Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Murtee Mana-maree Federeeshinii falmii guddaa kaaserratti eenyu maal jedhe?
Boordiin filannoo biyyaalessaa Itoophiyaa naannolee filannoo shan kan naannolee Amaaraa fi Tigraay gidduutti "madda wal dhibdee ta'anii turan" jedhamanirratti murtoo mana maree federeeshiniirraa na gahe jedheen erga ibsee booda qaamoleen siyaasaa naannolee lamaanii mata mataan ibsa irratti kennan.
Bulchiinsi Yeroo Tigraay, TPLF, SIMRET fi Paartileen kuun murtoo kana cimsanii mormaniiru.
Naannoo Affaarii fi kibba Tigraay keessa socho'a kan jedhamuu fi ajajoota waraanaa humnoota Tigraay keessaa bahaniin kan durfamu humna nagaa Tigraay kan jedhamu mormii qabu ibsatee jira.
Paartileen siyaasaa fi qaamoleen gama naannoo Amaaraatiin jiran immoo gama isaaniin naannolee "falmisiisoo" jedhamanirratti murtoo darbe ija gaariin ilaalan.
Paartiin sosochii biyyoolessaa Amaaraa (ABIN) fi Humni Warraaqsa Dimookraasummaa Amaaraa (ADEHAN) ibsa isaaniin kana beekisan.
Koloneel Dammaqa Zawuduutiin kan durfamu Koreen eenyummaa fi daangaa Amaaraa Xagadee Walqaayit deebisiisuu deeggarsa ibse.
Mormii gama Naannoo Tigraayiin dhagahame
Boordiin filannoo biyyaalessaa iddoowwan naannoolee Amaaraa fi Tigraay gidduutti "madda wal dhibdee ta'aniui turan" naannoleen filannoo shan naannoo "Tigraayiin ala" ta'anii sagaleen akka keessatti kennamu mana maree federeeshiniitiin murtoon darbuu kanb beeksise ibsa Wixata Guraandhala 23, 2026 ture.
Ibsa isaa keessatti iddoowwan "wal dhibdee" jedhamanii kan eeraman naannolee filannoo "Humaraa, Addiiramats, Kooram ooflaa, Xallamtii fi Raayyaa Allaamaaxaa" dha.
Naannoowwan kanneenitti "gaaffiin daangaa hanga furamutti"; "Tigraayin ala ta'anii kophaatti filannoon mana maree bakka bu'oota uummataa akka keessatti filatamu" murtaa'uu ibsameera.
"Filannoon mana maree naannoo naannolee kanneenitti atakaaroon daangaa gara fuulduraatti akkaataa heera mootummaatiin erga furamee haalli mijataan uumamee akka filatamu" manni maree federeeshinii murtoo dabarsuu boordichi beeksise.
Murtoo mana maree kanaa mormuudhaan kan jalqaba ibsa baase bulchiinsa yeroo Tigraayi. Bulchiinis yeroo Tigraay Letanaant Jeneraal Taaddasa Warradaan hogganamu murtoo kana "heera mootummaa fi waliigaltee Piriitooriyaa ifatti kan faallessu" jechuun ibse.
"Murtoon kun daangaa heeraa Tigraay kan beekamtii idil-addunyaa qabu kallattiin kan balaarra buuse dha" jedhe.
Murtoon kun kanb darbe mana maree federeeshinii "bakka bu'iinsi fi sagaleen uummata Tigraay kan keessa hin jirreeni" kan jedhu bulchiinsi yeroo Tigraay, tarkaanfii kana cimsee balaaleffate.
"Balaa hamaa fi bal'aa murtoon kun hordofsiisu ilaalcha keessa galchuun, murtoo balaafamaa kana keessa deebiin akka ilaalamuu fi sirreeffamu gaafanna" jedhe.
TPLF gama isaatiin ibsa baaseen "waliigaltee Piriitooriyaa kan sarbuu fi eenyummaa uummataa balaarra kan buusu" jechuun morme.
Murtoo mana maree federeeshinii kana "abdii warra gara qe'ee isaaniitti deebi'anii kan dukkaneesse" akkasumas "ammas labsii jenosaayidii lubbuu lammiilee keenya weerartoota jala taa'anii dararaa fi hammeenyi irratti raawwatamaa jiruu balaarra kan buusu" jechuun balaaleffate.
"Kanarra darbees uummatoota Amaaraa fi Tigraay walitti bu'iinsa haaraa uumuuf shira kaayyeffate dha" jechuun himate.
Mootummaan federaalaa "daangaa heeraa Tigraay weerartootaaf dabarsee kennuuf hojjechaa jira" jechuun kan himate TPLF, "dhimmi daangaa Tigraayi fi eenyummaan uummataa sarara diimaa dha" jedheera.
Gorsaa Dhimma Gaanfa Afrikaa Ministira Muummee Abiy Ahimad Obbo Getaachoo Raddaan kan durfamu paartiin mormituu Simirat murtee kana "sirna dhabummaa hera mootummaa kan labsu" jechuun waameera.
