Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Sheek Hasan Yimar - abbaaa barootaaf bataskaana ijaarsisaniifi eeguun tursiisan
Sheek Hasan Yimar jedhamu. Dhalatanii kan guddatan Godina Walloo Kibbaa Aanaa Warra Iluutti.
Maanguddoon kun amantaan isaanii Islaama. Ni soomu, ni sagadu, masijiidas ni deemu.
Haata'u malee umurii isaanii guutuu qe'ee bataskaana tokkootii dhabamanii hinbeekan.
Walloo fi ummatashee
Namoonni baay'een Walloo bakka namoonni amantaa garaagaraa jaalalaan itti waliin jiraatan ta'uu akka fakkeenyaatti kaasu.
Wallootti abbaafi haatii warraa amantaa adda addaa qaban waliin ijoollee horatanii gammachuun waliin jiraatu. Musliimni guyyaa ayyaana Cuuphaa taaboota yoo gaggeessu, Kiristaanni ammoo tibba Iidiitti lafa itti sagadamu qopheessa.
Hunduu wal kabajuun jaalalaan waliin jiraata. Musliimonni maallaqa baasanii Bataskaana ijaarsisu, Kiristaanonnis akkasuma Masjiida ijaarsisu.
Walumaagalatti Walloon biyya abbootiin amantaa Islaamaa hedduun keessaa maddaniidha.
Dureen Pirezidaantii Mana Marii Ulamaawwan Itoophiyaa Haajii Muftii Umar Idiriis, himansa isaanitiin kan beekaman Sheek Huseen Jibriil, manzumaan kan beekaman Sheek Mahaammad Haamzaa fa'i eeruun ni danda'ama.
Sheek Hasan yoo bataskaanittiitti kabaji waggaa jiraate manasaaniitti farsoo naqsiisuun, daabboo tolchanii geessu. Gochaan isaanii kunis naannoo keessa jiraataniitti qofaa osoo hintaane magaalota biraattilleen dhagahameera.
Hordoftoonni amantaa kiristaanaa kabaja waggaatiif bakka biraatii gara sana dhaqanis osoo isaanii hindubbisiin hindeebii'an turan.
Haata'u malee Sheek Hasan jiraattota naannichaa tokko tokkorraa mormiin irratti ka'aa akka ture ijjoolleen isaanii fi kanneen isaan beekan ni dubbatu.
Sheek Hasan amantaa isaanii malee 'jiraattoota naannichaa kiristaana taasisuuf' jechuun yeroo lamaa sadi itti dhukaafamee akka oolan waa'ee seenaa isaanii kan barreessan Kabar Geetaachoo ni dubbatu.
Kabar waa'ee Sheek Hasan itti dhiyeenyaan beeku. Waa'ee bataskaanittiis kitaaba barreessaniiru. Kitaaba seenaan Sheek Hasan keessatti hammatame ''Warra Iluu Maahidara Itoophiyaa'' jedhu barreessaniiru.
Kabar akka jedhaniitti Sheek Hasan yeroo sanatti afooshaafi uqqubii keessaa qoollifamanii turan. Maatiin isaaniillee booda keessa yaadasaanii hubataafii dhufan malee komii xiqqoon uumamee akka ture ilmisaanii Mahaammad Hasan ni dubbata.
Kun hundu garuu Sheek Hasan gochaa seenaa qabeessa irraa boodeetti isaan hindeeebiifne.
Ilma dhumaa Sheek Hasan kan ta'e Mohaammad umuriinsaa waggaa 35 yoo ta'u, ''abbaan keenya mormiin mudataa turulleen Islaama ta'anii osoo jiranuu Warra Iluurraa Daseetti deddebi'uun bataskaana ijaarsiisaniiru,'' jedha.
Seenaa Sheek Hasan kan dhageenye duraan ta'ulleen osoo teessoo isaanii iyyaafataa jirruu boqochuusaanii dhageenye. Abbaan kun waggaa 96tti bara darbe du'aan boqatan.
Ilmisaanii Mohaammad akka jedhuutti, Sheek Hasan osoo hin du'iin dura ilmiisaanii akka eeguuf adaraa itti kennan.
Innis adaraa abbaa isaa fudhachuun hojii waardiyyummaa bataskaana sanaa eegaluuf akka jiru dubbata.
