Waancaa Addunyaa 2022: Miira TikTok deeggartoota miiliyoonaaf fide

Been Bilaak

Madda suuraa, TIKTOK/BENBLACKFOOTBAL

Mana barnoota qubeessuu Bukaayoo Saakaa irraa hanga xinxala gareefi tilmaama gooliitti, miidiyaan hawaasummaa keenya qabiyyee Waancaa Addunyaa Qataar hedduu qaba.

Hashtaagi #FifaWorldCup jalatti viidiyoowwan jiran erga dorgommiin eegalee as si’a biiliyoona 12 ol daawwatamuu isaanii, gabaasi TikTok ni ibsa. 

Gareewwan Ingilizii fi Faransaay lamaanuu hordoftoota miiliyoona tokkoo ol argataniiru.

Fuula garee qofas miti kan guddachaa jiru.

Been Bilaak dorgommii keessumeessitootaan qophaa’ee erga injifatee boda tapha hanga ammaatti Qataar keessa turan hunda ilaalee, mudannoo isaa hunda TikTok irratti qoodaa ture.

Dargaggeessi umurii ganna 24 kun gammachuu fi gadda Wancaa Addunyaa taphoota hanga ammaatti jiranii hunda dawwattoota miiliyoona 170 ol waliin daawwateera.

“Gaafa yaadduu lakkoofsa baayyee guddaadha. Jaallattoota kubbaa miillaa hedduu Waancaan Addunyaa maal akka fakkaatu itti agarsiisa, kun ammoo baayyee cimaadha jedheen yaada,” jechuun BBC’ti himeera.

Aliis Abraaams

Madda suuraa, TIKTOK/ALICEABRAHAMS

Aliis Abrahaams tapha hunda viidiyoo xiinxala isheen waliin mana ishee Esseeksi ta’uun hordofaa jirti.

“Haalaa gaarii fi tolaa ta’edha. Waancaa Addunyaa isa kana isa kan Raashiyaa caalaan jaallachaan jira,” jetti shamarreen umuriin ganna 22 kun.

 ‘Nuti wal kabajna’

Juuniyeer Pereeyiraa, umurii ganna 19, viidiyoo shubbisa isaan hordoftoota miiliyoona lamaa argateera, ta’us garuu lakkoofsi kun akka dhibbaa irratti hin uumneef ni yaala.

“ Waan ‘viidiyoo eenyutu hanga tokko foyya’aadha?Eenyutu deeggartoota fi daawwannaa irra caalaa qaba?’ kan jedhu irratti dorgommii xiqqaatu jira. Ta’us garuu dhuma irratti hundi keenyayyu waan walfakkaata gochuuf yaalaa jirra, wal kabajnas,” jedha.

“Waa’ee yaada viidiyoo waliif qoodna, milka’anii waliifis ni gammadana.”

Juuniyeer

Madda suuraa, TIKTOK/LILJR_LTD

Ta’us garuu akkuma kubbaa miillaa, TikTok irrattis wanti hundi akka karooratti hin deemu.

“Yeroo Jaappaan fi Kosta Rikaan tapha sadarkaa irratti Ispeen fi Jarmanii morkatan ture. Viidiyoo TikTok waraabuuf qophaa’aan ture kanaaf nan gammade – sana booda Ispeen ni injifatte,” jetti Aliis.

Juuniyeer dabaluun “ namootni qabiyyee TikTok uuman hundi sakandii 60 walfakkaataa keessatti – ishoo viidiyoo hojjennu argannee miira jedhu keessa turan jedheen yaada!”

Yeroon tasaa akkanaa hedduun Beeniifis Qataar keessatti uumamaniiru.

Tapha Biraazil fi Kameeruun irratti uffata Biraazil uffatee deeme.

“Yeroon barcumakoo bira ga’u, deeggartoota Kaameruun qofan arge. Ana qofaatu uffata Biraazil uffatee ture ta’us garuu deeggartoonni Kaameruun na simataniiru.”

“Daqiiqaa 90 guutuuf siirriimmatti bashannanaa turre.”

Viidiyootni TikTok isaa tasumaan “waa’ee taphichaa osoo hin taane” turtii bal’aa kana keessatti “muddannoowwan adda addaa” ta’ani.

Been Bilaak

Madda suuraa, TIKTOK/BENBLACKFOOTBALL

TikTok irratti waan tolaa Waancaa Addunyaa kanaa agarsiisuun, qeeqa mirga namooma dorgommii Kanaan walqabatee jiru kan faallessudha.

Aliis Waancaa Addunyaa kana ilaaluu kan eegalte ilaalcha “danuu badaa” ta’een akka ture ni amanti. 

Qataar hariiroo jalalaa korniyaa wal fakkataa dhorkuu ishee fi akkataa hojjetota biyyoota biruu itti kunuunsitu irratti qeeqama turteetti.

“Ta’us garuu yeroon namoota akka Been Qataar keessatti istaadiyeemotaa fi miira jiru waraaba jiran nan arga,” jetti.