Muddamni US-Iraan hammaannan US hojjattoonni emabsiishee Beeruut jiran akka bahan ajajje

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

USfi Iraan gidduutti muddamni dhalachuu hordofee US hojjattoonnishee embasii magaalaa giddoo Libaanoos, Beerut keessa jiran akka bahan ajajje.

Qondaalli olaanaan ministiira dhimma alaa US tokko BBCtti akka himanitti, yaaddoo nageenyarraa kan ka'e hojjattoota dhimma murteessaaf barbaadamaniin alatti kaan emansicha gadhiisanii akka bahan ajajamaniiru.

Hojjattoonni embasii US Beerut jiru keessa hojjatan akka bahan ajajamuunsaanii mariin dhimma nikularaa Iraan waliin gaggeeffamu waliigalteerra hin gahamu taanan, Tiraamp tarkaanfii waraanaa akka fudhatu akeekkachiisuu hordofeeti.

Iraan haleellaan irratti raawwatamnaan buuufataalee waraanaafi bu'uuraalee US ta'an kan Baha Giddugaleessaa keessa jiran irratti tarkaanfii akka fudhattu irra deddeebiin akeekkachiistetti.

Gama biraan ammoo Ministiirri Dhimma Alaa US Maarkoo Ruubiyoo imala gara Israa'elitti taasisuuf ture dhiisera; sababa isaas hin ibsine.

Qondaalli olaanaan Waayit Haawus BBCtti dubbatan: "Haala nageenya naannichaa yeroo hundumaa ilaalla, gamaaggama keenya yeroo dhiyoo irratti hundaa'uun hojjattoota keenya hir'isuuf murteessineera.

"Embasichi hojjattoota murteessoo ta'an qofaan hojjachuu itti fufa," jechuun kun tarkaanfii nageenya lammiilee UStiif jecha fudhatame ta'uu ibsan.

Hojjattoota embasii US Beeruut jiru keessaa 50 kan ta'an akka bahan yoo ajajaman, 32 kan ta'an har'a magaalaa Beerut keessaa akka baafaman Rooyitars gabaase.

Sababni dippilomaatonniifi hojjattoonni embasii US Libaanos jiru keessaa akka bahan godhamaniif addatti ibsamuu baatus, Iraan waliigalteerra hin geessu taanaan "waan hamaatu mudata" jechuu hordofee akka ta'etu yaadama.

US michuu Iraan kan ta'eefi Libaanos keessa socho'u garee Hezbollaa irraa yaaddoo qabdi.

Bara 1983tti Hezbollaan loltoota humna galaanaa achi jiraanifi embasii US magaalaa Beerut jiru irratti haleellaa banuun namoota heddu ajjeessuu hordofee US godaannisni sun akka irra hin deebine sodaa qabdi.

Tiraamp torban darbe keessa akeekkachiisa dhumaa kan fakkaatu Iraanif kennee ture: Guyyaa 10 keessatti Iraan waliigalteerra hin geessu taanan, "waan ta'uuf deemu addunyaan arguuf deema" jedhee ture.

USfi michoonnishee biyyoonni Awurooppaa Iraan meeshaa waraanaa nikularaa gabbisuuf jetti shakkii jedhu qabu; Iraan garuu kana cimsitee waakkatti.

Torban darbe USfi Iraan magaalaa Geenevitti wal-arganii mariyatanis, US humna waraanaa guddaa gara Baha Giddugaleessatti geessuu ittuma fuftee jirti.

Doonii waraanaa xayyaarota waraanaa baatu lamaafi dooniwwan waraanaa kaanis bobbooftetti.

Guyyoonni 10 Tiraamp Iraanif kenne dhuma torban kanaa xumuramu. Guyyoonni kun erga dhumanii booda, Tiraamp haleellaan akka gaggeeffamu ajajamoo dhiisa kan jedhu ifa miti.

Bara darbe yeroo US Iraan haleeltu, guyyaa tokko dursee Waayit Haawus ibsa baaseen, Tiraamp torban lama keessatti haleeluufi dhiisuu murteessa kan jedhu ibsee ture.

Haleellaa US sanaaf Iraan deebii kenniteen buufata waraanaa US Kaataar keessatti argamu haleeltee turte.

Ministiirri dhimma alaa Iraan Abbaas Araagchii turtii CBS News waliin taasisaniin ammayyuu wal-dhibdee jiru mariin furuuf carraan akka jiru dubbatan.