Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Lammii Itoophiyaa hojii isaa dhiisee simbirroo gaadee suuraa kaasu
Asiraat Ayyaaloo suuraa kaasa. Inumaa kanneen Tiwiitara gubbaa isa beekan ‘isa simbira suuraa kaasu san’ maqaa jedhuun isa beeku. Maqaa kana daa’immantu baaseef.
Ga’eessi ganna 42 kuni suuraa kaasuun ogummaa keessa ture miti. Soshiyolojiin eebbifamee dalagaa ture. Hireen jireenyaa garuu waan biraatti isa qajeelchite.
Garuu duruu bosona jaalata. Yunivarsitiidhaa bahee galii jalqaba argateen kaameraa ittiin suuraa kaasan bite. Garuu ittiinan jiraadha jedhee hin yaadne.
Waggoota saddeet dura haadha warraa isaa waliin gara Kaaba Itoophiyaa magaalaa Baahirdaaritti yeroo imalee waa taajjabe.
Haroo Xaanaa, finca’aa laga Abbayyaa suuraa kaase, viidiyoos waraabe. Magaalaa Baahirdaar ‘maaliif dhoksani?’ jedhee yaade. Kana caalaa beekamu qabdi yaada jedhu horate.
Kanatti magaalattii, simbirroota, fi kaan suuraa kaasuun maxxansuu eegale. Simbira kana dura argee hin beekne fa’i arguu dubbata.
Waa’ee simbirrootaa hubachuuf kitaaba barsiisaan Yunivarsitiin Baahirdaar qopheessan tokko argate. Suuraan simbirroota kitaabicharra jiran garuu ‘hin bareedan’ jedhee hubate.
Achii suuraa kaasuu jalqabe. ‘’Waggaa lamas haa ta’u sadii haa fudhatu simbirroota naannawa magaalaa Baahirdaar jiran kaasuuf murteesse.''
Miilaanis bishkilitiinis imaluun suuraa kaasa. Kitaaba maqaa simbirroo, amala isaanii, haala jireenyaafi kaan of keessaa qabu qopheessee xumuraa akka jirus BBC‘tti hime.
Hanga yoonaa suuraa simbirroota 265 kaaseera. Hojiin tasa itti seene keessumaa waggoota lamaan darban jabeeffate. Simbirroota suuraa kaasuun hojii idilee isaa ta’e.
Hojii miindaa qabu dhiisanii simbirroo kaasaa ooluun waan laayyoo hin turre. Jalqabarratti isa rakkisee ture.
Amma garuu suuraa gurguraa galii argatuu eegaleera. ‘’Galii guddaas ta’u baatu ittiin of bulchita,’’ jedha.
Guddinni isaa Gojjamidha. Abbaan isaa barsiisaafi daarektara mana barumsaa turan. Maatiin isaa waggoota sadis, afur keessattis bakka jireenyaa jijjiiru turan.
Suuraa meeqa dhamahe kaase Tiwiitara (kan amma X jedhame) gubbaa dhooba.
Bara waan hunduu maallaqa gaafatutti suuraa guyyuu tola miidiyaa hawaasummaa gubbaa maxxansuu garuu maaliif filate?
‘’Ani waanan suuraa kaaseef malee badhaasni uumamaa hundumaaf kan kennamedha. Suuraa baay’een jaaladheen filee qooda. Hunduu argee osoo gammadee anaanis na gammachiisa,’’ jedha.
Suuraan, amalli simbirroota isa gammachiisa. Suuraa bareedaa gaafa kaase ‘’gammachuu kiyya ibsuun rakkadha,’’ jedha.
Hojichi garu salphaa miti. Guyyuu ganamaan ka’uu, yeroo dheeraaf eeguu, deddeebi’us gaafata. Obsa cimaa barbaada.
Osoo simbira eegu
Simbirroon akka namaa dhaabattee yeroo namni suuraa ka’u hin eegdu. Sababa kanaaf Asiraat guyyaa meeqa fa’i obsee suuraa isaan kaasa?
Suuraa simbira takka kaasuuf ji’a sadiif obsee eegee beeka. Kunis simbira Afaan Ingiliziin African fish eagle jedhamu kaasuufi.
Hojiin ijoo lafa oolaniifi waqtii isaan dhufan baruudha. Simbirroota lafa jiidhaa, dirree, qarqara bishaanii, goodaafi bosona keessaafi bakka kaan warra jaalatan adda baafata.
Kuni qofti garuu gahaa miri. Gara caalu suuraa bareedaa kaasuun ‘‘carraadha‘‘ jedha.
Suuraan simbirroo yeroo hedduu eegee kaases, osoo hin eegin tasa arge kaases jiru. ‘’Waggoota lamaaf barbaadee suuraa bareedaa hanga yoonaa kan isaan hin kaasin jiru.’’
Fakkeenyaaf simbira ‘Irkum’ jedhamu ijoollummaa isaatti argaa ture yeroo tokko buufata xiyyaaraa Baahirdaaritti argus irra deddeebi’e barbaadus dhabuu dubbata.
