Balaa ibiddaa Filidaalfiyaan daa’imman saddeet dabalatee namootni 12 du’an

US magaala Filidaalfiyaatti balaa ibiddaa gamoo jireenyaa keessatti ka’een namootni 12 du’anii, hedduun ammoo madaa’aniiru.

Namoota du’an keessaa 8 daa’imman ta’uu isaanii, Dhabbati Ittisa Ibiddaa Filidaalfiyaa, gaazexeessitootatti himeera.

Ibiddi kun gamoo jireenyaa kanatti kan eegale akka saa’aatii biyyatti naannoo sa’aatii 12:00tti ture.

Itti aanaan komishineera Ittisa Ibiddaa, Kireeg Marfii akka gazexeessitootatti himanitti, kun balaa ibiddaa inni argee beeku keessaa isa hamaadha.

“Wareegamni lubbuu kunneenii akkanumaan akka hin taane mirkaneessuuf hojjachuuf karoorfanneera,” jechuun Roobii dubbataniiru.

Dabaluunis jiraattonni gamoo kanaa saddeet ibidda kana jalaa miliquu danda’aniiru.

Yeroo ibiddi kun eegalee gamoo darbii sadii kana keessa namootni 26 jiru turani jedhamee yaadama.

Gamoon kun abbaan qabeenyummaa isaa Abbaa Taayitaa Manneenii Filidaalfiyaa mootummaan deeggaramuu yoo ta’u, bara 1950’n keessa seeraan gara appaartimantii lamatti qodaameera.

Anga’oonni akka jedhanitti yeroo qorannoon dhumaa gamoo kana bara 2020 keessatti gaggeeffame, meeshaan ibidda jiraachuu addaa baasun akeekkachiisa kennu afur sirritti hojjachaa ture, ta’us garuu yeroo balaan ibiddaa kun uumametti tokkoonsaayyu akeekkachisa hin kennine.

Obbo Marfiin akka gaazexeessitootatti himanitti, ammatti abbootiin taayitaa maddi ibidda kanaa hin baramne jedhanitti, lubbuun namaa waan badeef qorannoon cimaa ni gaggeeffama.

Ibsa miidiyaaleef kennan iratti bulchaan magaalitti Jiim Keenii, “Kun shakkii malee seenaa magaalaa Keenya keessatti guyyaa isa hamaadha, karaa hamaa akkanaan namoota hedduu dhabneerra.” Jedhaniiru.

“Daa’imman hedduu dhabuun baayyee nama gaddisiisa,” jedhan.