Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dhibee sammuu balbala cuftanii baatan akka waan hin cufneetti isin yaaddessu
Balbala cuftanii baatan ‘banaa dhiisteetta’ yaadni jedhu irra deddeebiin isinitti dhufa taanaan mallattoo dhukkuba sammuu 'Obsessive Compulsive Disorder' ykn OCD jedhamu keessaa tokko tahuu mala.
Mallattoon dhukkuba kanaa haala biraanis mul'achuu danda'a.
"Waggaa sadiif waanin yaadu hunda akkan barreessu sammuun koo na dirqisiisa ture. Halkan hirriba hin qabu, hinuman barreessa."
"Waraqaa, barruullee, moobaayilii irratti nan barreessa, waanin barreessu kan hiika qabu otoo hin taane, yaada namni kaan sammuusaa keessa kaa’u, ani yoon barreesse malee nagaa hin argadhu."
"Rifeensa kootti dibata haxaawwadhee yoo gaariidha jedhee yaade isa nan barreessa. Halkan tokko hanga bariitti taa’ee barreessaa buleen narraa gale."
Seenaa kana kan nuu qoodde shamarree dhukkuba sammuu 'OCD' jedhamu kanaan rakkataa turteefi maqaanshee akka hin dhahamne gaafattedha.
"Lubbuun jiraachuun koo na dhiba"
Shamarreen kuni dhukkuba sammuu biraa ‘bipolar disorder’ jedhamu kan takkaa gammachuu daangaa hin qabneefi deebisee immoo gadda keessa nama galchu otoo qabduuti dhukkubni inni kuni kan itti dabalame.
"Yeroo rakkisaan dabarsee ture, amma lubbuun jiraachuun koo na dhiba, hojii koo gadhiiseen ture. Gochaa kana ofiin to’achuu dadhabuun koo dhiphina keessa na galchee ture," jetti.
Namni na hubata jettee ijaa hin yaadneef dhimma kana maatisheettillee himtee akka hin beekne dubbatti.
Weerarri koronaa erga dhufee booda immoo dhukkubni sammuu 'OCD' jedhamu kuni haala jijjiirratee akka itti dhufe dubbatti, "balbala cufee bahee akka banaa tahetti sammuu kootti dhufa, wanti ibiddaa keessumaa gara sammuu kootti dhufuun na rakkisa, istoovii banaa dhiiseen deeme jedheen irra deddeebiin yaadni natti dhufa, yaadda'aan oola,'' jetti.
Haalli kuni dhukkuba akka tahe karaa TV odeeffannoo argatteen akka barte himti.
Ergasii yaalii argachuuf yeroon deemu yaada sitti dhufu, "sammuu kee callisiisi naan jedhu, otoon isa gochuu danda’a tahee maaliif yaalii argachuu deema," jetti.
Wal'aansi dhukkuba kanaaf kennamu gahaa akka hin taane kan himtu shamarreen kun, tahus gorsa ogeessarraa argatteen "yoon balbala banaa dhiisee deeme maaltu dhalata," jedhee yaada kana ofirraa dhaabuu yaalaa ture jetti.
Garuu dhumarratti gatiin hin dandeenyeef qoricha fudhachuun dirqama ture, "amma kadhataa fi qoricha naa kennameen fooyyee agarsiisaan jira," jetti.
Qorichi dhukkuba kanaaf kennamu immoo, "yeroo jalqaba fudhadhu natti hammeessee ture," al-lama caalaa geeddareera. Hakiimonni dhukkuba kanarratti gargaarsi sii kennan gahaa miti,'' jechuun komatti.
Amma itti furaa akka jiru kan himtu shamarreen kun, namuu mallattoo akkasii yoo arge akka dafee yaalii argatu gorsiti.
Hakiimni maal jedhu?
Qorannoowwan dhimma kanarrati taasifaman OCD'n gosoota dhukkuba sammuu nama umrii kamirra jiru irratti mula'chuu danda'uufi dhukubbicha maaltu akka fidu sirriitti hin beekamu jedhu.
Dr Yoonaas Baahirexibeb, Yunivarsiitii Finfinneetti damee barnoota yaalii sammuu keessatti barsiisaa yoo tahan, Hospitaal Xiqur Ambassaa keessatti immoo tajaajila wal’aansa dhukkuba sammuu kennu.
Dhukkuba kana yoo ibsan, ''yaada fedhii keenyaan ala irra deddeebiin gara sammuu keenyaatti dhufu tahuu danda’a ykn gocha tokko irra deddeebiin raawwachuuf barbaaduu, barbaaduu qofa osoo hin taane hojii irra oolchuu fa'i dabalata,'' jedhan.
Akka Dr Yoonaas jedhanitti yaadni kuni kan to’achuu dandeenyu ykn kan filannoo keenyaan gara sammuu keenyaa dhufu miti.
