Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Rakkoo fayyaa sammuu miira faallaa lamaan nama miidhu-Bipolar Disorder
Illeenii Misgaanaaw osoo umriin ishee mana digdamaa hin galiin carraa barnoota biyya alaa argattee biyyaa baate.
Eessuma ishee Awurooppaa jirutu maatii keessaa nama tokko barsiisuuf jennnaan isheen filatamte.
Osoo qormaata biyyaalessaa kutaa saddeettaffaa hin fudhatiin eessuma ishee biyya Faransaay jiraatuufi waaqatti hin amanne(etheist) ta'e bira deemte.
Maatii amantaa rabbii cimsu keessaa bahuun, hawaasa afaan Firaans qofa dubbatuufi maatii waaqatti hin amanne keessa galuun ishee sammuu ishee ijoollummaa qabutti cime.
Booda dhukkubsattee hospitaala galte. Umriin ishee ganna 20 osoo hin guutiin Illeeniin rakkoo fayyaa sammuu 'Bipolar Disorder' jedhamuun qabamuun ishee beekame.
Ji'oota sadiif hospitaala turtee, booda harmeen ishee Finfinneedhaa dhaqanii fuudhanii biyyatti deebi'an.
Finfinneettis barnoota waggaa tokkoof adda kuttee, waldhaansa dhibee kanaa hordofaa baate.
''Yeroo sanitti carraa barnootaan biyya alaa deemuun akka lootariitti ilaalama waan tureef dhukkubsattuu sammuu ta'anii deebi'uun dhiibbaan isaa guddaa ture. Anaafis maatii kootiifis kufaatii guddaadha jedheen yaada ture,'' jetti.
''Hamma qorichi naa baratamuufi anis tasgabbaa'utti waggaa tokkoof barnoota irraa fagaadhe'' kan jettu Illeeniin, waggaa booda barnootatti deebitee qormaata biyyaalessaan milkooftee carraa Yunivarsiitii galuu argatte.
Yunivarsiitii keessattis bu'aa bayii hedduu argite.
Yeroo qormaatni gahu muddamni jiru dhukkuba ishee hammeessa, qorichi akka jijjiiramuufis sababa ta'a. Hirribni irraa baduunis akkasuma haala ishee hammeessa. Qoricha biraas barbaada.
Gorsa ogeeyyii fayyaan, deeggarsa maatiifi qorichaan digirii ishee jalqabaa xumurtee baankii keessatti qacaramatee hojii eegalte. Boodas fedha ishee kan ta'e Soshoolojii barattee hojii jijjiirratte.
'Bipolar Disorder' maali?
'Bipolar Disorder' namni miirota fallaa lama to'achuu gaafa dadhabuu rakkoo fayyaa mudatuudha. Miira gammachuu akkaa oliifi miira gadddaa fi mukaa'uu.
Nama miirota lamaan kana gidduutti rakkatu waldhaanuuf qorichootni miira sirreessan ni kennamu.
Illeeniinis miirota faallaa lama kana sirreessuuf makaa qorichoota fudhachaa akka ture himti.
Miirri inni gaddaa fi mukaa'uu amaloota akka socho'uufi hojjechuu dhabuu, humna dhabuufi hirriba guddaa, fedhii nyaataa dhabuu, wantoota hunda akka rakkisaafi hammaatti ilaaluu fa'aan ibsamaa.
Miirri inni fiixee biraarra jirummoo gammachuu akkaa olii(manic) dha. Namni rakkoo kana keessa galu ammoo humna qabaata, hirriba hin rafu, ilaalchi ofiif qabu akkaa ol dabala.
Illeeniin miira kana keessa yeroo galtu wanta itti dhagaahamaa ture yeroo himtu ''uumaa irraa akka ergamni natti kennameettiin of lakkaawa. Miira gammachuu akkaa oliitu natti dhagaahama. Nama wajjin dubbachuuf, mariyachuuf humnan qabaadha'' jetti.
Waan yeroo kaan hojjechuuf hamilee dhabdu tibba miira kana keessa jirtu hamilee akka argattu, maallaqa akka qisaasessitu dubbatti.
''Yeroo hunduma namaaf kennuu... takka gammachuu akkaa olii yeroo biraa ammoo sulula mukaa'uu keessan gala.''
Miira ishee kana sirreessuuf qorichoota kennamuufin alatti, gorsi ogeeyyii akka isheen tasgabbooftu gahee bahuu dubatti.
