Yaaddoo waraanaa Tigraayitti cimeen dhiphanne - Jiraattota

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

Naannoon Tigraay waraana waggaa sadii turerraa osoo hin bayyanatiin yaaddoon waraanaa haaraa ka'uu mala jedhu cimaa jira.

Gama Naannoo Amaaraan daangessutti walitti bu'iinsi torban lama ture dhaabatus ammallee hawaasni naannichaa yaaddoo guddaa keessa akka jiru maddeen ibsu.

Dhihoomallee jaarmiyaan idiladdunyaa Crisis Group jedhamu muddamni mootummaa federaalaa Itoophiyaa, naannoo Tigraay fi Ertiraa gidduutti hammaate waggaa sadi booda Gaanfa Afrikaa waraana balaafamaatti deebisa yaaddoo jedhu akka qabu ibseera.

Jaarmiyaan kun ibsa baase keessatti, haalonni waraana kaasisuu danda'an mudachaa jiraachuu eere.

''Waraana eegaluun salphaadha, garuu waraana dhaabsisuun baayyee ulfaata,'' jedhe jaarmiyaan kun ibsa isaa keessatti.

Jiraattonni BBC'n dubbise akka jedhanitti hanqinni maallaqaa baankii keessaa jiruu isaanii yaaddesseera.

Waraana federaalaa fi humnoota Tigraay gidduu cimee jiru walitti bu'iinsatti ce'uu mala jechuun yaadda'uu jiraattonnii bakkeewwan naannichaa garagaraa irraa BBC Afaan Tigriffaan dubbise himu.

Namni dhaabbata idil-addunyaaf dalagu tokko akka himetti, waraanni ka'uu mala oduu jedhuun dhaabbanni isaanii hojii akka durii dalagaa hin jiru.

Lammiileen biyya alaa dhaabbaticha keessa dalagan Tigraay gadhiisaniii gara Finfinnee ergamuu dubbatu.

''Walumaa gala Tigraay keessatti waraanni ka'a sodaa jedhutu jira,'' jedha.

Akka hojjetaan BBC'n dubbise kuni jedhanitti, hojiin dhaabbata gargaarsa namoomaa kuni kan dhaabate oduu waraanni ka'uu mala jedhuun qofa miti.

Haa ta'u malee, odeeffannoo dhugaa 'qondaalli nageenyaa' dhaabbatichaa argataniini jedha.

Oduun miidiiyaa hawaasummaa gubbaa waraanni ka'uu mala jedhu daldala guddoo miidhuulleee himu Barreessaa Olaanaan Mana Maree Daldalaa Magaalaa Maqalee Obbo Barihee Arkabee.

''Waan mootummaan jedhe hin jiru, wanti odeeffame miidiyaa hawaasummaa irrattidha.

''Jijjiiramni guddaa kan mul'ate mi'a seenan irrattidha. Fakkeenyaaf gatiii zayitii, sukkaara, paastaa fi ruuziii irratti jijjirama guddaatu mul'ate.

''Torban lama dura gatiii zayitii litirii shan birrii 2,000 gadi ture, amma hanga birrii 2,200 gaheera.''

Qondaalli kuni akka jedhanitti rakkoon kuni Maqalee qofa osoo hin taane magaalota biraa naannichaa keessallee akka jiru himu.

Fissahaa Gabruun magaalaa Shiree Indaasillaasee keessatti jiraatu, daldalaadhaas.

Yeroo walitti bu'iinsi torban lama dura mudate akka waraana duraanii ta'a jedhee yaadda'ee akka ture hima.

Meeshaalee bu'uuraa irratti daballiin gatii akka tureefi qondaalota waliiin ta'u akka gabaan tasgabbaa'u gochuu dubbata.

Hojjetaan gargaarsa namoomaa baankiiwwan torban lamaa oliif maallaqa gahaa akka hin qabne hima.

''Ani mataankoo torban lamaaf maallaqa hin baafne. Baankii keessa maallaqni homtuu hin turre. Rakkoo jabaatu ture.''

Meeshaalee bu'uuraa dhoksuufi gatii dabaluun ala hanqinnis ture jedhu Obbo Bariheen.

