Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Amantiin koo rakkoo saba koof akkan dubbadhu na dirqamsiisa'-Ustaaz Raayyaa Abbaa maccaa
Barsiisaa amantii Islaamaa kan ta'an Ustaaz Raayyaa Abbaa maccaa, yeroo baayyee manzuumaa hojjetan keessatti rakkoo hawaasa kaasuun beekamu.
Hanga ammaatti manzuumaa Afaan Oromoon 34, Afaan Amaaraan ammoo 6, waliigalatti 40 hojjetaniiru.
Kaka'umsa isaaniin lammiilee qe'eerraa buqqa'anii fi kanneen gara biyyoota Arabaatti baqatan gargaaruun kan beekaman Ustaaz Raayyaan, yeroo ammaa waldaa walgargaarsaa ''Egereef'' jedhu hundeessaa jiraachuu himan.
Ustaaz Raayyaan yeroo ammaa karaa miidiyaa hawaasummaa (YouTube fi Feesbuukii) fi karaa miidiyaatiin barumsa dabarsuu fi akkaataa hawaasi rakkoo keessa jiru ittiin gargaaramuu danda'urratti hojjechaa akka jiranis himaniiru.
Turtii addatti BBC waliin taasisaniin waa'ee amantii fi eenyummaa, manzuumaa, waa'ee gargaarsaa fi jireenya dhuunfaasaanii nuuf qoodaniiru.
Amantii fi eenyummaa
Ustaaz Raayyaa Abbaa Maccaa barsiisaa amantii ta'anis garuu quuqqaa saba Oromoo kaasuun wayita dubbatan dhagahamu.
Manzuumaa ittiin beekamanii fi barsiisa amantii keessatti rakkoo hawaasaa kaasuun beekamu.
Amantiin Islaamaa eenyummaa koo kan naaf kabajuu fi kan naaf keessummeessu waan ta'eefan filadhe jedhu.
Of ta'uu fi eenyummaa ofiitti amanuun akkaataa amantii isaaniitti (amantii Islaamaa) dhimma deggeramu ta'uus kaasan.
''Yoon of ta'en eenyummaa nama kaanii kabajee waliin jiraadha. Kunimmoo duudhaa amantii kootiiti.''
Bara Adda Bilisummaa Oromootti makaman irraa kaasanii dhimma mirga Oromoof dubbachuurraa duubatti hin jenne kan jedhan Ustaaz Raayyaan, ''amantii kana na harkatti hin balfine waanan qabuufan itti cichee hafe,'' jedhan.
''Amantiima kootu rakkoo hawaasaa akkan dubbadhu na ajaja. Baran ABO'tti galuuf Obbo Nadhii Gammadaa bira deeme, maal yaadda jedhanii na gaafatan. Anis deebiseen, hamma gaafa haati shawaa naannawa magaa Finfinnee kana keessa jirtu kaboota dugdatti baachuurraa gara harreetti fe'achuutti tarkaanfattuutti akkan itti rafu hinqabun jedheen.
''Isaanis umurii kanaan erga waan akkanaa yaaddee bakka guddaa geessa Abshir naan jedhan. Kanaaf amantiima kootu namoomaaf, bineensaaf, biqiltuuf uumama hundaaf akkan yaadu na dirqamsiisa'' jedhu.
''Akkuma qaamni kiyya amaanaa natti kenname uummanni kiyyas anaaf amaanaadha. Amaanaan hangan danda'e baadhee ilmaanitti dabarfadhudha.''
''Namoomaanin nama gargaara''
Ustaaz Raayyaa Abbaa Maccaa dhalli namaa kamiyyuu yoo beela'e, yoo rakkate, yoo godaanee fi baqate gargaaruuf ulaagaan kamuu jiraachuu hin qabu amantii jedhu qabu.
''Hawaasa keenya kan buqqa'ee fi kan godaane keessa deemee ilaaleera. Maaltu rakkoo kanaaf akka isa saaxiles nan beeka. Namoota akkasii gargaaruuf amanitin ulaagaa ta'uu hin danda'u, ana biratti,'' jedhan.
''Namoomaanin nama gargaara malee amantii miti. Amantiin koo akkan dhala namaa gargaaruuf na ajaja malee, akkan amantiidhaan qoodee nama gargaaru na hin ajaju.''
Rakkoon godaansaa fi qe'eerraa buqqa'uu uummata Oromoo mudatee jiru hanga hammeenyasaa xiyyaaffannaa hin arganne kan jedhan Ustaaz Raayyaan, ''haalli kun yeroo hunda hirriiba na dhorka,'' jedhan.
