Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Iraan 'harka kennuu' caalaa maaliif Ameerikaa waliin waraana filatti?
Waraanni Ameerikaa sochii humna isaa Baha Giddugaleessaa keessatti taasisaa jiru, tarkaanfii fudhatamuu maluuf mallattoo agarsiisuurra darbee haleellaa gaggeessuuf qophii gara taasisuutti ce'eera.
Doonii waraanaa guddichi xiyyaarota baatu USS Abrahaam Linkan jedhamu gara qarqara Iraanitti dhiyaachuun isaa qofti tarkaanfii guddaadha.
Guyyoota muraasa dura ammoo dooniin waraanaa xiyyaarora qabate biroon USS Jeraard R Foord jedhamu Galoo Jibirlaataritti dhiyoo yeroo deemu argameera. Haleellaa waraanaa Iraan irratti raawwatamuuf deeggarsa kennuuf gara Bahaatti deemaa jira.
Humnoonni waraanaa Ameerikaa biroonis gara naannichaatti socho'uun bulchiinsi Pirezidant Doonaald Tiraamp, tilmaama filannoowwan garagaraa jiran walitti qabaa jira tilmaama jedhu cimseera.
Loltuu akka kanaa bobbaasuun dhiibbaa dippilomaasii uumuuf gargaaruu danda'a. Sochii waraanichaa walumaagalatti yoo hubatamu garuu marii al kallattiin Ameerikaafi Iraan taasisan akka danqame agarsiisuu ni danda'a.
Warri wal mariyatan ejjennoo isaanii jijjiiruu hin barbaadan yoo ta'e ammoo filannoon itti aanu carraa tarkaanfii waraanaa ta'u isaa ni ballisa.
Gaaffiin ijoon kan ka'u asirrattidha. Aanga'oonni Iraan humna waraanaa guddaa addunyaa kan qabdu Ameerikaa fi michuushee jabduu Baha Giddugaleessaa waliin wal gaarerfataa jiran, yoo xiqqaate ummata durattillee ejjennoo isaanii cimaa qabatanii itti fufuu danda'uu?
Deebiin gaaffii kanaa kan argamu haalduree Ameerikaan mariif keesse keessattidha.
Haaldureewwan Ameerikaa akka harka kennachuutti lakkaa'aman
Gaaffilee Ameerikaan dhiyeessite ija Iraaniin yoo ilaalaman tarkaanfii harka kennachuudha malee haaldureewwan marii miti.
Fedhiiwwan Ameerikaa keessatti Iraan yuraaniyeemii gabbisaa jirtu akka dhaabdu gochuufi balastik misaa'eloonnishee kan furgguggifaman bifa Israa'el irratti yaaddoo hin uumneen akka hir'ifaman gochuu kanneen jedhan ni argamu.
Iraan garee hidhatan guutummaa naannichaa keessa jiraniif deeggarsa gootu dhaabuu qabdi kan jedhus haaldureewwan keessaa tokkodha.
Ministirri dhimma alaa Maarkoo Ruubiyoo ammoo Iraan akkaataa lammileen ishee itti qabattu jijjiiruu qabdi gaaffiin jedhu dhiyaateera jedha.
Hoggantoota Iraaniif gaaffileen kunneen imaammatawwan barbaachisoo hin taane miti. Dhimmoota sirna nageenya biyyaa mootummaan Iraan itti diriirse kan diiganidha.
Michuu jabaa idil-addunyaa kan hin qabne Iraan, waggootaaf 'Axis of Resistance' jechuun kan waamtu caasaa ittiin ofirraa ittiftu ijaaraa waggoota kurnan dabarsiteetti.
Caasaan kun neettiwoorkii hidhattoota michuu Iraan ta'an kan qabatedha. Galmi isaa ijoon ammoo walitti bu'iinsawwan aklka daangaa Iraan irraa faggaataniifi Israa'el irratti dhiibbaan cimu taasisuudha.
