Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Daa'imni jalqabaa gadameessa dubartiin duute arjoomte keessaa dhalate
UK keessatti daa'imni jalqabaa gadameessa dubartiin duute arjoomterraa dhalate.
Umriin ishee yeroo ammaa waggaa 30 keessa kan jiru Girees Beel gadameessa daa'ima baachuuf ga'aa ta'e malee dhalatte.
Beel fi abbaan warraa ishee Istiiv Powel daa'ima isaanii Huugoo akka argataniif dubartii gadameessa arjoomtee fi maatii ishee galateeffataniiru.
Ogeeyyiin fayyaa adeemsa baqaqsanii yaaluu kana keessatti hirmaatan daa'imni yeroo jalqabaaf haala kanaan dhalachuun dubartoota rakkoo walfakkaataa qabaniif abdii guddaa ta'uu ibsan.
Huugoo kiilogiraama 3.2 ta'ee dhalate. Kan dhalates lixa Landan hospitaala Queen Charlotte's and Chelsea Hospital jedhamutti.
Beel dubartoota UK 5,000 kanneen gadameessa malee dhalatanii fi laguu ji'aa arguu hin dandeenye, garuu ammoo akkuma dubartoota kaanii ovaarii qaban keessaati.
Rakkoon akkanaa MRKH jedhama.
Daa'ima godhachuu akka hin dandeenye kan itti himame yeroo umriinshee waggaa 16 turedha.
Daa'ima godhachuuf carraan qaban gadameessa nama biraa dhaabsifachuu ykn ammoo miciree nama biraa garaatti baachuudha.
Guyyaa bilbilli bilbilameefii gadameessi arjoomaan akka argamee fi dhaabsisuun akka danda'amu itti himame, Beel ''guddoo rifachuu'' fi ''akkaan gammaduu'' yaadatti.
Arjoomni gadameessaa kun kennaa addaa waan isheen hin eegne milkeesseef akka ta'etti ibsite.
Maatii akkasheen daa'ima ofiishee godhattuuf sababa ta'anis galateeffatte.
''Guyyuu waa'ee dubartii gadameessa naaf arjoomtee fi gaarummaa maatii ishee hin dagadhu. Intalli isaanii gadameessa naaf arjoomuu wayita baran gammachuun simatan. Jireenya naaf gumaachan,'' jechuun maatii gadameessa irraa argatte galateeffatte.
''Gar tokkeen qaama ishee yoomuu ni jiraata.''
Gadameessa Beel dhaabsisuuf wal'aansi baqaqsanii yaaluu sa'atii 10 fudhate.
Wal'aansi kun Waxabajjii 2024 Oksifoord, Hospitaala Charchil keessatti gaggeeffame.
Ji''ota booda ammoo Beel fi abbaan warraashee wal'aansa IVF fudhatan, sana booda Landan, Kilinika Wal Hormaataa Lister keessatti miciree dabarsuun gaggeeffame.
''Ganama ka'ee yeroon daa'ama bareedaa of biratti abjuu keessa waanan jiru natti fakkaate. Raajii natti ta'e,'' jette Beel.
Wal'aansi baqaqsanii yaaluu gadameessa Beel dhaabsisuuf sa'atii 10 fudhate kun, UK keessatti yaalii gadameessa nama du'ee irraa daa'ima godachuu irratti taasifame kan jalqabati.
Kanaan dura dubartoonni sadi gadameessa nama lubbuun jiruu fudhachuun daa'ima argataniiru.
Jalqaba bara 2025 daa'imni Amy jedhamtu gadameessa dubartiin lubbuun jirtu arjoomterraa dhalatteetti.
Haati daa'ima kanaa gadameessa obboleettiishee hangafaa Amajjii 2023 dhaabsifatte.
Obboleettiin ishee kun dursitee daa'ima lama godhattee waan turteef gadameessa arjoomteef.
UK keessatti gadameessa dubartoonni lubbuun jiran arjooman dubartoota gadameessa hin qabne shaniif dhaabsisuun karoorfameera.
Amiin hospitaaluma Huugoon keessatti dhalatetti dhalatte. Ogeeyyiin fayyaa wal'aansa kana duuba jiran taatee kana milkeessuuf yeroo dheeraa ifaajan.
Amy was born at the same London hospital as Hugo. The medical team behind both births has been building towards this moment for many years.
Koleejii Imperial College Healthcare NHS Trust jedhamutti gorsaa dhimma fayyaa walhormaataa dubartootaa kan ta'e Pirof Richaard Ismiiz waggaa 25 dura gadameessa dhaabsisuu irratti hojjechuu eegale.
Wayita Huugoon dhalatus garee ogeeyyii fayyaa waliin ture.
Beel fi Powel ogeessa fayyaa gameessa Ismiiz galateeffataniiru.
Garee oppireeshinii kana raawwate kan dursituu fi ogeetti wal'aansa baqaqsanii yaaluu kan taate Isaabeellaa Kuyiiroogaa dhalachuun Huugoo wal'aansa qaama bakka buusuu UK keessatti taasifamuuf bu'aara guddaadha jette.
''Awurooppaa keessatti dubartoota gadameessa dubartoota du'anii irraa argataniin daa'ima godhatan arguun baayyinaan kan baratame miti,'' jette.
Adeemsi eegalan kun dubartoota umrii daa'ima godhachuu keessa jiran, garuu sababa gadameessa hin qabneef daa'ima malee hafan akka daa'ima argatan gochuudha jette ogeettiin fayyaa kun.
Shamarran fi dubartoonni gadameessa hin qabne amma akka abdii horatan godha jette Isaabeellaan.
Daa'imni gadameessa dubartii duutee irraa argame kun dubartii sana waliin hidhata qaccee sanyii akka hin qabne ibsan ogeeyyiin fayyaa.
Addunyaarratti dubartoota 100 caalaniif gadameessi dhaabsifameera, sababa kanatti daa'imman 70 caalan dhalataniiru.
Gadameessa arjoomuun akka dhiiga ykn qaama biraa arjoomuu miti, ajaja addaa fi fedhii maatiin kan raawwatamuudha.