''Oromoo ta'ee namni amantii an hordofu hin hordofne, amantiirraa kan hafe waan hunda na biraa qaba. Namummaa, sabummaa, hidda, lafaa fi lafee na biraa qaba.''
Waldaa gargaarsaa 'Egereef'…
Wayita uummanni Oromoo dhibdee naannoo Sumaalee waliin tureen kumaatamaan buqqa'e bira dhaabbachuuf ifaajaa akka turan kan himan Ustaaz Raayyaan, gargaarsa kennan keessatti jaarmiyaadhaan gurmaa'anii socho'uu dhabuun akka dhiibbaa irratti uume himu.
Rakkoo kana furuun humna guutuun hawaasa rakkate gargaaruuf yeroo ammaa waldaa walgargaarsaa 'Egereef' jedhu hundeessaa jiraachuu himan.
''Sababa eeyyama seera qabeessa ta'e hin qabneef jecha akka fedha keenyaa deemnee hawaasa keenya gargaaruuf rakkanneerra. Dheengadduma gara Walloo deemnee uummata keenya bira dhaabbachuu kan dadhabneef sababa eeyyama dhabneefi. Amma garuu eeyyama arganneerra.''
Yeroo keessan irra-jireessaan namoota rakkoo keessan gargaaruurratti dabarsuurraa maal fayyadamtan jechuun kan gaafataman Ustaaz Raayyaan, akkas jedhan.
''Nama sababa keenya rakkoo keessa jirurraa oofkale ijaan arguu caalaa wanti na gammachiisu hin jiru. Faayidaan keenya dhuunfaatti waa argachuu osoo hin taane, rakkataan dheebuu fi beela ba'ee arguudha. Kanatu gammachuu fi boqonnaa sammuu naaf kenna.''
Manzuumaadhaan rakkoo sabaa himuu…
Ustaaz Raayyaa Abbaa Maccaa manzuumaa qabiyyeensaa barsiisa amantii Islaamaa irratti xiyyeeffate hojjechuun beekamu.
Hanga ammaatti manzuumaa Afaan Oromoo 34 fi afaan Amaaraa 6 walumatti 40 hojjechuu kan himan Ustaaz Raayyaan, manzuumaa hojjetan keessatti saba Oromoo rakkina keessa jiruuf sagalee ta'uurratti akka xiyyeeffatanis dubbataniiru.
Manzuumaa kana hunda walaloo qopheessuurraa eegalanii waan hunda ofii isaanii akka qopheessanis himan, kunimmoo hojii baayyee dadhabsiisaadha jedhan.
''Uummata kana maaliina gargaaree qooda koo ba'a kan jedhutu akkan wareegama kaffalee qopheessu na dirqamsiise. Sagalee fi dandeettii walaloo rabbiin natti arjoome fayyadamuun hawaasa kiyyaaf waa gumaachuutu hamilee naaf ta'e, malee manzuumaa hanga kana baayyatu dhiisii tokkoyyuu qopheessuun ni ulfaata.''
Rakkoo fi quuqqaa sabaa akkasumas laalaa godaansaa fi gorsa namummaarratti xiyyeeffachuusaaniitiin, manzuumaan isaan hojjetan hordoftoota amantii Islaamaa biratti qofa osoo hin taane kaan birattillee akka dhaggeeffatamu ibsan.
Kaaseta 40 baasan irraa maal buufatan?
''Uummanni kaaseta hamma kana baasuukoo ilaalanii dureessa na se'u. Waanan irraa fayyadame itti fakkaata. Anaaf faayidaa guddaan ergaan koo hawaasa bal'aa bira naaf ga'uudha,'' jechuun bu'aa manzuumaa isaanii ilaalchisee haala jiru gabaabinaan ibsan, Ustaaz Raayyaan.
Utuun irraa fayyadamee jireenya kiyya jijjiruufin hojjedha ta'ee silaa akka kanatti hawaasa koo bira naaf hin ga'u jedhan.
''Hojiin faayidaa dhuunfaarratti rarra'u umuriin isaas, yaadni isaas, deemsi isaas ni gabaabbata,'' jedhu.
Inumaa kan silaa gurguramee isaan gargaaruun irra ture, kaaseta heddumminaan maxxanfamee kuufamee jiru dhabamsiisuutti maallaqasaanii baasaa akka turan himan.
''Bara manzuumaa kaasetaan maxxansinu irraa eegalee kaasetii magaazina tokko guutuutu na harkatti hafee ture. Waggaa já'a dura birrii 5,000 baaseen kaaseta konkolaata shan dhabamsiise. Ammallee gatamee hin xumuramne.''
Jireenya dhuunfaa Ustaaz Raayyaa Abbaa maccaa...