Manni-maree Federeeshinii "Naannoleen caasaa bulchiinsa duraan qabaniin ala mootumma Federaala ajala akka ta'an murteessuuf bakka bu'ummaa seeraa tokkollee hin qabu," jechuun gaaffii seera-qabeessummaa kaseera.
Falmiin bakkeewwan kunneenitti dhalate furamuu kan qabu daangaa naannolee Heera Mootummaa keessa jiruun bifa kaa'ameen akka ta'e kan eere Simirat, adeemsi kun kan hin xumuramne akka ta'e yaadateera.
"Adeemsa seeraa kun osoo hin xumuramiiniifi murtee ummataan jijjiiramni ifa ta'e osoo hin taasifamiin," murteen kun darbuun "yaalii bulchiinsa naannoo humnaan butuudha" jedheera. Murteen kun seera duratti "kufaafi kan hin raggaanedha" jechuun ejjennoosaa ibseera.
Manni-maree Federeeshinii tarkaanfii kana "hatattamaan akka dhaabuufi ol aantummaa heera mootummaaf akka bitamu" kan hubachiise Simirat, "tarkaanfiin sirreeffamaa hanga hin fudhatamnetti filannoottis ta'e gochawwan seeraan alaa kana fakkaatan irratti akka hin hirmaanne" beeksiseera.
Humna Addaa Tigraay (TDF) keessaa bahuun ajajoota waraanaan kan hogganamu gareen hidhataa Humna Nagaa Tigraay jedhamus murtee kana "cimsee akka balaalleeffatu" ibsa baaseen beeksiseera.
Manni-maree waraanaa garee hidhataa kanaa kan baase ibsi kun, "akka qabsoofnuuf sababa murteessaa dhimma ta'eefi waan hunda caalaa dhimma xiyyeeffannaa itti kenninu keessaa tokko dhimma jiraachuufi jiraachuu dhabuu tegaaruuti," jedheera.
Dhimmi jiraachuufi jiraachuu dahabuu "abbummaa 'ristii' fi tokkummaa bulchiinsa walabaatiin ala tasa milkaa'u hin danda'u" amantaa jedhu akka qabus itti dabaluun ibseera. gareen kun naannolee "'ristiifi bulchiinsa walabaafi heeraa" Tigraay jedhe kanarratti murteen darbe "Mana-maree Federeeshinii bakka bu'ummaa Tgaay hin qabneenidha" jechuun ibsa isaa kanaan mul'iseetra.
"Murteen kun Heera Mootummaafi waliigaltee Piritooriyaa cabsuun federeeshinichas ta'e naannicha gara balaa hamaatti akka galchu" hubachiiseera.
Kana hubachuun "hatattamaan sirreessuun alatti qaama heera mootummaafi waliigaltee Piritooriyaa diige Mana-maree Federeeshiniiseeraan akka gaafataman akka godhuuf" gaafateera.
Dhimmi "tokkummaan daangaa walabaa sarara diimaa" ta'uu kan ibse gareen kun "Tegaaruun eessayyu taanu dhimma jiraachuufi jiraachuu dhabuufi 'ristii' keenyarratti garaagarummaa qabaachuu [hin qabnu]" jedheera.
Mormituun biraa Salsaay Wayyaanee Tigraay haaluma wal fakkaatuun murtee kana "jiraachuufi jiraacuu dhabuu, akkasuma tokkummaa daangaa Tigraay balaaf kan saaxilu, heera mootummaafi waliigaltee Piritooriyaa kan cabsu, akkasumas weerara kan jajjabeessudha" jechuun mormeera.
Paartiin kun "kan dhaabbata federaalaa qabatamaan ummanni Tigraay keessatti bakka hin buunerraa maddedha" jechuun murtee waame kana, "fudhatamummaa seeraas ta'e kan ilaalchaa kamiyyu" akka hin qabne ibsa isaa kanaan kaa'eera. Muteen kun "hatattamaan akka haqamuu" fi naannolen filannoo shanan "kutaa bulchiinsa heera mootummaa Tigraay kessa" akka ta'an hubachiiseera.
Biheraawwii Baayitoonaa Abbay (Baayitoonaa)n ammoo xalayaa hawaasa addunyaatiif barreesseen, murteen kun "hariiroo federaalaafi naannolee, akkasumas aangoo bulchiinsaa ilaalchisee seerota heera mootummaan kaa'aman waliin kan wal hin simnedha" jedheera.
"Muddama hir'isuun mariin hunda hammatu hatattamaan yeroo barbaachisu kanatti," murteen kun darbuun "sochiin waraanaa akka dabaluufi muddamni siyaasaa akka hammaatu gaheemataasaa qabaachuu danda'a" jechuun akeekkachiiseera.
Wuddib Natsinnat Tigraay, Areenaa Tigraay Dimokiraasiifi walabummaaf, Tisaa'ee Sabihaa Andertaa, akkasumas Wuddib Walladoo Tigraay murtee kana mormuun paartileen siyaasaa Tigraay biroodha.
