Keeniyaatti Ambaasaddarri Rumaniyaa Afrikaanota 'jaldeessatti fakkeessuun' arrabsan biyyatti waamaman

Dippiloomatoonni qeeqa dhiyaatetti rifachuu kaasan

Madda suuraa, AFP

Keeniyaatti Ambaasaddarri Rumaniyaa Diragos Taayigahu Afrikaanota jaldeesa waliin wal madaalsisuu hordofee, Rumaniyaan dhiifama gaafachuun ambaasaaddaricha ammoo gara biyyaatti waamte.

Obbo Taayigahu qeeqa kana kan dhiyeesse yaa’ii gamoo Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii magaalaa Naayiroobiitti argamu keessatti Ebla 26, 2023 taa’amerratti.

Akka AFP’n gabaasetti, Obbo Taayigahun’’Yeroon jaldeeyyii foddaarra alatti arge kanatti gartuuwwan Afrikaa nutti dabalamaniiru,’’ jedhe.

Obbo Taayigahu qeeqa dhiyeesse sana Kamisa darbe hawaasatti jalqaba kan himan qondaala Ministeera Dhimma Alaa Keeniyaa Kamaahu Machaariyaati.

Obbo Machaariyaan toora tiwitaraa gubbaatti ‘’suukanna’eera, fudhatama kan hin qabnedha,’’jechuun amala Obbo Taayigahu dhoksuuf yaalamee ture jedhan.

Dippilomaatonni Afrikaa Jimaata darbe kana dhiifamni dhuunfan gaafatame gahaa akka hin taane eeruun, hawaasa ifatti dhiifamni akka gaafatamu barbaanna jechuusaanii gaazexaan Keeniyaa Istaandard jedhamu gabaase.

Rumaaniyaan taatee kun mudachuu torban kana qofa akka itti himamee Sanbata darbe ibsuun, amma ''hojimaata Ambaasaaddara ishee gara biyyaatti deebisu'' jalqabuu beeksiste.

Ibsi Ministeera dhimma Alaa Rumaaniyaa irraa bahe, ''taatee kanatti baay'ee gaddine, namoota arrabsaman hunda dhiifama gaafanna,'' jedha.

Itti dabaluudhaanis, “Amaloonni ykn qeeqni jibba sanyummaa qabu kamiyyuu guutummaatti fudhatama hin qabu” jechuun, taateen kun walitti dhufeenya biyyoota Afrikaa waliin qabnurratti dhiibbaa akka hin geessisne abdanna jedhe.

Rumaaniyaan irra caalaa karaa Gamtaa Awurooppaatiin biyyoota Afrikaa waliin kan hojjettu yoo ta’u, biyyoota akka Masrii fi kannee biroo waliin waliigaltee daldalaa qabdi.

Mootummaan Keeniyaa murtoo Rumaniyaan Obbo Tigahuu gara biyyaatti waamte ilaalchisuun yaada hin kennine.

Miidiyaaleen Rumaniyaa amala Obbo Taayigahu qeequun, biyyattiin arrabsoo dippilomaanni ishee dhiyeessanitti qaana’uun kun isa jalqabaa akka hin turre ibsite.

Bara 2014 Armeeniyaatti Ambaasaaddarri Rumaaniyaa waa'ee hoggantoota Yihudootaatti qoosaa ture tokko qoosaa jibba Jiwishoota dhiyeessuu fi hariiroo saala-walfakkaatorratti gaaffii kaasuun dhiyeessuun ni yaadatama.