''Yeroon miira muk'aauu keessa galu sirreerraa bahuun jibba, wantan beekuun wallaala'' jechuun yeroo hedduu miirri kun akka ishee miidhu dubbatti.
'Miirota kunniin bareera'
Illeeniin dhibee kana waliin yeroo dheeraaf waan turteef mallattoolee kana dursitee akka beektu himti.
''Gara miira mukaa'uu akkaa olii galuuf yeroon jedhu hirriba akka malee nan baayyisa. Wantan yeroo kaan gochuu barbaaduuf miiran dhaba. Yeroo kana mukaa'uutt galuuf akkan jedhu nan hubadha'' jetti.
Maatiin ishees mallattoolee kana baruu dubbatti.
''Jijjiirraa miiraa yeroon ofirratti argu gara waldhaansa fayyaa deemuun qorichootni akka naa sirreessan godha. Gorsas naaf kennu'' jetti.
Inni faallaan ammoo ''yeroon hirriba gahaa argachuu dhabu. Sammuun koo hangaa ol yeroo si'aawu. Wantan yeroo fayyaa hin dubbanne dubbachuuf yeroon ija jabaadhu, qabiinsa maallaqaa irratti wantan kana dura hin goone yeroon godhu, dafeen gara mana yaalaa deema'' jetti.
Dhibeen kun hundaa ol of qajeelchuu gaafata jetti.
''Sababni isaas jireenya tasgabbii qabu jiraachuuf malli jireenyaa sirraa'uu qaba. Bakka gammachuun hedduu jiru ykn miira kana bakka dammaqsan turuu hin qabu.''
Wayita miira gammachuufi hamilee humnaa olii yeroo deemtu, hariiroo hawaasaa hir'isuu akka qabdu of qabchuu akka qabdu amanti.
Deeggarsa maatii
Dhibee kana irra to'achuuf deeggarsi maatii gahee guddaa qaba.
Illeeniin keessumaa erga gaa'ila ijaarrattee booda waggoota sadiif miirota faallaa kanaan akka hin miidhamne dubbatti.
Maatiin ishee mallattoolee kana dursanii waan beekaniif yaala akka argattu ishee yaadachiisu, qoricha fudhachaa jiraachuu ishee mirkaneessu.
''Miira turerraa waan addaa yeroo jiraatu nama alaatu irra hubata.''
Kophaa dubbachuun fa'a ni jiraata. Wantoota akka kanaa maatiitu hubata jetti.
Miira mukaa'uu yeroo ta'u garuu dhukkubsataadhumtuu ofirratti ni hubata jetti.
Namni dhubee kanaan miidhame dubbiirraa fagaatee nagaan akka jiraatu gochuun murteessaa ta'uus himti.
''Ani baayyeen fayyadame, ergan heerumee waggoota sadiif mallattoo maleen jiraadhe'' jetti.
Warra kaan deeggaruuf waldaa hundaa'e
Waggoota dheeraaf waldhaansa fayyaa sammuu hordofaa kan turte Illeenii Misgaanaaw, waldaa fayyadamtoota tajaajila fayyaa sammuu hundeessiteetti.
Waldaan isaanii kun miseensota dhaabbii tajaajila fayya kana hordofan qaba.
Maatiin dhukkubsattootaa ammoo miseensota kabajaa ta'u.
Miseensonni waldichaa guyyaa 15'tti yeroo tokko walarganii muuxannoo isaanii walii qoodu.
Mata-dureen marii isaani rakkoo qoricha waliin qaban, rakkoo maatii waliin qaban ykn rakkoo bakka hojii jiru ta'uu danda'a.
Muuxannoon nama rakkoo fayyaa kana irra aanees dhiyachuu danda'a. Saalfii malee dadhabina isaa qooda muudannoo isaa hima.
Illeeniin wantoota ogeyyii fayyaatti himuuf saalfii uumullee waldaa kana keessatti hunduu haala walfakkaataa keessa waan jiruuf ni dubbatama jetti.
Rakkoon guddaan namoota rakkoo fayyaa sammuu qabanii mudatu hawaasaa fi maatii irraa qollifannaa mudatu ta'uu himuun, kunis gara waldhaansa fayyaa deemuu rakkisaa taasisuu dubbatu.
Lakkoofsi namoota gara waldhaansa fayyaa bira darbee gara waldaa akkas isaanii dhufuu xiqqaa ta'uus himti.