Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Maaliif imimmaan buusnee boonya? Saayinsiin amala addaa kana maal jedha?
Namni yeroo gaddu, yeroo gammachuu guddaa keessa seenuu fi aaru boo'a.
Garuu uumama keessaa kan imimmaan ofirra yaasee boo'u nama qofa akka ta'e beektuu?
Bineensonni hedduun keessummaa jabbiin isaanii iyyanii boo'u, garuu miira walxaxaa isaanitti dhagahamu sana imimmaan buusanii hin ibsan.
Saayinstistoonni imimmaan akkamiin akka uumamu baraniiru. Garuu namni maaliif imimmaan buusee boo'a? imimmaan miiraa kuni maaliifi kan jedhu garuu guutuutti hin hubatamne.
Imimmaan maali?
"Imimmaan wantoota shan irraa omishama. Mukasii,elektiroolaayitoota, bishaan, Pirootiinii fi lippiidota irraayi" jedhu Instituutii saayinsii namaa Siwizerlaand Irraa Dr. maarii Baner.
Dr. Baner Turtii BBC waliin taasisan irratti kan wantoota shanan imimmana irraa hojjetamu kana ibsan. Pirootiiniin fakkeenyaaf farra vaayirasii fi farra baakteeriyaa qaba. Gama kaaniin elektiroolaayitoonni ammoo albuudota qaamni namaa akka sirnaan hojjetuuf gargarau qabu.
Imimmaan Gosa saditu jira
Inni duraa 'Baazaal Tiir' kan jedhamu imimmaan qaama marsaa ijaa irratti argamu yoo ta'u, iji keenya akka jiidhinsa hin dhabneef gargaara.
Inni lammataa 'rifileeksi Tiir' kan jedhamu yoo ta'u, gosa imimmaanii yeroo miirri tasa ta'u, fakkeenyaaf dhukkee fi ilbiisonni ija keenya seenan hojiirra oolu.
Kutaan kuni teempireechara kan too'atu,mukaa'uu fi gogiinsa ittisudha. Ergaan seelota Narvii irraa kutaa sammmuu 'Lakrimal Nukilas' jedhamuu fi imimmaan too'atuutti darbuun hammeentaan imimmaanii akka dabalu godha.
Imimmaan miiraa
Gosti imimmaanii sadaffaan Imimmaan miiraati. Kuni kutaa walxaxaa ta'eedha.
Yunvarsiitii Tiilburgitti piroofeesara Kinikaal Saayikolojii kan ta'an Ad Vingerhoot, Imimimmaan buusanii boo'uun kuufama miirota hedduuti malee miira tokko qofa miti jedhu.
""Miirri tasgabbii dhabuun waan Darbee Darbee uumamu. Yeroo hedduu walmakiinsa miirota adda addaa yookan ammoo tasa miira keessa seenuurraa uumama"jedhu.
Akka Piroofeesarri kuni jedhanitti, akkuma umriin keenya jijjiiramaa deemu miirri akka imimmaan buusnee bonyu nugodhu jijjiiramaa deema.
Daa'immaniif dhukkubbiin qaama irratti mudatu akka imimmaan buusanii boo'aniif ka'umsa. Namoota ga'eeyyiif garuu carraa gadi aanaadha.
Adaduma guddachaa deemnu carraan imimmaan buusnee boo'uu waan numadate qofa osoo hin taane waan namoota biroo irra gahes gara nuboosiisuutti deema.
Miirotni gaariin nutti dhagahaman fakkeenyaaf bareedina aartii yookan waan uumamaa miira keenya tuquun carraa nuboosiisuus qabaachuu malu.
Boo'uun kaayyoonsaa maali?
Namootni hedduun erga boo'anii miira tasgabbii arganna jedhu. Garuu yaadni namootni jedhan kuni dhugumaa kan jedhu saayinsiidhaan falmiitu jira.
Yunvarsiitii Pitusbargi Kan UStti argamutti Kilinikaal Saayikolojistii kan ta'an Lawuren Biyislaam,boo'uun dhuguma miira tasgabbiitti nama deebisaa kan jedhu madaaluuf rukuttaa onnee safaruu filatan.
Elektirookardiyogiraamiin rukuttaa fi reeshoo rukuttaa onnee safaruun sirni narvii keenya akkamiin hojjechaa akka jiru odeeffannoo kenna.
