'Iji kan ittiin argan malee kan ittiin yaadan miti' - ogeessa suuraa qaro-dhabeessa

Ogeeyyiin suuraa wayita suuraa kaasan ija isaaniin ilaalanii battala mijataa ta'etti fayyadamuun waan baramedha.

Kan ogeessa suuraa qaro-dhabeessa ta'ee, Abduu Sa'id garuu kanarra adda.

Abduun battala suuraan mishaan itti kaafamuu danda'u ijaan argee osoo hin taane dhageettii gurrasaatiin murteessa.

Abduun ijoollummasaatti qaroo ijasaa dhabuu malee, sababa maaliin akka dhabe sirriitti hin beeku.

Garuu suraawwan kana isatu kaase jedhanii amanuuf gaaffii namatti ta'an hedduu kaaseera.

Ogeessi suuraa qaro-dhabeessi kun eenyu?

Magaalaa Finfinneetti kan dhalate Abduun miidhaan ijasaarra kan ga'e daa'ima waggaa lamaa ta'eeti.

Yeroo booda garuu guutummaatti ijasaa dhabe.

Mana barumsaa qaro-dhabeeyyii magaalaa Sabbataatti argamutti kan barate Abduun, hanga kutaa 10ffaatti qaroosaa guutummaatti dhabutti suuraawwan duraan argaa ture sammuusaa keessatti hafuu dubbata.

Abduun barnoota hoog-barruun yuuniversitii Finfinnee irraa eebbifame.

Kutaa magaalaa Qirqoos keessatti rippoortara ta'uun kan qaxarame Abduun, haalli hojiisaa ogummaa kaameeraatti akka seenu haala mijeesseef.

Meeshaan ittiin suuraa kaasan, kaameeraan, namoota ijaan arganiif kan hojjetame ta'ullee, inni garuu waan ija bakka bu'uuf mala dhahuu akka jalqabe hima.

''Hunda caalaa kan an itti fayyadamu gurra kiyya,'' jedha Abduun.

Deebii namoonni gaaffiisaaf kennanirra haalaa fi miira isaanii hubachuun, battala suuraa fudhachuuf mijataa ta'etti akka kaasu hima.

''Waan kaasuu barbaadu jalqaba qaqqabeen hojjaasaa adda baasa. Yoo gamoo ta'e darbii meeqa akka qabu gaafadheen dheerinasaa tilmaama. Nama yoo ta'e ammoo ergan waliin dubbadhee fi gaaffilee gaafadheen booda miirasaa gara koo deebiseen kaasa.''

Haalaa fi miira namoota suuraa ka'anii gurraan dhaggeeffatee akka hubatus ni hima Abduun.

Haata'u malee sagalee namootaa qixa sirrii ta'een hubatee suuraa bareedaa kaasuuf yeroon itti qoramu akka jiru hima.

Fakkeenyaaf walga'ii galma keessatti gaggeeffamu irratti nama dubbatu sagaleedhaan baree adda baasee kaasuuf akka rakkatu ibsa Abduun.

Namni dubbatu sun eessa akka jiru sirriitti adda baasee nama sana suuraa kaasuuf akka isa dhibu himeera.

Haala akkasii keessattis mala malatee keessa darbuu kan beeku Abduun, waan guyyaa tokko isa mudate akkanaan ibsa.

''Namoonni waltajjiirra jiran qaro-dhabeessa ta'uukoo hin beekan. Suuraa kaasuun qaba jedheen callisee seene. Sagaleen bitaa fi mirgaan waan ba'uuf kan waltajjiirraa dubbatu eessa akka jiru sirriitti hubachuu hin dandeenye. Namni na cinaa jiruun sagalee guddistuu sana altakkaa cufii banin jedheen. Battala sanatti namni dubbatu eessa akka jirun bare.''

''Suuraa kaafame hirmaattonni arganii amanuu hin dandeenye. Fuullee ijaa ofirraa baaseen itti agarsiise,'' jedhe.

Waa'ee suuraa Abduu namoonni maal jedhu?

Abduun hanga yoonaa suuraawwan meeqa akka kaase sirriitti beekuu baatus, biirootti, naannawa isaa fi hojiif yoo ba'u suuraawwan hedduu kaasuu hima.

Haala mijataa argannaan suuraa inuma kaasa. Yeroo jalqabaaf suuraa waahila hojii isaa kaasuu hima.

Suuraan inni jalqaba kaase daran akka namoota ajaayibee fi namoonnillee nama qaro-dhabeessaan kaafamuusaa amanuun akka itti ulfaate hime.

Inumaa namoonni hedduun ''ati sobdeeti malee ni argita'' yaada jedhu naaf kennaa turan jedha.

Yeroo tokko tokko namoonni akka malee wayita hojiikoo raajeffatan, ''Mee fuullee ijaa (manatsarii) kee baasii nutti agarsiisi hanga jechuutti ga'u,'' jedha Abduun.

Ministirri Geejjibaa Daagmaawiit Mogas wayita Hooggansa Biiroo Kominikeeshinii magaalaa Finfinneerra turanitti, wayitasaan biiroo inni keessaa hojjetu daawwatan Abduun suuraa kaasee ture.

Isaanis suuraa inni kaase akka ajaayibsiifatanii fi akka isa jajjabeessanii turan hima.

Suuraa kanaaf bakka addaa qabaachuu kan himu Abduun, sababni ammoo namoota biroo fi qondaala mootummaa akkanaa carraa argateen kaasuun tokko akka hin taane hima.

Dandeettiin Abduu suuraa kaasuu qofa miti, eelee fi meeshaalee elektirikii kaan ni supha.

Meeshaalee suphus bakka rakkoon jiru harkaan qaqqabuun akka adda baasu hima.

''Agarsiisa suuraa qopheessuuf yaadan qaba''

Suuraawwan Abduun kaase walitti qabamuun agarsiisaaf dhiyaachuuf karoorri jira.

Qabeenyi uumamaarraa hanga qondaaltota mootummaatti suuraawwan kaafaman kanneen agarsiisaaf dhiyaachuuf turaniidha.

Abduun akka jedhutti sagantaan agarsiisaa kanaan dura qabamee turus sababa weerara koronaavaayirasii osoo hin milkaa'in hafe.

Karoorichi ammallee akkuma qabametti jira jedha.

Abduun yeroo ammaa karoora kana milkeessuuf hanqinni meeshaa (kaameeraa) gufuu itti ta'us garuu waan guddaa yaadee jiraachuu hima.

Abduun gara fuulduraatti istuudiyoo suuraa fi giddu-gala leenjii suuraa hundeessuun namoota akkasaa qaro-dhabeeyyii ta'an, garuu dandeettii qaban gargaaruuf karoora akka qabus ibseera.

Namoonni qaro-dhabeeyyii ta'an waan barbaadan ta'uu akka danda'an agarsiisuuf akka ifaaju hima Abdiin.

Haalli yoo mijateef suuraa kaasuurra darbee viidiyoo waraabuu akka eegalus himeera.

Kana gochuufis wanti isa dhibu akka hin jirre kan himu Abduun, ''iji kan ittiin argan malee kan ittiin yaadan miti,'' jedha.

Dargaggeessi umrii wagga 33 Abduun abbaa ijoollee lamaati.