Fayyaa sammuu: Dhibeen dhiphina sammuu maali, hangam yaaddessaadha?

Yoonaas (kan maqaan isaa gabaasa kanaaf jecha geeddarame) sababbii mukaa'uu akkaa olii ykn dhiphina sammuu (depression) hanga lubbuu ofii balleessuu yaaduutti gaheera.

''Waggaa lama dura ture kaniin Yunivarsiitiirraa eebbifame. Dafee akkan hojii argadhuufi maatii koo gargaaruu eegalu yaadaan ture. Haata'u malee ta'iiwwan ani hin eegne hedduun ta'an. Hojiis hin arganne. Vaayirasiin Koronaas karoora koo hedduu na jalaa balleesse,'' jedha.

Yoonaas suuta mukaa'uu jabaa keessa gale. Mana taa'uufi namaa wajjin wal-arguun isa jibbisiise.

''Maatiin koo yeroo hundumaa mana keessatti yeroo na argan 'maaliif hojii barbaadee ala hin oolu' jedhanii waan yaadan natti fakkaata. Hiriyyoonni koo hedduun hojii argachuun isaaniimmoo akkan mukaa'u na godhe'' jedha Yoonaas.

Yoonaasis ta'e maatiin isaa wanti isa mudachaa jiru mukaa'uu jabaa (depression) fi rakkoo fayyaa sammuu akka ta'e hin hubanne ture.

Mukaa'uun kun akkuma dhibeewwan qaamaa kaanii yeroo ta'u, nama kamuu irratti kan mudachuu danda'uufi yaala barbaachisu argannaanis fayyuu kan danda'uudha.

Dhibeen yoo yaala hin argatiin yeroo dheeraaf nama waliin turuu kan danda'u akkasumas dhiibbaawwan jabaa hedduu kan nama irraan gahuudha.

Dhaabbatni Fayyaa Addunyaa dhibeewwan yeroo hedduu nama waliin turuun dhiibbaa geessisan akka sukkaaraa waliin ramadee jira.

Keessumaa weerara Koronaa wajjiin walqabatee namootni miiliyoonaan lakkaawwaman dhibee kanaan dararaa hamaaf saaxilamuutu gabaafama.

Ka'umsi dhibee dhiphuu maali?

Yunivarsiitii Jimmaatti hakiima waldhaansa sirna sammuu kan ta'an Dr Eeliyaas Gabruu dhibeen kun sanyiin darbuu kan danda'u ta'uu himanii, isaan cinatti garuu sababootni hedduun dhibee kanaaf nama saaxiluu akka danda'an dubbatu.

''Nama jaalatan du'aan dhabuu wajjin walqabatee gaddi guddaa dhalatu, uumama qaama keenyaa dhibeewwan jeeqan, haleellaawwan saalaafi qaamaa, sababoota adda addaan hawaasa keessaa adda bahuun mukaa'uu akkaa oliif nama saaxilu.''

Hanqinni maallaqaa fi rakkoowwan hawaasummaa biroonis mukaa'uu akkaa oliif nama saaxiluu malu jedhu Dr Eeliyaas.

Addatti dubartoota irratti ammoo dahumsaan walqabatee dahuun dura yookan ammoo dahumsaan booda mukaa'uun ni mudata jedhu qorannooleen.

Qaama miidhamtootniifi maatiin isaaniis mukaa'uuf saaxilamuu akka malan dabalanii himaniiru.

Mallattoolee dhiphinaa (depression)

Dhibeen kun namaa namatti, saala, umriifi hawaasa keessa jiraatan irratti hundaa'uun gargar ta'us, waliigalatti garuu mallattooleen namoota hedduurratti mul'atan jiru.

Mallattoo har'a mul'atee bor badu osoo hin taane, dhabbatan kanneen mul'atan keessaa gadda jabaafi waan hundumaaf fedha dhabuun isaan ijoodha.