Sagnataan balastik misaa'elii Iraan humna qilleensaa biyyattii dulloomaa deemeef, akkasumas guddina tekiniiloojii loltummaa ammayyaa'uu hin dandeenyeef bakka bu'uun tajaajileera.
Waltajjiiwwan idileerratti misooma nagaaf jedhamee kan ibsamu sagantaan nukilaraas taanaan ballinaan kan ilaalamu akka qabeenya osoo walitti bu'insi hin dhalatiin hambisuu danda'uuttidha.
Yuraaniyeemiin gabbifame gara meeshaa waraanaa nukilaraatti jijjiiramuu baatus, istiraateejitoonni akka dubbatanitti, adeemsi gabbisuu isaayyu ofumaan salphaatti gara meeshaa waraanaatti humni jijjiiruu akka qabaattu taasisa.
Kun ammoo bu'uura misoomaa Yuraaniyeemii gara meeshaa waraanaa nukilaraatti jijjirtu akka qabaattuufi asirra ga'uuf wanti tokkichi hafu murtee siyaasaa akka ta'uuf carraa banaaf. Iraan humna kana qabachuun ishee mataan isaa marii keessatti humni qabdu akka dabalu taasisa.
Iraan humnoota tarsiimawoo waggootaaf ijaarratte kunneen kan harkaa ba'an yoo ta'e, tarkaanfii waraanaa akka irratti hin fudhatamneef caasaan diriirsite akka jalaa diigameetti lakkoofti.
Yaaddoo hogganaa olaanaa Iraan mudatan
Ilaalcha hoganaa olaanaa Iraaniif haaldureewwan kanneen fudhachuun mootummaa pirezidant Doonaald Tiraampiin durfamu waliin hanga ta'e waraana keessa galuu caalaa balaa kan qabu ta'ee itti mul'achuu danda'a.
Walitti bu'iins waraanaa gatii kan baasisu ta'ulleen, lubbuun ba'uun akkaataa ooluun danda'amutti yaadamuu danda'a. Faayidaawwan istiraateejii ta'an hunda, dhiibbaa qaban, akkasumas humnoota waraanaa dhabuun garuu tarii carraa oolanii darbanii jiraachuu kennuu dhiisuu mala.
Yaaddoo shallagni akkasii kun fidu akkasumaan salphaatti kan ilaalamu miti. Dhiibbaa inni fidus Iraan qofarratti kan hafu hin ta'u.
Duulli waraanaa Ameerikaa kamiyyu boqonnaa jalqabaarratti kan irratti xiyyeeffachuu danda'u aanga'oota olaanoorrattidha.
Hogganaan waliigalaa Ayaatolaa Kameenii kan ajjeefaman taanaan, sirni bulchiinsaa waggoota soddomaaf ture akka goolabamu qofa miti kan taasisu. Akkaataa hogganaan biraa gara aangootti itti dhu gooluu danda'a.
Hal;eellaawwan Eegduu Warraaqsaa Islaamaafi dhaabbileen nageenyaa biroorratti raawwatamus, seenaa Iraan keessatti tarkaanfii hamaa dhiiga dhangalaasu ta'ee rakkoo biraa dhgaluu danda'a.
Mormitoonni torbanoota darban keessa daandiiwwan Iraan dhuunfatanii turaniifi sababa tarkaanfii hamaa irratti fudhatameen mormiisaanii dhaaban ammas mufii keessa jiru.
Haleellaan tasaa caasaa mootummaa abbaa humnaa ta'erratti fudhatamu haala biyya keessa jiru gara kallattii hin eegamneetti geessuus danda'a.
Teehiraan galmi Waashingiten dhaabbileen nukilaraa fi misaa'elaa dadhabsiisuuf qofa akka ta'etti yaaddi ta'a. Waraanno erga jalqabamanii booda garuu kallattii duraan qabameefiin carraa ittiin deeman baayyee ta'uu dhiisuu mala.
Xiyyeeffannaa loltummaarraan, yeroo waraanni turuun ykn jijjiirama siyaasaan walqabatee dogoggorawwan uumaman walitti bu'insi sun carraa akka babal'atu taasisuu qaba.