Paartileen naannoo Amaaraa
Murteen Manamaree Federeeshinii Boordiin Filannoo ifoomse mormii qofa miti kan keessummeesse. Paartii mormituu kan ta'e ABIN "ibsa kora Koree hoji-raawwaciiftuu hatattamaa " baaseen murtee kana "akka kabaju" beeksiseera.
Paartichi murtee Mana-maree Federeeshinii kana kan kabaju "akkaataa waliigaltee Piritooriyaarraa ka'uun" akka ta'eefi "mootummaan haala biyyaarraa kauun" murteewwan dabarsu "guutummaan guutuutti akka hin mijanne" ibsa baaseen dabalee himeera.
"Warri rakkoo uuman kan keessatti dhaga'aman, sagaleen ummataa garuu haalli itti hudhamu kanaan booda akka itti fufu hin hayyamnu," jechuun ejjennoo osaa ibseera.
Naannolee gaaffiin anaaf mala jedhu irratti ka'u kanneen bakka bu'oota ummataatiin alatti "filannoo mana maree naannootiif dabalatee filannoon gaggeeffamuu qaba" jechuun hubachiiseera.
Kana ochuudhaan, "aadaan, qoor-qalbiin, akkasumas eenyummaan wantota fakkaataniifi bulchiinsa daangaa jiruun, jechuun mana-maree naannoo amaaraa dabalatee hirmaannaa akka qabaatu" gochuun akka barbaachisu ibseera.
Akka ibsa ABIN kanaatt, naannoleen kunneen mana-maree naannoo Amaaraa keessatti bakka bu'ummaa akka qabaatan gochuuf jecha gaafiin naaf malaa ka'u "hanga furmaata waaraa argatutti, daangaa heera mootummaa darbuun, akkasumas murtee siyaasaa addaan," darbuu qaba.
"gaaffiin ummata keenyaa humnoonni badii 'sossobuu' ykn sosoobbiif ooluu akka hin qabne cimsinee hubachiifna" jechuun Paartichi ejjennoo isaa ibseera.
Paartiin mormituu Warraaksa Humnoota Dimokiraatawaa Amaaraa (ADFM) murtee kana jajuun, "qabsoo ummanni keenya eenyummaaf gochaa jiruuf beekamtii kennuudha" jedhe.
Akkasumas akka "argisiistuu kabaja mirga dimokiraasii"tti akka fudhatu ibsa kanaan eerera.
"Murteen kun dhimma eenyummaa Amaaraa waggoota dheeraaf shiraa fi cunqursaan dhiitamaa ture karaa seeraa qabeessaa fi nagaa hiikuuf imala taasifamu keessatti milkaa'ina guddaadha," jedhe.
''Hawaasni naannolee kanneen keessa jiran filannoo dhufu irratti of danda'anii akka dorgoman murtaa'uun" "caasaa bulchiinsaa qabsoo keenyaan hundeessine gara bu'uura seera qabeessaa guutuutti ni jijjiiras" jedhan.
Ummanni naannawa sanaas "filannoo irratti hirmachuuf dammaqinaan akka akka galmaa'uu fi sagalee isaatin bakka bu'oota isaa akka filatu" waamicha dhiyeessera.
Naannoo Amaaraa jalatti kan hundeeffame, Koreen Eenyummaa Deebisuu kan dura taa'aan itti aanaa bulchaa olaanaa Zoonii Wolkaayit, Tegdee, Setit, fi Humeraa Koloneel Demeke Zewduun durfamus murtee kanaaf deeggarsa akka qabu ibseera.
Xalayaa Boordii Filannoo fi Mana Maree Federeeshiniif barreesseen, murteen kun ''tarkaanfii seena qabeessa lammiilee waggootaaf mirga siyaasaa isaanii irraa mulqameef ifti Demokiraasii akka calaqqisu taasise jechuun ibseera.
Gaaffii eenyummaa koricha gaafatu furuu keessatti akka tarkaanfii tokkotti akka lakkaa'u ibseera.
Haa ta'u malee,filannoon kun akka gaggeeffamuuf "eegumsa mootummaa fi raawwiin walabaa Boordii Filannoo" barbaachisaa ta'uu hubachiisaniiru.
Boordiin Filannoo "murtii mana marichaa hojiirra akka oolchu" fi "dhiibbaa seeraan alaa daangaa TPLF kanaan dura labse jalatti" akka hin kufne dhaamaniiru.
Akkasumas "ummanni Wolkaayit Tegedee fi naannoo ishee sodaa fi dhiibbaa tokko malee bakka bu'oota ofii akka filataniif haalli mijataa akka uumamu" gaafateera.
Koreen kun paartiin mormituu Paartii Sameret murtee kana mormuu isaatiinis qeeqee, murtee kana ''heera mootummaa kan faallessu'' fi ''aangootti seeraan ala fayyadamuu'' jedheera.
Sameret "gaaffii dhugaa fi haqa qabeessa ummata Wolkaayit Tegede cafaquu fi ukkaamsuuf" yaaleera jechuun mormeera.