Xiyyaara ‘sammuu dubbisu’ hojjechuuf UK, Xaaliyaaniifi Jappaan wal-ta'an

Ministirri Muummee Yunaayitid Kingidam (UK) Riish Sunaak biyyi isaanii xiyyaara hubannoo nam-tolchee [Artiifishaal Intelijens] (AI) fayyadamu baayyee ammayya'aa ta’e hojjechuuf Xaaliyaaniifi Jappaan waliin qindoomina uumuu ibsan.

UK'n gurmaa’ina kana keessa galuun ishee lammileen biyyattiif carraa hojii uumuun alatti tumsa nageenyaa biyyoota sadan gidduu jiru jabeessa jedhameera.

Jeettiin waraanaa sammuu namaa dubbisa jedhame biyyoonni sadan kunneen waliin hojjechuuf jiran kun walakkaa bara 2030 irraa kaasee tajaajila kennuu jalqaba jedhameera.

Jeettiin waraanaa Teempast jedhamu kun jeettiiwwan Taayifuun jedhaman yeroo ammaa kana tajaajila kennaa jiran bakka bu’uudhaan misaa’eloota ammayaa akka Suuppar-soonik jedhaman hidhachuu danda’a jedhameera.

Jeettiiwwan ammayyaa kun fiichariiwwan (filannoowwan) dabalataa qabaachuu danda’u keessaa tokko paayilatoonni hojiin yoo itti baayyate ykn waan isaan muddu keessa yoo galan filannoo kennuufiif kan isa dandeessisu hubannoon nam-tolchee itti tolfameeraaf.

Gara fuula duraattis sirna jeettii waraanaa irratti fooyya’insa taasisuun barbaachifnaan appilikeeshinii interneeta irraa buusanii akkuma bilbila irratti salphaa ta’a jedhameera.

Teekinooloojii baayyee walxaxataafi cimaa ta’e kana milkeessuuf maallaqa guddaa kan gaafatu waan ta’eef biyyoonni kunneen waloomuuf murteessan.

Jeettii waraanaaa kana hojjechuu keessatti waloomuuf filatan.

Ijaarsa jeettii waraanaa kana irratti dhaabbanni Mistibuushii warra Jappaan kan hirmaatu yoo ta’u, kampaaniiwwan gurguddoo akka Boeing ta’aniif motora kan dhiyeessu Roolis-Rooyis ammoo Teempast Jeettiif motora hojjechuudhaaf itti-gaafatama fudhateera.

Dhaabbanni Faransaay, UK fi Xaaliyaan MBDA jedhamu meeshaa waraanaa omishu gama isaatiin misaa’eloota Jeettii irratti hidhaman dhiyeessa.

Biyyoonni biroos pirojektii kanatti makamuu danda’u. Faransaay, Jarman fi Ispeen dizaayina kan ofii isaanii hojjechaa kan jiran yoo ta’u, Ameerikaan ammoo qofaa jeettii waraanaa ammayyaa kan mataa ishee gabbifataa jirti.

Yunaayitid Kingdam ijaarsa jeettii waraanaa ammayyaa kana keessatti hirmaattuu ta’uun ishee nageenya ishee mirkaneessuun olitti carraa hojii hedduu uumuufi meeshaa waraanaa biyyoota alaatti erguudhaan diinagdee biyyattii keessatti gahee guddaa bahachuu danda’a.

Ministirri Muummee Riish Sunaak qindoomina biyyoota kanneen har’a ifa taasisu jedhamee eegamaa kan jiru yoo ta’u, bulchiisni isaanii nageenya Yunaayitid Kingdamiif xiyyeeffannoo guddaa kan kennu ta’uu dubbataniiru.

Yunaayitid Kingidamiifi michoonni ishee, yaaddoon nageenyaa tekinooloojii walxaxaa ta’een deeggarame nu mudachuu danda’a jechuun, yaaddoo sana hir’isuuf bu’aawwan tekinooloojii akka Teempar ni barbaachisu jedhaniiru.