Giyyoota muraasa darbanimmoo aangawoonni marii eegalani oduun jettu erga dhagahamteen booda tasgabbiin mul'atuu himu.

Akka jiraattonni jedhanitti maamiloonnii maallaqa hanga fedhan baankii keessaa baasuu hin danda'an.

Kunis, hanqina isaan mudateen akka ta'e himu. Maashinoonni ATM maallaqa itti baafatan 'baay'en isaanii'' akka hin dalagnellee dubbatu.

Dhimma kanarratti baankiileen waan dubbatan hin qaban.

Ololli biraallee naannicha keessa jiraattota nagaa dhowwe jira.

Miidiyaa hawaasummaa irratti waraanni Ertiraa bakkeewwan garagaraan Tigraay seene jedhu qoodamaa ture.

Haa ta'u malee, BBC Afaan Tigriffaan jiaattotarraa mirkaneessuuf yaalus nami ijaan arge jedhu hin argannee.

Jiraattonni waraanni gaariii akka hin taane eerrun nagaan akka furamu dubbatu.

Kana dura Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa xalayaa gita isaanii Ertiraaf barressaniin loltoonni Eertiraa daangaa Itoophiyaa cabsanii seenuu dubbatanii turan.

Akkasumas Ertiraan finciltoota tumsaa akka jiran himatan. Ertiraan deebii kenniteen waakkatteetti.

Gama kaaniin, TPLF mootummaan waraana biraaf qophaa'aa jira jechuun himateera. Dhimma kanarratti gama mootummaan wanti jedhame hin jirru.

Bulchiinsi Yeroo Naannoo Tigraay Raayyaan ittisaa Izii Kaaba akka buufatu waliigaleera jedhamuu morme

Gama kaaniin Bulchiinsi Yeroo Naannoo Tigraay odeeffannoon Raayyaan Ittisa Itoophiyaa Naannoo Tigraay akka seenuuf Mootummaan Federaalaa ajaja dabarseera jechuun odeeffannoo tamsa'e "guutumaan guututti soba" jedheera.

Hogganaan bulchiinsichaa Letenaal Jeneraal Taaddesee Werredeen durfamu gaafa Sambataa ibsa fuula Feesbuukii Waajjira Pireezidaantii Mootummaa Naannichaarratti maxxanseen beeksiseera.

Dhiheenya kana humni ittisaa Itoophiyaa naannoo Tigraay akka seenu mootummaan federaalaa bulchiinsa yeroof beeksisuusaa odeeffannoon miidiyaalee hawaasaa adda addaa irratti qoodamaa ture.

Kaleessas Raayyaa Ittisaa kaampii naannichaa keessatti bobbaasuuf walii galtee irra ga'amuu isaa kan ibsu barreeffamni biraa maxxanfamee ture.

Bulchiinsi yeroo ibsa har'a baaseen himannaa kana lamaan haaleera. Ibsichi "Mootummaan federaalaa Raayyaan Ittisa Itoophiyaa akka Tigraay seenu ajajee jira" jechuun odeeffannoon tamsa'aa akka jiru hubachiiseera.

''Bulchiinsa Yeroo Tigraays akkuma kaampii Ajaja Kaabaa duraanii keessatti waliigalame karaa adda addaatiin bobbaafamaa jira,'' jedhan.

Bulchiinsi yeroo, maxxansaalee miidiyaa hawaasaa kana "jal'aa fi dogoggorsaa" jedhee kan waame yoo ta'u, "tarsiimoon, madda, fi kaayyoo yaadame" odeeffannoo akkanaa ummata biraan ga'uu duuba jiru ifaadha jedheera.

"Bulchiinsi yeroo Tigraay odeeffannoon tamsa'aa jiru guutummaatti soba ta'uu ibsuu barbaada," jechuun dabalee ibseera.

Waajjirri Pireezidaantii Letenaant Jeneraal Taaddasee ibsa kana kan baase waldhabdeen mootummaa federaalaa fi humnoota Tigraay gidduu jiru gara walitti bu'iinsaatti guddachuu akka danda'u yaaddoon wayita dabalettidha.

Ji'a Amajjii keessa humnoonni federaalaa fi Tigraay naannoolee daangaa Amaaraa fi Affaar waliin daangessan keessatti walitti dhukaasanii ture.