Afrikaa Kibbaatti balaa ibiddaa gamoo baqattootni keessa jiraatan mudateen namootni 73 ol du'an

Balaa abiddaa Afrikaa Kibbaa magaalaa Johaanisbargitti mudateen yoo xiqqaate namootni 73 du’uu qondaalonni mootummaa biyyattii himan.

Namoota dabalataa 52 tahan irra miidhaan qaamaa gaheera.

Balaan abiddaa kun gamoo mana jireenyaa gidduugala magaalaa Johaanisbargitti argamu keessatti ka’e.

Ka’umsi balaa kanaa maal akka tahe hin baramne jedhan qondaalonni mootummaa biyyichaa.

Dubbii himaan Tajaajila Yeroo Balaa, Rooberti Mulaadzi, hojjettootni balaa abiddaa jiraattota garii baraaruu himan.

Abiddi kun gamookana barbadeessuun namootni gamoo sana keessa jiranii fi miidhaman ammayyuu barbaadamaa jiraachuu himan.

Darbii darbii irra deemuun reeffa namoota du’anii barbaadaa jirra jedhan.

Rooberti Mulaadzii X kan kana dur Tiwiiterii jedhamuun beekamu irratti akka maxxansanitti konkolaataan abidda dhaamsu fi anbulaansiin mul’ata.

Foddaa gubatanis ni mul’atu. Reeffi namoota du’anii uffataan maramee gamoo gubate sana cinaa nam’ee mul’ata.

Gamoon kun gidduugala biizinesii jedhamuun Johaanisbargi keessatti kan argamu keessatti argama.

Gamoo kun qubannaa al-idileef ooluu qondaalli kun himaniiru.

Namootni balaa abiddaa kanaan dhuman hedduun isaanii godaantota biyya biraa irraa magaalicha galan akka tahes himaniiru.

Balaa hamaan abiddaa akka kanaa biyyattii keessatti yoo mudatu kun waggoota 22 keessatti kan jalqabaati jedhan qondaalli Afrikaa Kibbaa.

Gamoon abiddaan gubate kun qabeenyummaan isaa kan bulchiinsa magaalaa Johaanisbargidha.

Naannoo balaan itti dhaqabe kana baay'inaan kan jiraatu godaantota biyyoota Afrikaa adda addaati jette gabaastuun BBC Afrikaa Kibbaa Noomsaa Maseekoo.

Uummata biyyattii miliyoona 60 tahu keessaa 2.9 kan tahan godaantota biyya biraa irraa galanidha jedha ragaan mootummaa biyyattii.

Garuu godaantotni osoo hin galmaa'iin biyyicha jiraataan hedduu waan tahaniif ragaan kun kana caaluu mala.

Ragaan UN bara 2020 akka agarsiisutti godoontotni Zimbaabuwee Afrikaa Kibbaa jiraatan godaantota afur keessaa tokko tahu.

Moozaambik, Lesootoo, Malaawwii fi Baha Afrikaa irraas Somaaliyaa irraa godaantota hedduutu biyyicha jiraata.