Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

KALLATTIIN, Pirezidantiin Israa’el daawwannaa hojiif Finfinnee galan

Pirezidantiin Israa’el Ayizaak Herzoog daawwannaa hojiif Finfinnee galan. Pirezidantiin Israa’el kun wayita Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa Boolee yeroo gahanitti, Ministirri Dhimma Alaa Geediyoon Ximootiwoos (Dr.) fi Deetaan Ministiraa Dhimma Alaa Ambaasaaddar Birhaanuu Tsaggaayee simannaa taasisaniiruuf.

Guduunfaa

  • 'Tiraamp sobduudha' - Ilhaan Omaar
  • Pirezidantiin Israa'el daawwannaa hojiif Finfinnee jiru.
  • Tiraamp guddina diinagdee US jaje, Iraan irratti doorsisa cimse
  • Tiraamp haasaa Kongiresiif taasise kanaaf sa'atii 1 fi daqiiqaa 50 fudhachuun rikardii qabateera
  • Dhimma Iraan irratti ''filannoon keenya rakkoo jiru mariin furuudha,'' jedhe, garuu biyyattii akka sagantaa nukilaraa dhaabdu akeekkachiise
  • Waltajjii kanarratti Dimokiraatota bakka bu'uun haasaa Tiraampiif deebii kan kennan bulchituun Virjiiniyaa Abigeel Ispanberger, pirezidantichi ''rakkoo Ameerikaa hudhee qabeef furmaata ga'aa hin kennine,'' jedhan
  • Tiraamp akkuma kanaan dura ammas haasaa isaa kana keessatti erga aangoosaa marsaa lammataa qabatee waraana saddeet dhaabsisuu dubbate
  • Odeessaalee nuti qixeessine dabalataan argachuuf marsariitii, YouTube, WhatsApp fi Facebook keenya seenaa!

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Pirezidaant Tiraamp haasaa Kongiresiitti taasiseen lammiilee biyyattii hojii gootummaa hojjatan jedhe badhaasa

    Tiraamp haasaa kongireessi UStti taasiserratti lammiilee biyyattii hojii gootummaa hojjatan jedhe heddu medaaliyaafi badhaasa kabajaa badhaasera.

    Namoonni badhaafaman:

    • Rooyis Wiiliyaams – Manguddoo ganna 100 yoo ta'an, paayileetii xayyaara waraanaati. Yeroo Waraana Kooriyaa jeettiwwan waraanaa Sooviyeetii afur rukutee kuffisuun gootummaa hojjate jedhamee Meediliyaa Kabajaa Kongiresii badhaafame.
    • Iskoot Raaskan – Loltuu Humna Eegumsa Qarqara Galaanaa yoo ta'u, bara darbe Teeksaas keessatti balaa lolaa mudateen lubbuu namoota 160 ta'anii bishaan daakuun baraarera. Kanumaaf jecha gootummaa badhaasa Kabaja Gootummaa Addaa badhaafame.
    • Andiriiwu Woolf Humna Eegumsa Biyyaalessaa yoo ta'u, bara darbe Washingtan keessatti itti dhukaafamee madaa'ee ture badhaasa waraanaa olaanaa ta'e "Purple Heart" jedhamu badhaafameera.
    • Erik Siloovar – Paayileetii helikoptaraa yoo ta'u, yeroo oppireeshinii Venezuweelatti gaggeessuun Pirezidaantii biyyattii Nikolaas Maaduuroo to'atamu rasaasa afuriin rukutamee ture. Gootummaa raawwate jedhamuun Badaasa Medaaliyaa Kabajaa argateera. Namoonni biroo badhaafamanis jiru.
  2. ‘Tiraamp sobduudha’ - Ilhaan Omaar, Ilhaan Omaar yeroo sagalee ol fudhattee Tiraampiif deebistu daawwadhaa.

    Ilhan Omaar fi Doonaald Tiraamp har’a fuulaafi fuulaan walitti bahanii wal arrabsaniiru.

    Tiraamp ammas hawaasa Sumaalee Minisootaa jiran waliin dha’uun himachuu fi arrabsuun jechoota baayyeen maqaa balleessan.

    Yeroo pirezidanichi kana dubbatanitti bakka buutuun Dimokiraatotaa ummataa Minisotaafi dhalattuu Sumaalee Ilhaan Omaar Kongiresii keessaa baatee mormii qabdu agarsiifteetti.

    Dhalattuu Somaalee- Ameerikaa Kongiresiin filatamte jalqabaa kan taate Ilhaan Omaar, sagalee ol fuudhuun ‘Tiraamp ati sobduudha’ jechuun deebii kenniteetti.

    Dubartiin Kongirasii bakka buutuu Dimokiraatotaa taate biraan Ilhaan Omaar cinaa taa’aa turte Rashiidaa Tilaayibaa ammoo Ilhaan harka fuudhuun deegarsa qabduuf ibsiteetti.

    Haasaa isaa keessatti Tiraamp yeroo hawaasa Sumaalee arrabsee xumuru dubartiin bakka buutuu Dimokiraatotaaa hiixachuun Ilhaaniin harka fuuteetti.''Ani Muslimaa fi dubartii gurraattiidha,'' jette Ilhaan Omar bara 2019. Kun ilaalcha addunyaa keessa akka galtu ishee taasiseera.

