Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Taamii Daakwaarz hojii waajjiraa wayita hojjettu mucaa godhachuun ishee jalqabaa taate
Seenaatarri Ameerikaa Taamii Daakwaart nama ganna 50 kuni mucaa dubara godhatte, hojii waajjiraa otoo hojjetttu mucaa godhachuun seenaatara ishee jalqabaa taateetti.
Daakwaarz paayileta heelikoptaraa loltuu duraanii kan turteefi miila ishee lamaan bara 2004 Iraaq keeessatti kan dhabde dha.
Loltuun duraanii waraana Iraaq kun dubartii qaama miidhamtuu taatee seeneetii Ameerikaaf filatamuun seenaa hojjetteetti.
Akka miidiyaalen Ameerikaa jedhanitti dubartiin kun dubartoota 10 waajjira federaalaaf filamanii mucaa godhachuun ishee tokko taatetti.
Daa'imii maqaa ishee Maa'ilee jedhanin kuni warra ishee f mucaa lammmataa tahuun kutaa biyya Waashigantan keesstti wiixata kana dhalatteetti
'Dhimmi maatii dhimma dubartootaa qofa osoo hin taane, dhimmi diinagdee haadhaa fi abbaa ilaallaatu' jetteetti Daakwaarz.
Haadhummaa fi seenaatara ta'uu wal siimsiisuun ulfaataa hammuma tahe, akka maatii hojjettuu waajjiraa tokkootti qofaa koo dha jedhee hin yaadu, jetti.Ijoolleen koo akkan hojii kootti jabaadhu fi maatiiwwan hojii isaaniitti cimoo tahaniif akkan dhaabbadhu na taasisaniiru.
Daakwarz akka gaazexaa Ameerikaa tokkotti himteetti 'sababa ulfa yeroo malee bahuufii rakkoo marsaa micireetiin mucaa ishee lammataa kana ulfaahun rakkoo ture.'
Guyyaadhuma da'umsa ishee ganama, Daakwarz xalayaa waajjira Bulchinsa Itti Gaafatamummaa Ameerikaaf barreessiteen, hogganaan Eejensii Kunuunsa Naannoo Iskoot Piruu'it sababii amala badaatiin himatamaa jiru akka qoratamuuf waamicha dhiyeessiteetti.
Daakwaart bara 2018 kana keessatti waraqaa hojii buufata xiyyaaraa keessatti haadholiin akka hoosisan eeyyamu barreessiteetti.
Poolisiin yeroo dhuunfaa haadholii reefu mucaa godhataniifi daa'ima guddifachaan fudhatanif maatiiwwan barattoota ta'an wiirtuun itti ijoollee qaban akka banamu waamicha dhiyeessiteetti.