Waancaa Addunyaa eenyu akka mo’atu tilmaamuuf wantoota gargaaran

Madda suuraa, Getty Images
Waancaa Addunyaa 2022 Qaataar qopheessaa jirtu biyya kamitu fudhata?
Kun gaaffii namoota hedduuti.
Namoonni tokko tokko xiinxala ispoortii hordofanii eenyu akka fudhatu tilmaamuu yaalu.
Namoonni kaan ammoo ‘mallattoo agarsiiftuu’ barbaadu.
Abdii isaanii ‘tolcha’ [Asmaat] irra kanneen godhataniifi hubannoo nam-tolchee /Artiifishaal Intelijensii (AI) gargaaramanis jiru.
Bu’aa kubbaa miilaa tilmaamuun dhugaadhumatti salphaa miti.
Ta’us tilmaama sababa irratti hundaa’e kennuun ammoo baayyachaa jira.
Warri eenyu akka mo’atu tilmaamuun [Qumaara] ykn Tirgaatiin maallaqa qabsiisanii nyaatan heddummaataa jiranis kanumaafidha.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Dhaabbileen maallaqaa moodeelii gara fuula duraa tilmaamu qopheessanis, bu’aan kubbaa haala hin eegamneen jijjiiramuun isaa yeroo isaan kasaarsu mul’ateera.
‘Humna Tolchaa/Toshaa [Asmaatii] fayyadamuun waan gara fuula duraa tilmaamuu akka danda’an warri amanan, bu’aa kubbaa tilmaamuuf yeroo yaalan ni jira.
Fakkeenyaaf, Atoos Salamoon warra Biraazil haa fudhannu.
Weerarri Koronaavaayirasii akka ka’uufi Raashiyaan Yukireeniin akka weerartu dursee akka bare dubbata.
Tarii Waancaa Addunyaa eenyu akka mo’atus ni raaga.
Kubbaan taphattoonni, leenjistoonniifi gaazexeessitoonni walitti qabamanii mariyachuudhaan kan mo’atu tilmaamu.
Yeroo hedduu ammoo tilmaamni isaanii dogongora ta’a.
Waancaan Addunyaa qophii guddaa haalaan eegamudha.
Waancaan Addunyaa 2022 Qaataar keessatti gaggeeffamaa jiru daawwattoota biliyoona shan akka qabu FIFAN beeksiseera.
Yunaayitid Kingdam (UK) keessatti xiinxalaan dinagdee Piroofeesar Roobert Saayiman, “namoonni keessumaa maallaqa kan argatan yoo ta’e Tirgaatti [Qumaaratti] ni gammadu,” jedha.
Waancaa Addunyaa tilmaamuuf rakkisaa ta’us, daawwattoonni garuu ‘Qumaara’ qabsiifachuu irraa duubatti hin deebiyan.
Fakkeenyaaf, Sa’ud Arabiyaa Arjentiinaatiin, Jappaan ammoo Jarmaniin ni mo’atu jedhanii tilmaamuun rakkisaa ture.
Walumaagalatti tooftaawwan ajaa’iboo Waancaa Addunyaa kan mo’atu tilmaamuudhaaf daawwattoonni gargaaraman akka itti aanutti dhiyeessineerra.
Tilmaama Kompiitaraa
Shallagni kompiitaraafi Artiifishaal Intelejensii fayyadamuun abbaa Waancaa Addunyaa mo’atu tilmaamuuf yaalamuutti jira.
Dhaabbanni Yunaayitid Kingidam (UK) Alleen Teriing jedhamu warra qorannoo taasisan keessatti argama.
Saayintistoonni taphoota Waancaa Addunyaa 64 fayyadamuudhaan shallaggiiwwan kompiitaraa 100,00 hojjetaniiru.
Kanaaf kan gargaaraman ammoo bu‘aawwan darbanidha.
Tilmaamni sadarkaa tokkoffaa kan kennameef kan si’a shan injifatte Biraaziliifidha.
Itti aansuudhaan Beeljiyeemiifi si’a lama kan mo’atan Arjentiinaafi Firaans wancaadhaaf eegamu jedhee ture.
Haata’u malee, Beeljiyeem dorgommii ramaddiirra darbuuyyu hin dandeenye.
Dhaabbatichi shallaga kompiitaraan deeggarame kaa’us, “Tilmaama keenya hordofee namni kamiyyu ‘Qumaara’ akka hin qabsiifne, sababiin isaa ammoo kubbaa tilmaamuun rakkisaadha,” jechuun akeekkachiiseera.
Kanaan dura dhaabbileen Goldman Saachis, UBAS, ING jedhaman tilmaama Waancaa Addunyaa lama taasisaniin tilmaamni isaanii osoo hin milkaa’iin hafeera.