Akka isaan jedhanitti, bu'aan qorannoo duraa akka mul'isutti, imimmaan buusnee boo'uu jalqabuun duratti sirna narvii keenyarratti olka'iinsa sochiitu jira. Kuni miira 'Yookan godhi, yookan dhiisii deemi' jedhu akka murteesinu kan eegu.
Battaluma boo'uu jalqabnuun sirna narvii keenyarratti olbahiinsatu uumama. Sirni narvii Paaraasimpatetik' jedhamu kuni damee sirna narvii 'Tasgabbaa'I' jedhee akeeku.
Vingerhot akka jedhanitti, Imimmaan buusnee boo'uun yeroo hunda miira gaariitti akka deebinuuf nungargaaru. Keessumaa yoo mukaa'uu fi miira keessa keenya tasgabbii hin qbane keessa taane.
Kana malees dhimmi akka boonyu nugodhe suni imimmaan buusnee boo'uun tasgabbaa'uu fi dhiisuu keenya murteessa. Wantoota too'achuun danda'amu yoo ta'e, carraa tasgabbaa'uu qabaanna. Waan too'annaa keenyaan ala ta'e yoo ta'e ammoo faallaa kanaati.
Kana malees yeroo imimmaan buusnee boonyu deebinee miira gaariitti deebi'uu keenyaaf namootni naannoo keenya jiranis murteessoodha.
"Namootni sibira jiran yoo sihubatanii akka tasgabbooftuu fi jajjabaatuuf sigargaaran miira gaariitti deebi'uu dandeessa. Garuu yoo sitti qoosu ta'e, boo'uu keetin kan aaran yookan qaana'an ta'e carraan miira gaariitti deebi'uukee dhiphaadha" jedhan.
Agarsiistuu Hariiroo Hawaasummaa
Imimmaan buusanii boo'uun akkaataa itti namootni nu ilaalan irratti dhiibaba akka qabu ragaaleen mul'isan jiru.
Qorannoon Laaboraatoorii biyya Israa'eel keessatti adeemsifame akka mul'isetti, dhiironni dubartootni yeroo imimmaan buusanii boo'an imimmaan irraa haqan warra kaan caalaa carraan dallanoo ta'uu isaanii gadi aanaadhaa.
Qorannooleen akka mul'isanitti imimmaan buusanii boo'uun akka gargaarsa barbaanuu akeeka.
Kana malees namni imimmaan miiraan ofirra yaasee boo'e nama dhugaa qabu akka fakkaannuuf nigargaara.
Gama kaaniin gara boo'icha daa'immaniitti yoo deebinu, boo'ichi daa'immanii neetworkii sammuu namoota jajjaboo kan dadammaksu waan ta'eef kunuunsa akka godhaniifis akka kakaasu ragaaleen nimul'isu.
Namootni tokko tokko maaliif akka malee boo'u?
Giddugaleessaan dhiirrii ji'a tokko keessatti si'a zeeroodhaa hanga tokkoo boo'u. gama kaaniin dubartoonni ji'a keessatti carraa si'a afurii hanga shanii boo'uu qabu.
"Dubartoonni dandeettiin miira isaanii ibsachuu guddaa qabu. Imimmaan buusanii boo'uun kuni gargaarummaa miira isaanii ibsachuu irratti dhiira waliin qaban waan ibsudha. Kana malees dhiira waliin garaagarummaan niwuroolojikaala, hoormoonii fi namummaa qabu" jedhu Biyslaam.
Akka qorataan kuni jedhanitti, jijjiiramuun hoormoonii Sababa laguu ji'aan dhufuutiin hammeentaa boo'ichaa irratti fidu qorannoon adda hin baane. Garuu hormoononni Sababa garaagarummaa saalaa fi yeroo ulfaa akkasumas umurii dhiibbaa niqabu.
Kana malees sodaan dhuunfaan qabnus amala imimmaan buusnee boo'uu keenyarratti dhiibbaa qabaachuu mala.
"sodaan dhuunfaa mukaa'uu fi dhiphina waliin walqabata. Kanaafi hariiroo qabu kan jennu. Karaa biraatiin namootni namni kaan namiidhu jedhanii sodaatanis carraa imimmaan buusanii boo'uu olaanaa qabu" jedhan.