Viktor Giyookeresh osoo qeeqamuu Arsenaaliin dhiphina keessaa baase

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Arsenaal Kaaba Landanitti muddama ofirraa hir'iseera. Darbii Kaaba Landaniin Tootanhaamiin goolii 4 fi 1n injifatee morkii waancaa Piriimer Liigii cimsateera.

Gareen Arteettaa wayita kilaba sadarkaa 20ffaarra jiru Wolvis waliin goolii lamaan qixa ba'u yaadannoo seenaa duraaniitti deebi'uun muddama keessa seenee ture, sanarratti Maanchistar Siitiin kufaatii isaa eega.

Taatee kanaan daran dhiibbaa jala kan gale Arsenaal, morkataa isaa Tootanhaam irratti aariisaa ba'eera.

Kilaba dhaabbii gaariirra hin jirre, dhiheenya leenjisaa isaa Toomaas Firaank ari'uun leenjisaa haaraa, Igor Tudor, reefuu fidate cimsee adabe.

Tootanhaam dhiibbaa Arsenaal keessa seenee kana akka carraatti fayyadamuuf yaalii taasisuurraa duubatti hin jenne.

Garuu dursee kan hanqinasaanii argate Arsenaal ture. Akka sagalee dirree sana tureef silaa Tootanhaamtu injifannoon gala.

Lammiin Kirooshiyaa nan fayyada se'ee kilabicha miidhe, Arsenaaliin ofirratti hammeesse.

Istaadiyemiin Ispars sagalee doorsisaa fi dhaadannoon guutamee ture. Sagalee guddistuu gurra namaa duuchuu ga'uun ''Yaada'anii jiru. Muddama keessa jiru. Nuti tasgabbii qabna. Qophoofneerra. Abiddichi qabachuuf qophaa'eera,'' jedhanii Arsenaaliin doorsisan.

Iyyi warra Isparsi kun garuu homaa hin buusneef. Haalli Arsenaalis akka eegame osoo hin taane faallaa ta'ee argame.

Kilabi takkaa muddama keessa galee hin beekne fakkaatee taphate.

Arsenaal-muddamarraa fagoo, Tootanhaam ammoo tasgabbii fi qophiirraa fagoo argine dirree keessatti.

Abiddi qabate hin turre.

Arsenaal garaagarummaa jiru qabxii shanitti deebifachuuf ga'umsi Tootanhaam carraa mijataa ta'eef.

Gareen Peep Gaardiyoolaa tapha tokko qabaatus, yeroo ammaa qabxii shaniin Arsenaal duuba jira.

Arsenaal ammallee waancaarraa fagoo jira, taphoota 10 qaba.

Kanarratti Maanchistar Siitiin duubaan ari'aa jira. Itihaad irratti Niwukasil keessummeessuun, dhiibbaa jalas ta'u, injifateera.

Kanaanis garaagarummaa qabxii dursaa liigichaa Arsenaal waliin qabu lamatti dhiphisee ture.

Haata'u malee guyyaa tokko booda Arsenaal garaagarummaa kana shanitti deebise, Siitiin tapha tokko qabaatus.

Akkaataa qabxii isaanii yoo ilaallu taphi Ebla 18 Itihaad irratti kilaboota lameen walitti fidu eenyu akka liigicha dursu kan murteessu ta'uuf akka deemu namatti mul'isa.

Sana bira osoo hin ga'in Arsenaal dirreesaarratti Chelsii, Evertan fi Bornimaz, dirreen ala ammoo Biraayitan waliin taphata.

Siitiin ammoo gara Liidsi Yunaayitid, West Haam fi Chelsii imaluun falmata, Itihaad irratti ammoo Nootingihaam Foorest keessummeessa.

Arsenaal fi Maanchistar Siitiin tapha xumuraa Waancaa karabaawoof Bitootessa 22 guyyaa Dilbataa Wembilii irratti walargu.

Asirratti qabxiin argamu xiinsammuu tapha itti aanuuf murteessaadha.

Arsenaal dheebuu waancaa waggoota 22 ba'uuf ganaa taphoota 10 falmachuu qaba.

Erga bara taphaa 2003-4 Arsen Viinger jalatti osoo hin injifatamin waancaa nyaatanii as Gaaners waancaa dharra'aa jiru.

Waggoota dhihoo as ammoo waancaan harkasaanii seene osoo jedhamuu lammaffaan xumuruun amala itti ta'eera.

Isa kana keessaa ba'uun dheebuu bara dheeraa ba'uuf Arsenaal barana gama taphattoota bituun guddoo carraaqe.

Kanneen keessaa Eberechi Eze fi jifataa haaraan Viktor Giyookeresh guddoo abdatamanii turan. Erga gara kilabichaa seenanii kan isaan kilabichaaf buusan caalaa qeeqa isaanirratti dhihaatutu heddummaata.

Haata'u malee taphattoonni kunneen kutannoo isan agarsiisaniin Kaaba Landanitti injifannoon harkasaanii galeera.

Keessattuu Eberechi Eze Tootanhaam irratti seenaa hojjeteera. Kanaan duras Istaadiyemii Emireetis irratti goolii sadi Tootanhaam irratti galchuun taphichi goolii 4 fi 1n olaantummaa Arsenaaliin xumurame.

Tapha deebii Istaadiyemii Isparsi irratti Dilbata gaggeeffamerrattis ga'umsa ajaayibaa agarsiiseera, goolii lamas lakkoofsiseera.

Taphataan biraa guyyaa Arsenaal bareeche Viktor Giyookeresh. Jifataan kun erga Arsenaal seenee waan kilabichi irraa eegu, goolii hedduu, hin gumaachine jedhamuun qeeqama.

Dilbata garuu fuula deeggartoota Arsenaal gammachuun guuteera.

Gareen Mikeel Arteettaa jalqaba goolii Ezeen galcheen dursuu eegalus, osoo hin turin taphataan Tootanhaam Koolo Muwaanii walqixxeesse.

Gaaners kanatti harka kennuun duubatti hin deebine. Ga'umsa ofitti amanamummaasaanii olkaasee mul'ise agarsiisan.

Arteettaan taphicha booda akkas jedhe: ''Kun raawwii ajaayibaati. Kun bareedina kubbaa miillaati.''

''Akka hubannoo kootti Wolvis waliin taphannee akkamiin akka qabxii ganne naaf hin galu,'' jedhe.

''Waan siif dhumate sitti fakkaachuu danda'a. Garuu carraa biraa ammoo wayita fayyadamtu miidhagina kubbaa miillaa keessatti argita. Istaadiyemii ambaa irratti morkattoota keenya cimoo haala kanaan injifachuun liigicha keessatti hiika guddaa qaba, deeggartoota keenya hundaafis akkasuma.''

Egaa! Arsenaal amma dhiphina gidduu kana keessa ture darbeera, garuu morkiin waancaa Piriimer Liigii amma akkaan ho'aa jira.

Lameenuu, Arsenaal fi Siitiin, dhiibbaa caalu keessa seenaa deemu.