Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

KALLATTIIN, Fedhii Tiraampiif kan hin jilbeeffanneef "Iraanota" waan taaneefidha - Ministira Dhimma Alaa Iraan

Ministirri dhimma alaa Iraan Abbaas Araagchii dhiyeenya kana ergamaan addaa Pirezidant Tiraamp Istiiv Wiitkoof Iraan maaliif fedhii Tiraamppf hin bitamtu jedhee isa gaafatee ture. Abbaas deebii kenneen “Iraanota waan taaneef” deebii jedhu kenne.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Humna waraanaa fiixee Somaalee hanga Mitsiwwaa tiksu ijaarreerra - MM Abiy

    Itoophiyaan humna waraanaa leenjii addaa fudhate biyyarra kan darbe Baha Afrikaa tiksuu danda'u akka ijaarte Ministirri Muummee Abiy Ahimad dubbatan.

    Bulchaan Itoophiyaa hundeeffama waggaa 65ffaa Ajaja Duula Addaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa magaalaa Hawaasaatti yeroo kabajametti kana dubbatan.

    Dubbiin isaanii kuni yeroo muddamni Itoophiyaafi Ertiraa gidduutti hammaatee jirutti dhagahame.

  2. Fedhii Tiraampiif kan hin jilbeeffanneef "Iraanota" waan taaneefidha - Ministira Dhimma Alaa Iraan

    Ministirri dhimma alaa Iraan Abbaas Araagchii dhiyeenya kana ergamaan addaa Pirezidant Tiraamp Istiiv Wiitkoof Iraan maaliif fedhii Tiraamppf hin bitamtu jedhee isa gaafatee ture. Abbaas deebii kenneen “Iraanota waan taaneef” deebii jedhu kenne.

    Yaadni kun kan dhaga;ame biyyoonni lamaan marii marsaa sadaffaa osoo wal hin argiin durseeti. Torban darbe jaarsummaa Omaan gaggeessituun biyyoonni lamaan Siwiizerlaand Jenevaattiw al arganii mariyataniiru.

    Ameerikaa bakka bu’uun mariirratti kan hirmaatu ergamaan addaa Istiiv Witkoof Fox News waliin gaaffiifi deebii taasiseerratti, Tiraamp Iraan osoo dhiibbaan hanga kanaa irra gahaa jiruu maaliif jilbeeffachuu akka didde baruu akka barbaadu ibsee ture.

    Ergamaan addaa kun Ameerikaan naannoo sanatti doonii jeettii waraanaa baatu bobbaastullee “harka kan hin kennineef” maaliif akka ta’e pirezidant Tiraamp baruu barbaadu jedheera.

  3. ASHAMAA!

    Akkam jirtu? Toora ittiin odeeffannoo kallattiin isin biraan geenyu jalqabneerra.

    Oduuf xinxalaaf Marsariitii, Facebook, Whatsapp fi YouTube keenya mil'adhaa.

    Nu hordofaa.