    Dubartii jalqabaa hijaaba uffachuun Minesootaa bakka buute jedhamuunis hordoftoota amantaa Islaamaa biratti faarfamaa turte.

    Pirezidant Doonaald Tiraamp fi Ilhaan Omaar yeroo garagaraatti wayita wal arrabsaniifi walqeeqan dhaga'amu.

    Kanaan dura Tiraamp dubartii 'obboleessa isheetti heerumte' jechuun arrabsuun isaa ni yaadatama.

  3. Iraan mormii yeroo darbeen wal-qabatee nama yakkamaa jette murtii du'aan adabde

    Manni murtii Iraan mormii yeroo darbe biyyattii raaseen wal-qabatee nama yakkamaa cimaa jedhe du'aan adabuu maddi oduu Rooyitars maddeen waabeffachuun gabaase.

    Namni murteen du'aa itti murame kun "diina Waaqayyoo" jedhamee akka himatameefi hiriira mormii ji'a darbe Iraan raasee tureen wal-qabata jedhame.

    Haa ta'u garuu manni murtii Iraan murtee du'aa kana ifa hin goone. Mohaammad Abbaasii nama murtiin du'aa itti murtaa'e yoo ta'u, mormii biyyattii keesssatti ka'ee tureen humna nageenyaa biyyattii ajjeese jedhamee mana murtiitti dhiyaate.

    Haa ta'u garuu, maatiin isaa himannaa isarratti dhiyaate kana dhara jechuun waakkatan.

    Gareewwan mirga namaaf falman akka jedhanitti, mormii yeroo darbe Iraan keessatti mudateen namoonni kumaatamaan lakkaa'aman humnoota nageenyaa Iraaniin ajjeefamuu ibsan.

    Tarkaanfii mootummaan namoota nagaa hiriira nagaa bahan irratti fudhateen wal-qabatee muddamni Iraanifi US gidduutti dhalate hanga ammaatuu itti fufeera.

  4. MM Senegaal jaallattoota saala walfakkaataa irratti adabbii cimsuuf

    Ministirri Muummee Senegaal Usmaan Sonkoo adabbii hidhaa jaallattoota saala walfakkaatoo kan amma jirurra dachaan dabaluuf seerri dandeessisu akka ba'uuf yaada dhiheesse.

    Akkaataa yaada qondaala kanaan adabbiin kennamu hanga waggaa 10 ta'uuf deema.

    Wixinee seeraa kana kaabineen biyyattii torbee dura mirkaneessuun gara paarlaamaatti ergeera.

    Senegaal biyya jaallattoota saala walfakkaataa hin eeyyamnedha. Dhiheenya kana hidhaan namoota kunneen irratti erga hammaatee booda yaadi adabbii cimsuu kun dhihaate.

    Biyyattiin yeroo ammaa kanneen gocha kana keessa jiran hidhaa waggaa tokkoo hanga waggaa shaniin adabdi.

    MM Usmaan Soonkoo paarlaamaaf wayita haasaa taasisu ''namoota faallaa seera uumamaa deeman,'' adabuuf seerri kun cimuu qaba jedhe.

    Kanneen jaallattoota saala walfakkaataaf quuqaman tarkaanfii mootummaa yoo qeeqan, jaarmiyaaleen amantii ammoo adabbiin cimuu qaba jedhan.

    Jalqaba ji'a kanaa poolisiin namoota gocha kana keessa jiran 12 to'ateera.

    Kanneen keessaa lama hawaasa keessatti akkaan beekamu, tokko ammoo gaazexeessaa beekamaadha.

    Miidiyaaleen biyyattii ji'a kana keessatti walumaagalatti jaallattoonni saala walfakkaataa 30 ta'an hidhamuu gabaasan.

    Akkaataa wixinee seeraa kanaan namni gocha jaallattoota saala wafakkaataa dhaadhesse ykn gocha kana raawwatee argame hidhaa waggaa sadi hanga torbaan adabama.

    Ragaa ga'aa malee namni gocha kanaan nama himates ni adabama.

    Namni yakkamaa ta'ee argame maallaqa biyyattii (CFA) miliyoona 10 adabama.

    Doolaara kuma 18 jechuudha.

  5. Kamiseetti doktarri haala hin baramneen dhiigasaa arjoomuun lubbuu deessuu baraare maal hima?

    "Hammi dhiigaa qaamashee keessa jiru baay'ee gadi bu'aa ture. Gidduudhaanis gara of wallaaluutti deemaa turte" Dr. Sa'id Ahimad.

    Doktarri deessuu dhiigni baay'inaan dhangala'ee lubbuunshee haala yaaddessaa keessa turte dhiiga arjoomuun lubbuu baraaran miidiyaa hawaasaarratti jajamaa jiru.

    Ogeessi kun Dr Sa'id Ahimad kan jedhaman yemmuu ta'u, Daayrektara Medikaalaa Hospitaala Waliigalaa Kamisee ta'uun hojjechaa jiru.