Barsiisaan amantii kun, hojii ittiin beekaman, manzuumaa, irraa faayidaa argachuu baatanis, garuu tumsa dinqisiifattootaa fi jaal'attoota isaanii akka hamilee fi jabina ta'eef dubbatu.
''Kaasetiin kiyya akka eegametti bitamuu baatus, na garuu haaluma gaariirran jira. Namoonni biyyoota Arabaa, keessattuu Qaataar jiran na bira dhaabbatanii naaf maxxansiisaa turan. Yeroo mara akkan hin rakkanne ifaaju.''
Abbaa ijoollee sadii ta'uu fi magaalaa Finfinnee keessa jiraachuu kan himan Ustaaz Raayyaan, jaalallii fi gammachuun maatiisaanii keessa jiru ulaa rakkinaatti karaa cufuu himan.
''Hundaa ol ammoo qabeenya biyya lafaa kanatti baay'ee hin haajomu. Yoon gamoo shan ijaares siree tokkorran bula, yoon warshaa daabboo ijaares daabboo tokkon nyaadha amantii jedhun qaba.''
''Jireenya koof ana caalaa namumatu naaf dhimmama. Namoonni waa harkaa qaban yoo aksiyoona hundeessanis keessa na galchu. Hunda caalaa ammoo maatii koo waliin gammachuun qaba. Akka bareedduun jira galata rabbii.''
Ustaaz Raayyaa Abbaa maccaa yeroo ammaa karaa TV Hamiltan jedhamu kan gareensaanii hundeesse, akkasumas gama YouTube fi Feesbuukiitiin ergaawwan amantii fi dhimma namoomaarratti xiyyeeffatan dabarsaa jiru.
Miidiyaa hawaasummaa
Hawaasi baay'inaan miidiyaa hawaasummaatti godaanee jennaanin bakka hawaasi koo itti argamu dhaqe malee miidiyaa hawaasaa qofarratti hin xiyyeeffanne.
Ustaaz Raayyaa Abbaa Maccaa hawaasa Oromoo rakkoon harkaa qabu bira qaamaan deemuun waan irraa eegamu gochaa turan.
Erga weerara koronaavaayirasii as garuu akka fedhanitti imaluun hawaasa waliin walarguun rakkisaa ta'uurraan kan ka'e miidiyaa hawaasummaa(Feesbuukii fi YouTube) fayyadamuu akka eegalan himan.
''Rakkoon saba kootii rakkoo amantii qofa miti, anis kanaafan amantii qofarratti hin xiyyeeffadhu. Rakkoon hawaasa kootii waan hedduudha.''
''Manzuumaa fi barumsa adda addaa karaan dabarsu waanan dhabeefan, bara 2020 keessa YouTube banadhe. Karaan jiruu fi bakki uummati jiru as waan ta'eefan banadhe.''
YouTube'n Raayyaa Abbaa maccaa official jedhu hordoftoota/maamiloota kuma 133 caalan kan qabu yoo ta'u, Feesbuukiin isaanii ammoo Raayyaa Abbaamaccaa kan jedhu hordoftoota kuma 707 ol kan qabuudha.
Maqaasaaniitiin akkaawuntii fi fuulli Feesbuukii 24 ta'u banamee jiraachuu kan himan Ustaaz Raayyaan, ''namoonni kunneen akka maqaa koo irraa kaasan yeroo garagaraatti iyyadhus guutummaatti narraa hin kaane,'' jedhan.
Ustaaz Raayyaa Abbaa Maccaa Oromoo ta'anii dhalachuu fi duree amantii Islaamaa ta'uusaaniitiin ba'aan lama akka isaanirra jiru dubbatan.
''Tokkoffaa waa'ee amantii Islaamaa barsiisuun dirqama kooti. Wayita hawaasi muslimaa na waamu masjiida deemeen tajaajila. Lammaffaan rakkoo hawaasa kootii bira darbuu hin danda'u. Kunimmoo duudhaa amantii kootiiti,'' jedhan.
Akka Ustaaz Raayyaan jedhanitti karaa miidiyaa hawaasummaa hawaasa tajaajiluun hamma isa qaamaan imalanii rakkoo hawaasaa ijaan arganii hin ga'u.
Uummata biyyattii biratti aadaan miidiyaa hawaasummaa waan gaariif itti fayyadamuu baay'inaan hin mul'atu.
Ustaaz Raayyaan dhimma kanarratti akkas jedhan: ''Miidiyaa hawaasummaa ittiin waa ijaaruunis, ittiin waa diiguunis harka namaa jira. Anaaf miidiyaa hawaasummaa jechuun bakka hawaasi jirutti dhaquu jechuudha.''