Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Looreet Tsaggaayee Gabramadihiniif Oromummaa fi Itoophiyummaan waliif maali?
Yeroo walaloo katabu, tiyaatira yoo qopheessu waan garaasaa jechoota halluu dibee bareechee dhiyeessa, waa'ee sabaa, waa'ee biyyaa, waa'ee lagaa, waa'ee qaroominaa, dimshaashatti dhugaa ofii itti amane sookoo fi soorgoon ifatti baasa.
Xiinxalli isaa gadi fagoo, nuuressi isaa fugugiin gama dha.
Haa tahu malee innumtiyyuu ofii isaa icciitii ogummaan maramee dhalootni isa leellisu dha, jechuun maqaaTsaggaayee Gabiramadihiin kan ukukkubsan warreen dhiyootti isa beekan qofa miti ; warreen hojiiwwan isaa jaalalaan dubbisanii,jaalalaan mi'eefatan malee.
Kitaaba walaloo beekamaa 'Isaat way Ababa,' dabalatee hojiiwwan tiyaatiraa 'Haa Huu Be Sidist War...' Innaat Alam Xannuu yoo barreessu Haamleetii fi Maakbeez immoo barreessaa beekamaa Wiiliyaam Sheekspiir irraa gara Afaan Amaaraatti hiikeera.
Hojiiwwan isaa hog-barruu kunneen Tsaggaayeen ejjennoo inni jaalala biyyaa, sabboonummaa fi eenyummaa waan himan qabu?
Ogeessa kanaaf Itoophiyummaafi Oromummaan maal walii turan laata?
Obbo Miikaa'eel Shifarraaw ogummaan isaa Arkiteektii yoo tahu ''Tsaggaayee jaalalaanan dinqisiifadha'' jedha, kitaaba hojii og-barruu Tseggaayee keessaa isa tokko xiinxaluun kitaaba maxxanseera.
Kitaabichi 'Mistirenyaaw Baale Qinee' jedhama. Tsaggaayeen sookoo fi soorgoon yookiin fakkeenyaan barreessa gatii taheef namni waan inni jedhu hubataa hin turre jedha Mikaa'el.
Tiyaatira isaa bara gara boodaarra barreesse 'Haa Huu Be Sidist War...' boqonnaa boqonnaa dhaan hiika kennuu yaaleera jedha.
Kana malees, Wiirtuu Yaadannoo Tsaggaayee Gabiramadihiiniif Yunivarsiitii Ambootti ijaaramaa jiruuf dizaayiinii wiirtuu kanaarratti tolaan tajaajilaa jira.
''Dhugaa namni dhuunfatu hin jiru''
''Tsaggaayeen waa'ee dhimma tokkoo mirkanaan hin dubbatu, akka gareettis hin yaadu. Dhugaa sabboonummaa Itoophiyummaa fi Oromummaa keessaa baheetu dhugaa isa caalu nutti agarsiisu yaala.'' Jedha Mikaa'el.
Tiyaatira inni xiinxale keessatti namoonni lama harkaa fi miilli isaanii walitti guduunfameetu jalqaba.
Kun 'ilmaan haadha tokkoo' tahuusaanii mallattoon haa agarsiisuyyuu malee, yerooma sana immoo deebi'anii wal-loluu jalqabu jedha.
''Wal hin ilaaltanii, wal hin dhaggeeffattani malee dhugaan iddoo tokko qofa hin jirtu jedhee warreen bara sana ejjennoo siyaasaa isaaniif wal lolanitti hima ture'' jedha.
Haata'u malee Tsaggaayeen ''kuni miidheera, sun miidhameera jechuun furmaata kennuuf hin yaalu,'' jedha.
Inumaayyuu Tsaggaayeen uummata kanaaf furmaata jedhee kan yaadu, ''dammaquu,ilaaluu baruu dha.'' jedha.
Gareen inni tokko waa'ee isa kaanii baruu, qorachuu yoo yaale ifa keessatti wal argu,'' dammaquu jechuun Tsaggaayeedhaaf seenaa keenya baruu, of beekuufi beekumsi bareerra jennu hir'uu akka tahe baruu dha jedha.
Tseggaayee Gabiramadihiin eenyu?
Tseggaayeen magaalaa Amboo, bakka Boodaa jedhamutti dhalatee yeroo weerara Xaaliyaanii haati isaa baqataniitu gara iddoo Goromtii jedhamtutti abbaa isaa waliin deeman jedha Mikaa'el kitaaba yoo barreessu waan qo'aterraa.
Abbaan isaa Oromoo Maccaa yoo tahan, haati isaa immoo Amaara naannoo Ankoobar dha.
''Haadha isaa Aadde Ballaxach Taayyee abbaansaa Finfinneerraa Amboo fudhatee, achi yoo jiraattu jaalalaan jiraatti ture,'' jedha Mikaa'el.
Obboleettii Abbaasaa Aadde Argattuu waliin immoo michooma cimaa qabu ture.
Aadde Ballaxach mucaa dhiiraa argachuuf bataskaana Aabboof 'silata' galchitee yoo Waaqa kadhattu, Aadde Argattuun amantiinshee Waaqeffannaa tahus waliin Waaqa kadhatti ture, jedhu Obbo Mikaa'el.
Tsaggaayee Gabramadihin Afaan Oromootiin 'afaan hiikkate'
Tsaggaayyeen Afaan Oromootiin afaan hiike. Boodammoo yeroo weerara Xaaliyaanii obboloota haadhasaa baqatanii Goromtii dhufanirraa 'Gi'iizii' barate.