Mallattoolee kanaan dabalataan ganama yeroo hirribaa kaanu wantootni nu gammachiisan gammachuu nuu kennuu diduufi inummaayyuu nu jibbisiisuun mallattoo isa kan biraa ta'uu Dr Eeliyaas ni ibsu.

Dhiphina sababa gahaa hin qabne, miira duwwaa ta'uu, irra deddeebiin of ceepha'uu, nama waayee hin baafnedha jedhanii yaaduu, abdii kutuu, namni na gargaaru hin jiru jedhanii yaaduu, dadhabbii guddaafi humna dhabuu, yeroon hirribaa jeeqamuu, hojiifi dhimmoota dhuunfaarratti xiyyeeffannoo dhabuu akkasumas fedha nyaataa dhabuun mallattoolee ijoodha.

Yoonaas gama isaan yeroo mukaa'uun isa jalqabu mallattoolee agarsiisaa ture keessaa ''yeroo jalqabaa hirriiba hedduun rafa ture. Haati koo sireerraa akkan ka'uufi manaa akkan gadi bahu natti himti ture. Ani garuu xiqqoo mukaa'eeera, bahuu hin barbaadu deebii jedhun kenna ture,'' jedha.

Hirriba baayyisuu mallattoo jalqabaa kan godhate jeeqamuun fayyaa sammuu Yoonaas, suuta suuta gara hirriba dhabuutti geeddarame. Guyyaa guutuu ala oolee dadhabus galgala hirriba argachuun isa rakkise. Fedhii nyaataa sababa dhabeefis ulfaatinni qaama isaas hir'isuu eegale.

''Namootni yeroo na argan ni nahu. Maal taateetu huuqqatte naan jedhu. Dhibeen na qabatee itti fakkaata. Isa keessakoo jiru namnuu naa hin beeku ture. Kaan hafee anuu waanan ta'e hin beeku ture.''

Dr Eeliyaas akka jedhanitti hawaasa keessa ilaalcha dogoggoraa keessumaa fayyaa sammuurra jiru gad-aanaa waan ta'eef mukaa'uu isa idilee fi mukaa'uu akkaa olii adda baasun rakkisaadha jedhu.

''Rakkoo kana keessa namootni jiran yeroo kaaniin addatti mukaa'eera yeroo jedhanii himatan salphaatti fudhannee darbuu hin qabnu. Deggarsaa fi waldhaansa barbaachisu akka argatan jajjabeessuu qabna. Ta'uu baannaan namootni kun yeroo keessa of gatanii of ajjeesuus danda'u.''

Dhibee dhiphachuu Itoophiyaa keessatti

Dr. Eeliyaas akka jedhanitti dhimma fayyaa sammuurratti hojii olaanaa hojjechuun ni barbaachisa. Qo'annoo gahaan godhamuu dhabuu fi hubannaa gad-aanaan hawaasa bira jiru rakkinicha yaaddessaa godha jedhu.

''Qorannoolee gahaadha jedhamaniifi mirkannatti ragaan himuun danda'amu hin hojjetamne. Fakkeenyaaf barattoota Yunivarsiitii adda addaarratti qorannoo godhameen dhibbeentaa 7-20 kan ta'an rakkoo fayyaa sammuu akka qaban ni akeeku.''

Haata'u malee kunniin haala waliigalaa barattootaas ta'e qabatama biyyaa dhibee kanaan walqabatu hin agarsiisu jedhu Dr Eeliyaas.

Hawaasa Itoophiyaa waayee fayyaa sammuu barsiisuun ''rakkoo gara fuula duraatti nu mudachuu danda'uuf furmaata ta'a'' jedhu.

Namni mukaa'uun rakkatu fi namootni naannoo isaa jiran rakkinicha sirriitti adda baasuu hanga hin dandeenyetti yaala barbaachisu argachuun hin danda'amu. Yoonaasiinis kan mudate kanuma.