Dhiibbaan dinagdees dhimma yaaddoo biraa uumudha. Dinagdeen Iraan duraanuu qoqqobbiin, qaala'insa jiraan, akkasumas humni maallaqa biyyattii gadi bu'uun miidhameeru dhiibbaa dabalataa baachuuf ni rakkata.
Gufachuun boba'aa alatti erguurratti uumamu ykn miidhaan bu'uuraaleen misoomaarra gahu osoo furmaata hin argatiin, dheekkamsa ummataa ukkaamamee ture danfisa.
Karaa kanaan yeroo ilaalamu ejjennoo cimaa qabatanii dhaabbachuun kaayyoowwan baayyee milkeessa. Qaamolee alaatiif jilbeeffachuu dhiisuu, biyya keessatti ammoo jabina agarsiisa. Faallaa isaatiin ammoo kaayyoorraa siqanii carraa waliigalteerra gahuu karaatti hambisa.
Yaaddoowwan Waashigitan
Ameerikaas taanaan yaaddoowwan ishee eeggatan kan akkasumaan bira darbaman miti.
Waraqaarratti yeroo ilaalamu muddamichi kan caalaa hammaatu taanaan humni waraanaa biyyattii qajeelfama ajajaa waliigalaa humnoota waraanaan isaanitti kennamu milkeessuuf humna qaba.
Waraanichi garuu kan gaggeeffamu lafarratti miti. Waraanni kan kallattii isaanii qabatan shallaggii dogoggoraan, muddamawwan hammaataniifi sababa wantota osoo hin eegamiin dhalataniinidha.
Waraanni guyoota 12 bara darbe Israa'el waliin gaggeeffame toora ajajaafi bu'uraaleen misoomaa waraanaa bakka jiran akka ifatti ba'anii saaxilaman godheera.
Dabalataan garuu akkamitti akka haala jiru waliin of fooyyeessaa deeman, haleellaawwan itti dandamatan, deebisanii of gurmeessaniifi deebii kennuun danda'amurratti barumsa kenneeraaf.
Biyyoonni lamaan walitti bu'iinsa bal'\aa keessa kan galan yoo ta'e wanti qaamni kamiyyu hin yaadiin dhalachuu danda'a. Mootummaan giddugaleessaa Teehiraan jiru dadhabuun qofti kallattiin tasgabbii ykn ammoo fedhii warra Lixaa waliin walitti dhiyaachuu hin fidu.
Kana gidduutti qaawwa aangoo dhalatuun wanti haaraan, diigumsiifi leellistummaan hin eegamiin akka ba'u gochuullee danda'a. Kun ammoo madaallii naannicha keessa jiru bifa Waashingiten fi michoonnishee hin barbaadneen taasisuu danda'a.
Ayaatolaa Alii Komaanii amma filannoowwan dhiyaataniif jiran gaariidha jedhaman muraasadha.
Filannoon tokko, haalduree Waashigiten fudhachuun adeemsa keessa balaa istiraateejii ittisaa sirni bulchiinsichaa ijaare diigumsaaf saaxiluu fiduu danda'a.
Ta'uu baannaan fedhiiwwan Ameerikaa fudhachuu diduun yeroo haalli biyya keessaa dadhabee jiru kanatti carraa walitti bu'iinsa keessa galuu akka dabalu gochuudha.
Hoganaan waliigalaa Iraan humna istiraateejii dhabanii harka kennuu filannii "isa hamaa ta'e" godhanii lakkaa'uu danda'u.
Waraana murtaa'aa garuu dandamachuu danda'an keessa galuun ammoo " filannoo badoo ta'anirra kan fooyyaa'aa" akka ta'etti fudhachuu danda'u. Haala hanga ammaa jiruun iraan yoo xiqqaate fuudura ummataatti gara filannoo kanaatti duufaa kan jirtu ykn isa kana caalsifataa kan jirtu fakkaata.