Google bara 2022 keessa jechoota baayyee googil godhaman tarreesse

Bara 2022’tti Google irratti jechoonni/wantoonni hedduu barbaadaman maal turan kan jedhu ifa taasifameera.

Jechootii Google irraa barbadaman: Wordle, Yukireen fi Joo Deep warra duroodha

Gabaasi kun addunyaa irratti jechootni baayyee barbaadaman, namootni waa’ii maalii baruu barbaadu kan jedhu irratti odeeffannoo kenneerra – kanneen ijoo armaan gaditti ka’amaniiru.

Wordle fi Kiriikeet

Taphi jecha irratti hundaa’eefi marsariitii irratti taphatamu injiinara sooftiweeri Welshii Joosh Waardil jedhamuun uumamee hiriyyaa isaaf kennaa turee, bara 2022’tti jecha Google irratti hedduu barbaadamedha.

Wordle Onkololeesa 2021’tti yeroo uumame irraa eegalee beekkamti argatee kan ture yoo ta’u, caalaatti feedhiin tapha kana kan mul’ate yeroo Amajjii 31, 2022 irratti dhaabbtai The New York Times yerootapha kana bitatudha. 

Dhimmoota barbaadaman keessaa Yuukireen fi du’a Giiftii Elzaabet II dursuun lammaffaa kan ta;e sagantaa ispoortiidha.

Kunis Waancaa addunyaa Kiriikeetii T20, tapha walakkaa xumuraa kirikeetii Indiyaa fi Ingilaand jidduutti Sadaasa 10 irratti gaggeeffamedha.

Taphini biraan Indiyaa fi Afrikaa Kibbaa gidduutti gaggeeffames kanneen barbaadaman gurguddoo shaman keessa ture.

Dhimma Oduu

Weerarrii Raashiyaan Yukireen irratti taasifte, dhimmoota oduu barbaadame keessaa isa dursaa ture.

Yaaddoon tatamsa’ina dhibee monkeypox, dhimmoota oduu barbaadaman gurguddoo shaman keessaa tokko ture. Covid-19 garuu dhimmoota oduu hedduu barbaadaman dursoo kudhan keessa hin seenne.

Qoccollaa namoota beekamo gidduu

Dhaddachii fi qoccollaan taatota filmii beekamoo bara 2022’tti wantoota namootni hedduun Google irratti barbaadan keessaa isa guddaa ture.

Joonii Deep haadha manaa isaa durii Amber Heerdi mana murtiitti erga himatee booda, nama maqaan isaa hedduu barbaadame ture. 

Isatti aanuun namni maqaan isaa barbaadame Wiil Ismiiz yoo ta’u, innis erga sagantaa Oskaar irratti keessummeessaa Kiriis Rookiin erga kabalee boodadha. Ambar Heerdi fi Rook ammo kanneen barbaadaman dursoo shan keessatti argamu. 

Fiilmooti gootota addaa (Superhero) ammallee dursoodha

Bara 2022 keessa fiilmiiwwan superhero qeeqa keessa turaniiru, sababiin isaas barana gabaa filmootaa waan hin dursineefii oggeessota fiilmii akka Maartin Iskorseesii fi Quqeentiin Tarantiinoon waan qeeqamaniifidha.

Ta’us garuu filmooti Thor: Love and Thunder fi Black Adam jedhaman fiilmoota Google irratti barbaadaman dursoodha.

Beekkamtii Pasoorii

Waltajjii Google “hum to search” jedhamu kan teeknolojii sirba tokko adda baasuu fayyadamu irratti, kani baayyee barbaadame sirba Pasoorii jedhamu kan weellistoota Paakistaanii Shee Giil fi Alii Seetiin barreeffameedha.

Sirbi kun beekkamti kan argate erga fiilmii Miss Marvel jedhamu irratti erga dhaga’amee booda yoo ta’u, sirba baandii beekkamoo Kooriyaa Kibbaa BTS, Butter jedhamu dursuu danda’eera.

Qophii TV dargaggootaa

Damee TV dargaggootaa jalatti fiilmiin Euphoria jedhamu beekkamtii guddaa argachuun, fiilmii baayyaa barbaadame ta’eera.

Isatti aanuun fiilmiin miidiyaa HBO’n qophaa’e House of Dragon jedhamu fiilmii barbaadame isa lammaffaa ta’eera.

Ta’us fiilmiin miidiyaa Amazon qophaa’ee beekkamtii argatee tureefii kan gatii guddaa baasisee ture, Lord of the Rings: The Rings of Power filmoota hedduu barbaadaman dursoo 10 keessa hin seenne.