Balaan ibidda bosonaa biyyoota Awurooppaa raasaa jira

Haalli qilleensaa akka malee ho’uu irraa kan ka’e biyyoota Awurooppaa keessatti abiddi saafaa akka malee babal’ataa jira jedhame.

Faransaayitti balaan abiddaa babal’achuu hordofee lammiilen kumaatamaan lakkaa’aman qe’ee isaanii irraa baqataa jiru.

Ispeen qofaa keessatti bakkeewwan 20 olitti balaan mudatee to’achuun hin danda’amne.

Giriiki fi Poortugaal keessatti lafti heektaara kumaatama hedduu gubatee jira.

Ispeenitti tikseen bakkee osoo jiruu balaa abiddaa kanaan gubateera. Tajaajilli ittisa balaa abidaa biyyattii akka jedhetti, namoonni manaa akka hin baanef akeekkachiisa kennamee ture quba hin qabu.

Dilbata Adoolessa 17 jaarsi waggaa 62 bulchiinsa Zamooraa keessatti balaadhuma wal fakkatadhaan lubbuu dhabaniiru.

Har’a ganama irraa kaasee daandiin baaburaa saffisaan Maadiriidi fi kaaba Galasiyaa wal qunnamsiisu addaan citee jira.

Akkasumas, naannoo kaaba baha Kaatalooniyaattis abiddi babal’ataa jira jedhame.

Poorchugaalitti labsiin of eeggannoo labsame 

Poorchugaalitti ho’inni haala qilleensaa xiqqoo fooyya’us qilleensi gogaan jiraachuu irraa kan ka’e bosonni heektaara 40,000 oli abiddaan barbadaa’ee jira.

Biiroon meetiroolojii Poorchugaal akka jedhetti, sababa ho’i cimaan mudateef tokko sadaffaan biyyattii balaa abiddaaf kan saaxilamedha.

Guyyaa Wiixataa kana qofa, hojjattoota ittisa balaa abiddaa 1,400 olitu bobba’ee jira jedhame. Guyyaa tokko qofatti biyyattii keessa balaan abiddaa kun bakkeewwan 44tti uumamee jira.

Biyyattii keessatti bakkeewwan bosonni jiruu fi adeemun dhorkamee jirutti ammayyuu labsiin akeekkachiisaa itti fufee jira.

Labsii kana guyyaa Kibxataa mootummaan keessa deebi’ee fooyyessuu danda’a jedhamee eegama.

Bara 2017tti balaa abiddaa wal fakkaatun lubbuun namoota 66 darbee ture.

Akka yeroo sanaatti lubbuun namaa akka hin baanef dursi hojii hatattamaa fi namoota nagaa eeguudhaaf akka kennamuuf hojjattoonni dursanii akka qophaa’an jedhameera.

Adoolessa 8-16, 2022 qofaatti yoo xiqqaate namoonni 659 sababa hoo’atiin du’uu akka hin oolle tilmaamni Ministeera Fayyaa biyyattii ni ibsa.

Namoota du’an kana keessaa baay’een isaanii namoota dulloomani jedhame.