''Kun hojii gaarii akaakileewwan keenya irraa eegaledha. Waan amantaa keenyaan walitti bu'u hinqabu. Walta'insaan Masjidnis ni ijaarama. Kan buusanis yoo jiraate ni buufna, kan gargaaramu yoo jiraates ni gargaarra,'' jedha Mahaammad.
Sheek Hasan abbaa ijoollee torbaa turan.
Bataskaana Waabilaa Maariyaam
Waabilaa Maaram aanaa Warra Iluutti ganda 06 keessatti argamti.
Aanaan Warra Iluu Godina Kibba Walloo kan argamu yoo ta'u, Finfinnee irraa km 498 irratti argamti.
Bataskaanni Sheek Hasan eegaa turan kunis ALI bara 1476tti akka ijaarame dubbatama. Hordoftoota 400 ol qabdi ture. Bara Giraanyi Ahimad miidhaan irra gahuutu dubbatama.
Jiraattonni naannichaa kan wal dhabe haraarsuuf garaagarummaa tokko malee jaarsummaa taa'u.
Ilaalchi gaariin dhalootarraa darbaa dhufe kunis Sheek Hasan bira gahuun, isaanis eegumsa bataskaanittii sanaaf taasisaniin haala sanaan itti fufe.
Dhumarratti gara waajjira bataskaanaa Ortodoksii aanichatti argamu deemuun eddoosaa itti agarsiisan.
''Nuti Musliimonni eegaa turre, maaloo bataskaana tana ijaarsiisaa,'' jechuun gaaffii dhiyeessan.
''Ijaarsa bataskaanittii mataasaa dursaa kan hojjachiisan Sheek Hasan turan. Amma ijaarsiisaa xumuramee kabaji waggaa haala ho'aa ta'een itti gaggeeffamaa jira,'' jedhu Kabar Geetachoo.
Bulchaa bataskaanota Haaroon Gannata Goorgiisiifi Wayi Bilaa Maariyaam kan ta'an Obbo Gullilaat Amalee ''gara ijaarsa batasikaanittii yoo seennu Sheek Hasan qabannee turre,'' jedhu.
Walitti dhufeenyi Obbo Gullilaatii fi Sheek Hasan kan eegale bara 1997 tti. Iddoon bataskaana kanaa kan Sheek Hasan maatii isaanii irraa dhaalan ture jedhu.
''Lafa isaa hayyamuun akka waajjira godina batasikaanattii kan aanichaatti akka beeksiisaniif isaan fuldura godhannee nuti ammoo isaan hordofuun dhumarraan geenye'' jedhu haala ture yoo yaadatan.
Laftiisaa heektaara sadii ol akka ta'u tilmaamama.
Sheek Hasaniifi maatiinsaanii lafa bataskaanittii kabajaa eeguu qofaa osoo hintaane, wayita bataskaanni ijaaramutti baargamoo kennaniiru. Dhaabbatanii gargaaraniiru. Daandii tibba sanatti beeladaaf illeen hinmijatu jedhamerra mi'a baatanii gaaratti deddeebisaniiru.
Haaluma amantaa isaaniitti hoolaa, loon qaluun hordoftoota amantaa waliin eebba bataskaaniitti waliin hirmaataniiru.
Hanga ijaarsi bataskaana sanaa xumuramutti hirmaachuun simintoo, bilokeetti, mukaafi kaan baachuun kan deddebiisan jiraattoota naannichaa kan ta'an hordoftoota Islaamaa waliin turan.
''Maatiin Sheek Hasaniifi ijoolleen isaanii kana kan raawwataa turan gammachuu dhugaatiin ture. Dhaabbatanii ijaarsisaa turan. Sheek Hasan booda keessa ijaan arguu dadhabaa adeeman illeen, deeggarsa namaatiin osoo hinilaaliin hin oolan turan,'' jedha Kabar.
ALI Caamsaa 21, 2011 dhaabbatanii bataskaana eebbisiisaniiru. Hordoftoonni amantichaas badhaasaa fi kennaawwan garaa garaa kennaniif turan.
Bulchaan bataskaana kanaa Obbo Gullilaati, Sheek Hasan nama akkamii turan? jedhamuun wayita gaafataman: ''Sheek Hasan nama haalaan kabajamoo turan. Dhimma umurii ta'ee addunyaa tanarraa boqataniiru. Hanga ammaattuu gadda isaanii irratti argamna,'' jedhan.