Wal'aansi umrii da'umsaa dubartootaa dheeressa jedhame gaaffii kaase

Ogeessootni wal'aansa umrii da'umsaa dubartootaa waggaa kudhaniin dheeressa jedhame nu yaaddesseera jedhan.

Wal'aansichi kan yeroo dheeraa fi milkaa'uunsaa immoo kan hin mirkanoofnedha. Haa tahu malee ammayyuu dubartoonni wal'aansa kanaaf yuroo 6,000 ol baasaa jiru.

Piroofesara Saayiman Fiisheel Barmingihaamitti hogganaa dhaabbata wal'aansa kana kalaqani yoo tahu, wal'aansichi carraa umrii dubartooti itti dahan kan dabaluufi dhibee tibba laguu arguu dhaabuu waliin dhufan-kanneen akka dhukkuba onnee fi laafina lafee hir'isa jedhameera.

Wal'aanisichi qaama ovaarii xiqqoo baasuun gara waan akka geengoo xixiqqootti akka geeddaramu gochuun cabbeessuu dha.

Kana booda akka baqu erga taasifameen booda deebisamee yeroo barbaadametti gara qaama dubartiitti galfama.

Akka hakiimonni dhuunfaa jedhanitti yoo taheef dubartiin da'uu barbaaddee tokko kutaa ovaarii cabbaa'ee taa'e kana qaama isheetti fudhachuuf yoo heyyemte naannoo ujummoo gadameessa isheetti galchuun ni danda'ama.

Umrii itti da'uu dandeessuufi laguu ishee itti argitu, dheeressuu barbaaddi taanaan iddoowwan qaama keenyaa dhiigni akka gaariitti deddeebi'u keessa galchuun ni danda'ama-bobaa jala faa galchuun ni danda'ama.

Wal'aansichi umriin dubartii dargaggummaa keessa otoo jiruu ovaariisheerraa fudhatamnaan bu'aansaa guddaa dha, sababiinsaa immoo hanqaaquu fi ovaariin hormoonii guutuu gatii qabuufi.

Hanga yoonaatti wal'aansa kana dubartoota sagaltu fudhate.

Wal'aansi akkasii dubartoota ovaarii isaanii sababii kaansariidhaan dhabuuf saaxilaman irrattillee ni hojjetama jedhan piroofeesar Fiisheel.

Kanaaf wal'aansichi sirrii dha jechuuf odeeffannon gahaan jira jechuu dha.

Ragaan hin jiru

Doktor Meelaaniin eegumsa sirna wal hormaataa irratti UK'tti kan hojjetu yoo tahu, dubartootni fayyaalessi yaalii baqaqsanii hodhuu karaa tokkos tahe kara biraa daa'ima argachuuf jecha fudhachuun hin hafu jetti.

Dubartiin dhukkuba kaansarii hin qabne wal'aansa kana fudhattee hin beektu, dabalataan ovaariin xixiqqoo deebi'ee qaama dubartii keessa seensifamu immoo waggaa 10 turuusaaf ragaan hin jiru.

Wal'aansi hormoonii bakka buusuu inni jedhamu, '' kan sirriitti qoratame dha yoo tahu dabalataan dubartoota barbaadaniif ni kennama'' kan jedhan immoo Dr, Deevis Biriitishitti Koree Dubartoota Laguu arguu dhaabanitti argamuun kana dubbatan. Kanaaf wal'aansi kuni isa kana bakka hin bu'u jedhu.

Kana malees dubartoota carraa da'uu isaanii dabaluu barbaadaniif hanqaaquu ofii cabbeessuun,''filannoo qabatamaa tahe,'' dha wal'aansi hin mirkanoofne kanarra jedhu Pirof,

Wal'aansa laguun eega dhaabbate booda taasifamu

Dhukkuba erga laguun dhaabbatee booda dhufuuf dubartoonni hundi hin fayyadamiin iyyuu malee ni jira.

Wal'aansi hormoonii bakka buusuu dhibee kanneen akka ol guuruufi halkan halkan dafqisiisuu hiri'isuu ni danda'a jedhameera.

Gorsi inni bira

  • Nyaata madaalamaa soorachuun fatii hir'isuu, kaalsiyeemii dabaluutiin lafeefi onnee ni eega.
  • Ispoortii hojjechuun dhiphina hir'isuufi dhukkuba onnee ittisuu ni danda'a.
  • Tamboo xuuxuu dhaabuu,
  • Dhugaatii alkoolii hir'isuunis kanaafa gargaara jedhu

Hakiimoonni kunneen akkas haa jedhaniyyuu malee shamarreen ganna 22 wal'aansicha fudhachuuf qophiitti jirti.

Ammaaf waan ani hin barbaanne tokko ijoolee godhachuu dha.

''Hojii koo nan jaaldha, mucaa gohdachuun dura waanin hojjechuu barbaadu baayyeetu jira.''

''Booda yoon mucaa godhachuu baadhe hoo jedheen dhiphachuu hin fedhu.'' jetti.