Allaattii nama lubbuu isa baraare firoomfate

Allaattii nama lubbuu isa baraare firoomfate

Waggaa tokko dura, lammiin Hindii Ariif jedhamu naannoo Kaaba biyyattiitti allattii ‘Sarus crane’ jedhamu arge.

Yeroo ammaa allaattiin kuni hiriyyaa jabaa nama kanaati.

Viidiyoon isaanii Hindii keessa hedduu qoodame. Ariif allaattii miidhamee lafa ciisu wal’aanee fayyise.

Eega fayyee booda allaattiin kuni bosonatti deebi’a jedhee yaadee ture. Garuu allaattiin kuni fagaachuu hin barbaanne.

‘’Takka takka ni balali’a, garuu gaafa aduun lixxu yeroo hunda manatti deebi’a. Hiriyyummaan bilisummaa keessa dagaaga,’’ jedha Ariif.