Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Agarsiisa waraana Itoophiyaa tibbanaa Ertiraan 'dubbii barbaacha' jette
Agarsiisa waraannni Itoophiyaa dhihoo magaalaa Hawaasaatti mul'ise Ertiraan ''dubbii barbaacha'' jechuun qeeqxe.
Guyyaan hundeeffama waggaa 65ffaa Ajaja Duula Addaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa magaalaa Hawaasaatti yeroo kabajametti agarsiisi waraanaa mul'ateera.
Agarsiisa kanarratti kan argaman Ministirri Muummee Abiy Ahimad loltuun leenjii addaa fudhateefi Gaanfa Afrikaa shororkeessummaarraa tiksuu danda'u ijaaramuu dubbatani.
Ministirri Odeeffannoo Ertiraa Yemaane G/Masqal fuula X isaaniirratti yaada kennaniin agarsiisa kana qeeqaniiru.
Aangawaan Ertiraa paartii Itoophiyaa bulchaa jiru, Paartii Badhaadhinaa, maqaa biraan dhahan ''agarsiisa jibbaan guutame biraa waraana barbaaduufi humna agarsiisuun dubbii barbaaduuti'' jedhan.
Dubbiin MM Abiy Ahimadis ta'e agarsiisni waraanaa kuni yeroo Itoophiyaafi Ertiraa gidduu hariiroon ture laafetti mudate.
Biyyoonni Gaanfa Afrikaa lamaan haala amma jiruun walitti bu'iinsatti ce'uu malu jechuun xinxaltoonni himu.
Ministirri Muummee Abiy humna addatti leenji'eefi biyyarra darbee naannicha tiksuu danda'a jedhan yeroo ibsan biyyoota lama Itoophiyaa daangessan eeran.
''Fiixee Somaalee hanga fiixee Mitsiwwaatti shororkeessummaa galaanarraa mudatan ummatoota obbolaa [ta'an] deeggarree hambisuufi naannoo keenyatti misoomaafi badhaadhina mirkaneessuuf qophiidha,'' jedhan.
Mitisiwwaan buufata doonii Ertiraa yoo ta'u Itoophiyaan humna galaanaa achitti qabdi turte. Ta'us, walabummaa Ertiraa booda abbummaa dhabde.
Gama kaaniin ulaa galaanaa barbaacha waliigalteen Itoophiyaan bulchiinsa Somaalilaand waliin taasistes Somaaliyaa waliin muddama guddaa uumee ture.
Jaarsummaa Turkiin Somaaliyaan gaaffii ulaa galaanaa Itoophiyaa deebisuuf waliigalteetti.
Ammoo ammatti waan milkaa'e akka hin jirre Somaaliyaatti ambaasaaddarri Itoophiyaa BBC'tti dubbataniiru.
Ministirri Muummee Abiy Ahimad Itoophiyaan ulaa dhabuun guddina ishee hubuufi ulaatti bahuun Itoophiyaafis ta'e nageenya Gaanfa Afrikaaf wabii ta'uu dubbatu.
Pirezidantiin Turkii Reseeph Xayyiib Erdohaan dhihoo yeroo Itoophiyaa daawwatan, Yaa'ii Gamtaa Afrikaa, paarlaamaafi bakkee adda addaatti yaaddoo isaanii kana irra deddeebiin dubbataniiru.
Sochii isaanii kana biyyoonni akka 'daangaa babal'ifannaatti' ilaalan jiru jedhu xiinxaltoonni.
Ministirri Muummee Abiy baga Sooma Ramadaanaaf geessan jechuun Afaan Arabaan ergaa dhaamaniin deebii kennaniiru.
Itoophiyaan har'a ummatashee miliyoona 130 ol ta'e hiyyumma keessaa baasuuf qabsoo gochaa jirtu ta'uu kan eeran MM Abiy, "naannawaashee kan ilaaltu ija walta'insaan malee babal'ifannaan miti'' jechuun dubbatan.
Obbo Yamaaneen dhaabi Itoophiyaa bulchu ''sagantaa ummataa hunda jedhamuurratti Paartiin Sobaa [dubbii] summaawaafi dubbii hamaa dubbii barbaadu faallaa birmadummaafi tokkummaa daangaa ollaarratti'' xiyyeeffatu dubbatuu itti fufe jedhan.
Kunis, seera idil-addunyaafis ta'e nageenya naannichaaf faallaadha jechuun dubbatan.
Erga Eertiraan bara 1993 walaboomte as Itoophiyaan ulaa galaanaa dhabdeetti.
Bulchiinsi MM Abiy akkatti buufanni Asab Ertiraa jalatti hafe 'seenaanis, seeraanis' fudhatama hin qabu jechuun morma.
Kunimmoo Ertiraa mufachiiseera, akka birmadummaa isheerratti qiyyaafatametti ilaalti.
Ministirri Muummee Abiy waraanni isaanii nageenya Itoophiyaa mirkaneessuuf qofa miti jechuun agarsiisa waraanaa kanarratti dubbatan.
''Qophiin keenya Afrikaa guutuu keessatti nagaa buusuuf guutuu Afrikaa keessattii badhaadhina mirkaneessuuf, biyyoota naannawa keenya jiran irreefi gaachana ta'uufidha.''
Bulchiinsi isaanii erga aangootti dhufee booda Humna Galaanaa diigamee ture deebisee ijaarameera.
''Leenjii [waraanaa] lafoofi gaararra, [akkasumas] lagarra ture har'a gara galaanatti,'' kan ceessisan kanaaf akka ta'e himan.
Humni leenjii addaa fudhate jedhan kunis ''Itoophiyaa qofaaf osoo hin taane humna eelit (buleessa) naannichaaf gahaa ta'e tekinolojii hidhate, teknolojii kan fayyadamu, dirooniin sakatta'u, kaamikaazin [gosa dirroonii] dahoo diigu,'' ijaaramuu dubbatan.
Obbo Yamaaneen immoo Paartiin Itoophiyaa bulchu harka tokkoon osoo 'deeggarsa maallaqa IMF fi qaamolee kaanirraa barbaaduu [harka biraan] weerara hamaa fi naannicha jeequrratti' bobba'eera jechuun himatan.
Kana dura Ertiraafi Masriin dhimmi ''nageenya Galaana Diimaa biyyoota qarqara bishaanii jiraniiti jechuun dubbataa turan.