Simbira akkuma arganiin suuraa kaasuun ni rakkisa. Itti siquu, ‘’yeroo dheeraaf of barsiisuun barbaachisa. Hanguma yeroo dheeraaf si argan sitti dhihaatu,’’ jedha.
Namoota adda baasanii akka baranis dubbata. Simbirroonni jalqaba isa baqatan gaafa itti deddeebi’u isaan baru.
'Hawaasa kaameraa sodaatu'
Suuraa kaasuun Itoophiyaa keessatti hammana hojii baratame miti. Innis kana bareeti hojii kanatti kan seene.
Jalqabarra hojii kanatti seenuu orma miti maatii isaas amansiisuun isa rakkisee ture. Amma garuu namoonni jabaadhu ittiin jedhan danuudha.
Yeroo tokko hattuun kaameraa ittiin suuraa kaasu duraa hatan. Kaameraa harkaa osoo baasuuf harkisuu duraa cabe.
‘’Osoon hojii kana hojjedhe nan gammada ture. Maallaqa kaameraa biraa ittiin bitu waan hin qabneef itti fufuu hin danda’u,’’ jedhee miidiyaa hawaasummaa gubbaa katabe.
Deebii kana hin eegne ture. Namoonni si bira dhaabbanna, si gargaarra ittiin jedhan turan.
Nami tokkoos, ‘’ijoolleen kiyya waa’ee simbirrootaa akka beekanii guddatan waan gootuf hojii kana akka dhaabdu hin fedhu,‘‘ isa ittiin jedhan hin dagatu.
Erga suuraa qooduu eegalteeti ‘maqaa keetti muka gubbaa simbira ilaaluu jalqabne‘ kan isa jedhaniis jiru.
Keessumaa baadiyyaa keessa yeroo naanna’e suuraa kaasu ijoolleen ‘namichi simbira suuraa kaasu dhufe‘ isa jedhu.
Bakka biraa turee yeroo deebi’u ‘’yeroo darbe simbirroon suni si jalaa miliqe‘‘ isa jedhu.
Garuu waan hundi salphaa ta’e miti. Itoophiyaa keessa namni kaameraa sodaata. ‘’Sababiin isaa naaf galee hin beeku,’’ jedha.
Waardiyyoonni nama suuraa kaasu ofirraa lolu. Dallaa gubbaa ‘suuraa kaasuun dhorkaadha’ ergaawwan jedhan maxxanfamanii arguun waan haaraa miti.
‘’Ummata kaameraa hanga meeshaa waraanaa sodaatudha. Magaalaa keessammoo ittuu caala. Poolisii qofa miti kara deemaanis ni gaafata,’’ jechuun hima.
Yeroo tokko sababuma kanaan walqabatee daqiiqaa 40’f to’annoo poolisii jala oolee beeka.
Yeroo tokko magaalaa Baahirdaar dallaa riqicha Abbayyaaf dhagaan itti caccabu keessa bishkilitiin darbaa ture. Achii simbira kana dura argee hin beekne arge.
‘’Simbira argeeni. ‘Suuraa kaasuu,’ jettee hanga gaafattutti simbirri sin eegu. Achii dura suuraa kaasee booda ittan hima jedhee murteesse.
‘’Garuu waardiyyoonni tasa na amanuu hin dandeenye. Suuraa kaasuu akkamiin ‘hojii kiyya’ jettee joorta.
‘’Waan biraaf akka dahootti itti dhimma biraaf itti bahaa jirta malee,’’ naan jedhan jedha Asiraat.
Magaalaan ala garuu bilisummaan suuraa kaasa.
Wanta isa yaaddessan
Qabeenyi uumamaa yoo eegame simbirroonnis nagaan jiraatu.
Simbirroota suuraa kaase keessaa saddeetii hanga kudhan kan ta’an kan gosti isaanii bal’inaan hin mul’annedha.
Simbirri ‘sekiretarii bard’ jedhamtu kan dura mul’atan amma garuu baay’inaan argaa hin jirree keessaa tokko akka ta’an hima.
Kanaafis sababa kan ta’an keessaa muraasni hanqina soorataa, faalama naannoo, qonni babal’achuufi cirama bosonaati.
‘’Yoo kanaan itti fufe tasa isaan ilaaluu dhabuu dandeenya,’’ jechuun yaadda’a.
Yeroon hojii kana eegalu haala amma jiran galmeessee kaa’uuf murteessuu isaa hima.
Simbirroo inni jaalatu
Bifa isaaniin dabalata Asiraat amala isaaniin gosti simbirroo inni jaalatu baay’eedha. Keessumaa bifi isaanii ‘’uumama akkamiiti?’’ isa jechisiisa.
Qilleensa keessa kallattii osoo hin jijjiirin koochoo isaanii raasaa bishaan keessaa qurxummii kanneen adamsan kanneen jaalatu keessaati.
Kaan immoo godoo sanyii isaanii hin taane keessa seenanii kanneen hanqaaqanidha.
Simbirroon biroo hanqaaquu isaanii keessaa cuucii yaasee guddisaaf. Kuni baay’uma isa dhiba.