    "Deessuun umrii waggaa 32 kun ALI Guraandhala 6, 2018 ganama naannoo sa'aa 4:00'tti ture gara dhaabbata keenyaa kan dhufte. Yeroo dhuftuttis miixuun eegalee ture" jedha ogeessichi muddannoosaa yeroo himu.

    Ogeeyyiin fayyaa Hospitaala Waliigalaa Kamisees haadha ulfaa tanaaf qoricha miixuu erga kennanii booda haati kun intala dubraa nagahaan deesse.

    Haata'u malee, yemmuu ogeeyyiin ofkaltii baasanitti dhiigni deessuu dhaabbachuu dide.

  6. Tiraamp dhuguma waraana saddeti dhaabsiseeraa?

    Pirezidant Doonaald Tiraamp haasaa isaa idilee waggaa Kongirasii irratti taasisuun ammas waraanota addunyaarratti dhaabsise jedhu irra deebiyuun tarreesseera.

    Akka jedhutti, erga gara pirezidaantummaatti dhufee waggaa tokko kana keessatti waraana biyyoota addunyaa garagaraa gidduutti ture saddet dhaabsiseera.

    BBC Verify kanaan dura tokko tokkoon ilaalee mirkaneeffateera.

    Akka Waayit Hawus baasetti waraanaa saddettan kunneen:

    • Israa'el fi Hamaas
    • Israa'el fi Iraan
    • Paakistaan fi Indiyaa
    • Ruwaandaa fi Dimokiraatik Rippablik Koongoo (DRC)
    • Taahilaand fi Kamboodiyaa
    • Armeeniyaa fi Azarbaajaan
    • Masirii fi Itoophiyaa
    • Sarbiyaa fi Kosoovoo
    • Pirezidant Doonaald Tiraamp waraana Israa'el-Hamaas dhaabsisuuf bekamtii fudhachuun sirriidha. Haata'u mal;ee, waraana dhaabsise inni jedhu kaan kan hin turreefi yoo turanis guyyootaaf qofa kan mudatanidha.
  7. Pirezidantiin Israa’el daawwannaa hojiif Finfinnee galan

    Pirezidantiin Israa’el Ayizaak Herzoog daawwannaa hojiif Finfinnee galan.

    Pirezidantiin Israa’el kun wayita Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa Boolee gahanitti Ministirri Dhimma Alaa Geediyoon Ximootiwoos (Dr.) fi Deetaan Ministiraa Dhimma Alaa Ambaasaaddar Birhaanuu Tsaggaayee simannaa taasisaniiruuf.

    Pirezidant Ayizaak Herzoog turtii Finfinneetti taasisaniin dhimmoota hariiroo biyyoota lamaanii cimsan irratti aanga’oota olaanoo mootummaa Itoophiyaa waliin marii taasisu jedhamee eegama.

    Imbaasiin Israa'el Itoophiyaa keessa jiru pirezidant Isaak Herzoog daawwannaa hojiif gara Itoophiyaa dhufe gammachuun simanna jedheera.

    "Hariiroon Israa'el fi Itoophiyaa gidduu jiru seena-qabeessa, cimaafi tarsiimawaa kan ta'edha," jedheera Imbaasichi.

  8. Tiraamp haasaa waggaa Kongiresiif taasiseen Iraan akeekkachiise

    Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp haasaa waggaa Kongiresiif taasiseen bulchiinsa isaa jalatti diinagdeen dagaaguu ibse.

    Haasaa isaa kana keessatti Iraan sagantaa nukilaraa ishee akka dhaabdu akeekkachiisa dabarseera.

    Haleellaa bara darbe maqaa OperationMidnight Hammer, jedhuun buufataalee nukilaraa Iraan irratti gaggeeffame kan kaase Tiraamp, kanaan walqabatee ammas humni waraanaa US qophii ta'uu dubbate.

    ''Oppireeshinii sana booda nukilaraa gabbisuuf yaalii tokkollee akka hin taasisne akeekkachiifamanii turan. Garuu amma itti fufanii jiru. Yeroo ammaa sagantaa nukilaraa isaanii itti fufaa jiru,'' jedhe Tiraamp.

    Tiraamp dabaluun ''Iraan haleellaa US jalaa dheessuuf jecha waliigalteerra ga'uu ni barbaaddi, garuu ammallee meeshaalee waraanaa nukilaraa hojjechuu dhiisuu irratti kutannoo hin agarsiisne,'' jedhe.

    ''An gama kiyyaan dhimmi kun karaa marii dippiloomaasii akka furamun fedha. Garuu wanti tokko mirkana. Addunyaarratti biyyi shororkeessitoota tumsuun beekamtu kun akka nukilara hidhattu hin eeyyamu.''

  9. ASHAMAA!

    Akkam jirtu hordoftoota keenyaa?

    Toora oduu kallattiin isin biraan geenyu jalqabneerra.

    Odeessaalee nuti qixeessine dabalataan argachuuf marsariitii, YouTube, WhatsApp fi Facebook keenya seenaa!

    Nu hordofaa!