Namichi gamoo paarlaamaa Afrikaa Kibbaa gubuun shakkame to'atame

Paarlaamaan Afrikaa Kibbaa erga abiddaan gubatee booda namni balaa abiddaa kana uumuudhaan shakkame tokko to'annoo jala oolfame.

Dubbi himaan poolisii biyyattii Brigadier Nomthandazo Mbambo shakkamaan kun itti yaadee balaa abiddaa qaqqabsiisuu, mana cabsuu fi hanna raawwachuun kan himatamuuf jiruudha, Kibxata boruus mana murtiitti dhiyaata jedhan.

Hojjettoonni ittisa balaa abiddaa abidda kana dhaamsuuf sa'atii hedduu ifaajan.

Pireezidantiin Afrikaa Kibbaa Siiriil Raamaapoosaa ''taateen kun akkaan jibbisiisaa fi gaddisiisaadha,'' jedhan, garuu hojiin paarlaamaa gonkumaa adda hin citu jedhan.

Abiddi Dilbata kaleessaa gamoo paarlaamaa biyyattiitti qabate kun yeroo dheeraa kan ture yoo ta'u, laboonii fi aarri achirraa ka'aa tures fageenyatti kan mul'ataa turee fi naannoos jeeqaa kan turedha.

Yeroo ammaa sababa ayyaana waggaatiin paarlaamaan biyyattii hojiirra hin jiru, kanaaf namni miidhame hin turre.

Paarlaamaa biyyattii ibsa Dilbata kaleessaa baaseen kutaaleen gamoo paarlaamaa haaraan akkaan miidhamuu ibsee, keessattuu iddoon warri seera baasan taa'an barbadaa'eera jedhe.

Waajjiraaleenis hojiin ala ta'uu ibse.

Balaan abiddaa kun walakkeessaa guyyaarratti akkuma awwaalchi phaaphaasii gameessa Deezmond Tuutuu raawwatameen kan qaqqabedha.

Aab Raamaapoosaan wayita gamoo balaa abiddaan barbadaa'e daawwatanitti taateen kun rifaasisaa ta'uu himanii, keessattuu battala gaggeessaa Deezmond Tuutuutti ta'uunsaa baayyee nama gaddisiisa jedhan.

Sirni meeshaalee ittisa balaa abiddaa kan gamochaa yeroof hojjechuu hin dandeenye kan jedhan pireezidantichi, tattaaffii hojjettoota ittisa balaa abiddaa akkaan ajaayibsiifataniiru.

Gamoon paarlaamaa Afrikaa Kibbaa ijaarsi isaa kutaa saditti qoodamee jira, inni dulloomaan bara 1884 keessa kan ijaarameedha.

Kanneen haaraan ammoo bara 1920 fi 1980oota keessa ijaaraman.

Dimokiraasii keenyatu manca'e jechuun daran gadduusaanii kan ibsan Pireezidant Raamaapoosaan, garuu sababa balaa kanaa hojiin paarlaamaa battala tokkoofillee dhaabbachuu hin qabu jedhan.

Kantiibaan magaalaa Keep Taawon Geordin Hill-Lewis galmi guddichi magaalattii yeroof bakka miseensonni paarlaamaa itti walga'an akka ta'u ibsan.

Paarlaamaan Afrikaa Kibbaa bara kana keessa qofa yeroo lammaffaaf balaa abiddaan miidhamuusaati.

Bitootessa 2021 rakkoo sirna elektirikiin balaa mudateen abiddi gamochatti qabatee ture.

Kana malees bara darbe balaan abiddaa mana kitaabaa magaalaa Keep Taawon keessatti argamu kan hambaalee Afrikaa hedduu of keessaa qabu barbadeessee ture.