Kana malees yaadni gara sammuu keenyaatti dhufu kuni kan miira namatti hin tolle fiduufi akka feeteedhaan gara sammuu keenyaa kan dhufudha.
Namoonni ijoollummaa isaaniitti miidhamni xiin-sammus tahe qaamaa irra gahe, yeroo ga'eessa tahanitti dhibee kanaaf akka saaxilamu danda'anis himu.
"Namoonni tokko tokko yaada irra deddeebiin gara sammuu isaanii dhufu qofa qabaatu, kaan immoo fedhii jabaa gochaa tokko ammas ammas raawwachuu qabaatu," jedhan.
Sana raawwachuunis yeroo gabaabaaf waan boqonnaa argatan itti fakkaata jedhu.
Kanaaf akka fakkeenyaatti kan kaasanis, "namni tokko yaadasaatti harka keerra jarmiin jira ykn harki kee xurii qaba yaadni jedhu itti dhufuu danda’a, ittis deddeebi’a, kanaaf harkisaa qulqulluu akka tahe otoo beekuu guyyaatti al soddoma caalaa dhiqachuu danda’a."
"Dhiiga kee kessa HIV’n jira yaadni jedhu itti dhufa, dhukkubicha akka hin qabne qoratamee mirkaneessee otoo beekuu, yaadicha garuu addaan kutuu ykn dhaabuu hin danda’u," jedhan.
Dr Yoonaas dhukkubni sammuu 'OCD' jedhamu kun "otoo hojii hojjennuu gidduutti dhiisnee yaada kanaan akka qabamnu nu taasisuu danda'a," jedhan.
Dhukkubsattoonni, "yaada nuti hin barbaanne kan uumaa keenya arrabsu nutti dhufa, dhaabsisuu hin dandeenye jedhaniifaa wal’aansaaf dhufu," jechuun hakimtichi muuxannoo qabanirraa ibsu.
Haalli kuni yoom sadarkaa dhukkubaarra gaha?
Haalli kuni sadarkaa yaaliin isa barbaachisurra gahuu waan danda’uuf mallattoowwan isaa hubachuun barbaachisaadha jedhu Dr Yoonaas.
- Namni tokko yaadni akkasii guyyaatti sa’aatii tokko caalaa irra deddeebiin itti dhufa yoo taheef
- Gochaawwan kanneen akka harka irra deddeebiin dhiqachuu fa’i to’annoosaa ala yoo ta'eef
- Hojii guyyuu sababa kanaan raawwachuu dadhabuu ykn jeeqamuun yoo jiraate
- Hariiroon maatiifi hiriyyoota wajjiin qabu yoo jeeqame
- Dabalataan gochaafi yaadni kuni miira nagaa dhowwuufi gammachuu dhabuu itti fida taanaan namni suni dhukkubsachaa jira jechuudha jedhu.
Kanaan ala garuu namoonni haala kana akka amalaatti qofa qaban hojii isaanii of eeggannoon kan hojjetan tahuu malu jedhan.
"Ogeessonni herreegaa: akkaawuntaantii, odiitara tahaniifi amala waa irra deddeebiin mirkaneessuu qaban, shallagni tokkollee jala hin baatu," jedhan.
Paayilatii, mekaanikii fi gosa hojii of eeggannoo guddaa barbaadan irratti namni amala kana qabu gahumsa olaanaa agarsiisuu danda’u jedhaniiru.
Haalli kuni ofiisaan gara dhukkuba sammuu hamaatti geeddaramuu baatus, yaada sammuutti deddeebi’ee dhufuufi gochaa ammas ammas raawwannuun dhiphinaafi mukaa’uutti galuun jiraachuu mala jedhan Dr Yoonaas.
Namoonni haala ykn dhukkuba kana keessa jiran, jalqaba tajaajila gorsa ogeessa xiin-sammuu irraa argataniin yaada otoon hin barbaadiin gara sammuu isaaniitti dhufu mala itti to’achuu danda’an baratu jedhan.
Inni lammataa mala qalbii fi qaamni akka hiikamu taasisudha jedhan, ''fakkeenyaaf meditation (yaada ofii tasgabbiin qalbeeffachuu), sochii qaamaa, qaamni keenya akka hiikkatu taasisan dalaguufi qaama keenya dhidhiibsisuu (massage) gochuu fa’i.
Furmaatni inni dhumaa dhukkuba sammuu kana kan dhaabsisuu danda’u qoricha isaaf qophaa’e fudhachuudha.
Wal’aansi kuni hundi haala nama sanaafi sadarkaa dhukkubichaa irratti hundaa’uun dhukkubsataaf fayyina fiduu malu jedhan hakiimichi.