaa otoo miidhaan irra hin gahiin galii guddaa yakka raawwatanii argatu’’ jedhameera.
Mootummaan UK akka beeksisetti, bara bara 2020 keessa poolisiin yakkoota nama garboomsu bifa jabanaatiin raawwataman yakkoota akka miidhaa saalqunnamtii fi hojii humnaa olii hojjachisuun walqabatu 7,779 biyyattii keessatti galmeessu beeksise.
Gama biraatiin, daldalli saalqunnamtii Denmaarkii keessatti seeraan ala miti garuu eeyyama daldalaa hin barbaadu. Dubartoota daldalarratti bobba’uun Koppanhagenitti miidhaaf isaan saaxila. Imaammanni Deenmaark hordoftu godaantota seeraan ala jettuun gara biyya isaanitti deebisuudha.
Dubartoonni daddabarsa seeran alaatiin miidhamanillee yeroo murtaa’e booda gara biyya isaaniitti deebifamu.