Landanitti kan argamu Libiiriyam Kaappitaal Waancaa Addunyaa kan bara 2014 fi 2018 eenyu akka mo’atu tilmaamuu danda’eera. Haata’u malee, tilmaama guutummaan guutuutti amansiisaa ta’e kennuun hin danda’mu jedhee amana.
Dhaabbanni Kileement jedhamu akka jedhutti, gareen tokko carraan mo’achuu isaa harka dhibba keessaa 45 tilmaamuun danda’amullee 55 ammoo carraa kilabishaarratti kan hundaa’e ta’a.

Madda suuraa, Getty Images
Bineensa ‘Toshituu/Falfaltuu [Xonqaayii]
Bineensonni Falfaltuu/Asmaatenyaa ta’an eenyu Waancaa Addunyaa akka mo’atu tilmaamuu danda’an himamuuf jiru.
Paandaawwan [lubbu qabeettii simbira fakkaattu garaa jala adii taate], gaalawwan fi gosa qurxummii Oktopas jedhamu ni eeramu.
Pool Ze Oktoopas’ jedhamuun qurxummiin beekamu erga eenyu Waancaa Addunyaa akka mo’atu sirriitti tilmaamee as Waancaa Addunyaa warra mo’atan biros sirriitti tilmaama jedhamee yaadama.
Qurxummiin kun saanduuqa alaabaa biyyoota lamaanii qabuti dhiyaataaf. Saanduuqawwan lamaanuu keessa ammoo nyaatatu taa’aaf.
Biyya alaabaa ni mo’ata jedhu dibame keessa seena.
Yaalii si’a 14 taasisee si’a 12 tilmaamni qurxummichaa sirrii ta’eera.
Qurxummiin kun yeroo ammaa lubbuun hin jiru.
Saayintistoonni akka jedhanitti, qurxummiin kun kubbaa miilaa eenyu akka mo’atu kan ittiin beeku humna ‘Falfaluu’ ykn [Asmaatii] hin qabu. Qurxummiin uumama isaa keessatti wanta suuraawwan sarara dalgee qaban caalaa kan sarara qajeelaa qabu filatu.
Filannoowwan alaabaa dhiyaataniif keessaa warra sara qajeelaa/qixaa ta’e kan filateefis kanaafidha.
[Qumaara] ykn Tirgaa
Saayintistoonni qumaara hin jajjabeessan.
Piroofeesar Saayimasns akka jedhanitti, tilmaama sababii irratti gargaaramuun ogeessonni (bookmakers) 'Qumaara' qabsiisan filannoo foyyaa'aa qabu.
Ogeessonni kunneen tilmaamni isaanii sirri ta'uu yoo baate maallaqa waan kaffalaniif , tilmaama sirrii ta'e kennuudhaaf carraaqqii guddaa aasisu.
Gareewwan akka mo'atan tilmaamni kennameef mo'achuus, mo'amuus ni danda'u. Haata'u malee, tilmaamni sababa irratti hundaa'e carraa mo'achuu jiru akka ol ka'u taasisa jedhamee amanama.
Waancaan Addunyaa bara 1930 Yuraagaayiin erga jalqabamee asitti wantonni hedduun jijjiiramaniiru.
Baroota darban keessa biyyoota dorgommiif dhiyaatan 79 keessaa kan mo'atan saddet qofaadha.
Biraazil (si'a shan), Xaaliyaaniif Jarman (si'a afur) Faransaay, Yuraagaay fi Arjentiinaa (si'a lama), akkasumas Ispeen (si'a takkaa) mo'atan.
Erga bara 1978 as waancaa kan hin argatiiniifi biyyoonni Tapha marsaa dhumaatti kan makaman sadiidha.
Biyyoonni ardii ofii isaaniin ala deemanii Waancaa Mo'atan Biraazil, Jarman fi Ispeenidha.
Biyyi Afrikaa hanga dhumaatti deeme garuu hin jiru. Eeshiyaa irraa xumura walakkaa kan qaqqabdee beektu Kooriyaa Kibbaa qofadha.
Erga bara 1982 as Jirman irraa ykn Xaaliyaan keessaa Waancaa Addunyaa taphataan tokko irratti hin hirmaatiin hin jiru. Kanaafidha Waancaa Addunyaa irratti kan maqaan Baayer Muniik fi Inter Miilaan irra deddeebiin kan ka'uuf.Waancaa Addunyaa Qaataar irratti Baayer Muniik taphattoota 17 hiriirsiseera. Inter Miilaan ammoo taphattoota ja'a qaba.
Egaa Waancaa Addunyaa bara 2022 Qaataar qpheessite kana eenyutu fudhataa?