Miseensi maatii isaas ta'e hiriyyoonni isaa fayyaan sammuu isaa jeeqamee akka ta'e hin tilmaamne. Yoonaas dhibee isaa caalatti nama hubatuuf dhabuutu ji'oota hedduuf isa miidhe.

Haata'u malee yeroo tokko karaa hiriyyaa isaa namni biraan argate haalonni akka jijjiiraman sababa ta'eera.

''Haala koo ilaalee 'mucaa nana ati garuu sirrii miti' naan jedhe. Maali yeroon jedhuun 'nama mukuu keessa galte fakkaatta, maaliif ogeessa hin dubbiftu?' yeroo naan jedhu baayyeen nahe ture. Akkamiin akkas naan jetta jedhee aareen biraa deeme. Maraatteetta waan naan jedhe natti fakkaate ture.''

Yonaas waan guyyaa dhagahe halkan yaadaan deddeebisaa bule. Ganama ka'ee bilbila isaatiin Intarneeta banee mallattoon inni agarsiisu maal ta'uu akka danda'u sakatta'uu jalqabe. Guutummaattis ta'uu baatu miidhamaa dhibee mukuu ta'uu hubate.

Ta'uus ogeessa fayyaa sammuu dubbisuuf hamilee hin arganne. Maatii isaattis hin himne.

Akka Dr Eeliyaas jedhanitti dhibeen mukuu kun sadarkaa adda addaa qaba.

''Namootni mallattoo dhibee mukaa'uu yeroo argan maatiin 'hin harbeessiin, salphisii ilaali, hedduu hin yaaddessu' kan jedhu yoo ta'e dhibeen kun yeroo dheeraaf turuu danda'a. Dhibeen kun yaala barbaachisu osoo hin argatiin hammuma tureen ammoo akkuma dhibee isa kaanii miidhamni dhukkubsataarra gahu dabalaa yaalli isaas ulfaachaa adeema.''

Dhibee mukaa'uu jabaaf kanneen akkaan saaxilamooda jedhaman keessa namootni umriin isaanii soddomoota keessa jiru, keessumaa dubartootni kan dirqiin gudeeduun irra gahe, haleellaawwan dhiibbaa xiinsammuu jabaa hordofsiisu irra gahe, kanneen qaxanaa waraanaa jiraatan ni argamu.

Dhibee mukaa'uu jabaafi waldhaansa isaa

Yoonaas ogeessa bira deemuuf hamilee dhabus hanga danda'een haalota sirreessuuf yaalaa jira. Sochii qaamaa ni hojjeta, nyaata isaas hordofee soorachuu jalqabeera.

''Mukaa'uun na qabateera jedhee hakiima bira yoon deeme maatiin koo maaltu akka isaanitti dhagaahamuu danda'u hin beeku. Haati koo keessumaa baayyee waan na jaalattuuf 'mucaan koo ni maraate' jettee waan dhiphattu natti fakkaata. Rakkoo koo baruun mataan isaatiin wantootni baayyeen akka fooyya'an godheera. Kanaaf hangan danda'e haalota hordofuu jalqabeera.''

Dr Eeliyaas dhibeen mukaa'uu akkuma dhibee isa kaanii waldhaansa mataa isaa qaba jedhu.

''Qorichi isaa dhiibbee hin malle akka qabuufi dhibee hammaateef qofa fudhatamuu akka qabu hedduun ni yaadu. Kun dogoggora guddaadha. Qoricha osoo hin fudhatiin haala jireenyaa jijjiiruun nan fayya jedhanii kan yaadan jiru. Waldhaansi garuu baayyee murteessaadha,'' jedhu.

Dhibeen kun yoo hammaate gidduugala waldhaansaa galanii siree qabachuun yeroo dheeraaf waldhaanamuu, kanneen sadarkaa jabaarra hin geenyemmoo qorichaafi gorsa xiinsammuu deddeebi'aa fudhachuun waldhaansa akka argatan akka godhamu dabalanii himaniiru.