Haati Afrikaa Kibbaa al-takkaatti daa'imman 10 deesse, addunyaanis ajab! jedhe

Dubartiin Afrikaa Kibbaa al-tokkootti daa'imman 10 deesse - kunis addunyaarra riikardii haaraa tahee galmaa'uu mala.

Dubartiin maqaanshee Gosiame Thamara Sithole jedhamtu kun daa'imman hanganaa da'uunshee erga dhagahamee booda dubbii ijoo miidiyaalee ta'eera.

Abbaan warraashee ijoollee kurnan dhalatan kanaan daran ajaa'ibsiifachuu himee, wayita garaatti baattu qorannoon saddeet qofa agarsiise jedhe.

''Ijoollee dhiiraa torbaafi dubra sadiidha. Guddoon gammade. Miira keessan jira hedduu dubbachuu hin danda'u,'' jechuun abbaan warraashee Teboho Tsotetsi miidiyaa biyyattii Pretoria News'tti Wiixata galgala himeera [Afaan Ingiliizitti si geessa].

Dubartii ganna 37 ka taate Sithooleen amma dura lakkuu deesseetti - ijoolleen kun amma gannisaanii jaha taheera.

Haati kun ulfa torban 29n booda wal'aansa baqaqsanii ulfa baasuu 'caesarean section' jedhamuun magaalaa Piriitooriyaatti erga deesse booda fayyaa gaariirra akka jirtu himameera.

Qondaalli Afrikaa Kibbaa tokkos taateen kun dhuguma kan raawwatedha jechuun BBCf wayita mirkaneessan, qondaalli biraa ammoo haga ammaa ijoollee dhalatan kana ijaan akka hinagarre himan.

Rikardii addunyaa kan galmeessu dhaabbanni 'Guinness World Records' dhimmicha qorachaa akka jiru BBCtti himeera.

Wayita ammaa rekoordii Guiness al-takkaatti daa'imman hedduu dhalatanii lubbuun jiran jedhu qabattee kan jirtu haadha Ameerikaa wayita taatu, ijoollee saddeet godhatte.

Ji'a dabre keessa dubartiin Maalii ganna 25 Haliimaa Siisee daa'imman sagal al takkaatti kan deesse oggaa tahu, Morokootti fayyaa guutuu keessa jiru jedhameera.

Ulfi daa'imman lakkoofsa hedduu qaban yeroo baay'ee lubbuun hin dhalatani ykn hin dandamatan jetti rippoortarri fayyaa BBC Africa Rhoda Odhiambo.

Dhalli daa'immannii sadii ol yeroo baay'ee kan barame miti. Yeroo baay'ees wayita lameen yaala dhala godhachuu wajjin walqabatan erga godhan booda kan mudatu tahus, haatifi abbaan kun uumamaan arganne jedhan.

Kadhannaafi halkan hirriiba malee

Aadde Sitholeen ji'a tokkoon dura Pretoria News'tti wayita dubbattetti, ulfichi ''gara jalqabaarra itti cimuu'' himuun, nagaan akka oofkaltuuf kadhachuushee dubbatte. Halkan hedduus maaltu dhufa jechuu yaadda'uullee himte.

''Gadameessi akkamiin isaa baata? Kanarraa hafuu?'' jettee of gaafachaa turte. Doktaroonni garuu gadameessishee waliin guddachaa akka dhufeefi dhiphachuu akka hinqabne itti himan.

Haati kun daa'imman saddeet garaatti akka baattu kan baramee ture oggaa tahu, saddeet keessaa lama ''bakka hin malletti argamu'' jechuun himanii turan.

''[Rakkoon kunis] furameera, anis ergasii nagaakoon jira. Ijoolleekoo arguuf hawweera,'' jechuun gaazeexaa kanatti wayita sanatti himtee turte.

Abbaan warraashees haalaan akka qiliixame wayita sana kan dubbatte oggaa tahu ''Ijoollee Waaqaa filataman keessaa tokko akka tahe natti dhagahama. Dinqii baayyee itti gammadedha,'' jechuun himee ture.