Abbaan isaa immoo mana barnootaa idilee isa galchan, boodarra mana barnootaa Generaal Wiingeetitti Afaan Ingiliizii isa barreessaan beekamaa Wiliyaam Sheekispiir dubbatu qara'e.
''Abbaansaa muudama haatisaa immoo mucaa wareegaa gatii taheef lubummaa hawwuufi ture.''
Kanaaf eenyummaan nama kanaa sadarkaa biyyaatti takkaa wal-jaalachaa, takkaa wal-morkachaati yoo jiraatan ni argina jedha barreessichi.
Hawwii haadhasaa guutuuf nama amantii tahuuf yoo yaalu luboota waliin oola, achii dhiisee immoo,qondaalota bira dhaqee achumaan badee hin badu;
waan itti mul'ate deebi'ee gaafa barreessu hidhamaa, hojiinsaas jalaa ugguramaa ture jedhu Obbo Mikaa'el.
Dhugaa waa'ee biyyaa baruu barbaadus, alaa otoo hin taane Tsaggaayeen of keessaati argachuuf dhama'a ture jedha.
''Itoophiyaa gargar qooduun dhiiga kan koo dhangalaasuu dha,'' jedha ture jedha Mikaa'el.
''Namni kun Itoophiyummaan ol fagaatee haa deemuyyuu malee, lammii addunyaa hojiiwwan Wiiliyaam Sheekispiir Afaan Ingilizii ulfaataafi wal-xaxaan barreefaman hiikus, Itoophiyummaa isaa qorachaa jiraate.
Oromummaan isaafi Amaarummaan isaa walitti bu'ee isa hin burjaajessu ture; inumaayyuu gara ogummaa fi qorannootti geeddara malee jedha.
Haata'u malee loogii fi haqni jallachuu calluma jedhee bira hin darbu ture jedha Mikaa'el.
''Fakkeenyaaf hojiinsaa 'yidires la wondimee lamittaaqany lamaalaaqih' jedhu waa'ee cunqursaa sab-lammiiwwaniiti odeessa ture.
Looreetichi sabboonaadhaa?
Yunivarsiitii NoorzWeestarn, Meniisootaatti piroofeesara gargaaraa Og-barruu kan tahan Doktar Tafarii Nigusee immoo gama isaan Tsaggaayee Gabiramadihiin nama 'sabboonummaa Paan Afrikaanii leellisudha' jedha.
''Ilaalchi isaa falaasamaafi hundee uummata gurraachaarraa kan madduudha'' jedha.
Oromummaa isaa yoo ilaalle,''Oromoon saboota Kuush keessaa tokko jedheetu amana, sabooti kunneen immoo qaroomina gurraachaa warreen jalqabaniidha jedhee yaada.''
'Itoophiyummaan inni leellisu illee kan Oromoon barbaadu sani, kunis barreefamoota isaa keessatti mul'ateera'' jedha.
Kitaaba walaloo 'Isaat way Ababaa' jedhu keessatti, ''Ateetee dubra Oromoo, Be ine innaa baanchi mahaal agul silixxaanee qomoo...,''walaloon kun ergaa 'namoonni baranne baranne jedhanii of jijjiran, attamiin of gananiifi uummata cunqursan ibsa,' jedha Tafariin.
Karaa Tiyaatira isaallee qonnaan bulaan abbaa lafaatiin miidhamaa ture gad-fageenyaan agarsiiseera.
Baay'inaan Afaan Oromootiin hin barreessine jechuun 'sabboonaa miti' jechuu miti jedha.
Sababiinsaa immoo yaadni inni akkatti Oromoon addunyaatti beeksifamuu qabu jedhee yaadutu sabboonaa isa taasisa jedha Tafariin.
Fakkeenyaaf tiyaatirri isaa afaan Ingiliiziin barreefame 'Oda Oak Oracale' jedhu yeroo sanatti mallattoo uummata Oromoo Odaa fayyadamuunsaa sabboonummaa isaa agarsiisa jedha.
''Bara inni jiraate keessa mootoliin nuti sanyii Solomoon irraa dhufne yoo jedhanillee inni nama gurraachummaatti ciche ture,'' jedha Dr Tafariin.
Hojiiwwan isaa Adwaa, Tewoodiroos jedhanillee daawwiitii gurraachumaatiin kan faarfamani dha jedha barsiisaa Tafariin.
Kanaaf Tsaggaayeen aartii ogummaaf qofa osoo hin taane aadaa uummataa calaqqisiisuuf itti fayyadameera jedha.
''Namoonni tokko tokko sabbonummaa Oromoo jechuun Itoophiyaa jibbuu itti fakkaachuu danda'a. Tsaggaayeen garuu Oromummaasaa jaalachuun sabboonaa isa taasisa,'' jedha.
Tseggaayee Gabiramadihiin bara 1998tti isaaf lammii Itoophiyaa tahuun maal jechuu akka tahe barruulee 'Ethiopian Review' irratti akkas jedhee ture.
''Itoophiyummaan anaaf nama seenaa, qaroomaafi aadaa Afrikaa hubatu jechuu dha. Kana qofaas miti; qaroomina addunyaa, aadaa, wal-qixxummaafi obbolummaa dhala namaa addunyaatti kan amanuudha.
Seenaan Afrikaa durii, seenaa Itoophiyaati. Ammallee kun hin geeddaramu.
Kanaaf akkuma nuti barumsaaf Ameerikaa deemnu isaanis nurraa barachuuf dhufuu qabu.
Barachuudhaaf of tuulummaa isaanii dhiisanii, lasummaadhaan lafa akaakilee isaaniirra barachuu qabu,'' anaaf Itoophiyummaan kana jedheetu ture.