LaaLiigaan arrabsoo sanyummaa callisee ilaalaa jira jedhe Vinishiyees Juuniyeer

Vinishiyees Juuniyeer

Madda suuraa, Getty Images

Laa Liigaan Ispeen arrabsoo sanyummaa irratti ''waawuu gochuu dhiisee'' callisee ilaalaa jira jechuun jifataan Riyaal Maadriid Vinishiyees Juuniyeer komate.

Taphataan lammii Biraaziil kun Jimaata darbe tapha Riyaal Maadriid Riiyaal Vaalaadooliin 2-0 injifate irratti gurraachummaa isaa bu'ureffachuun arrabsamuu hin oolle.

Fulbaanaa darbe ammoo kilabni Atileetikoo Maadriid deeggartootni isaa Vinishiyeesiin arrabsuu isaanii balaaleffatee ture.

''Warri jibba sanyummaa qaban tapha ilaaluuf hinuma seenu, dhiyaatanii kilaboota gurguddoo addunyaa daawwatu Laa Liigaan [garuu] itti dhiisee ilaalaa jira'' jedha taphataan kuni.

Dargaggeessi ganna 22 kun ''boquu koo ol qabadhee nan adeema. Injifannoo koofi kan Riyaal Maadriid nan leellisa. Dhumarratti garuu badiin kan koo ta'a'' jedheera.

Dubbii himaan Laa Liigaa Ispeen haasaan jibbinsaa ''liigicha keessatti bakka hin qabu'' jechuun dubbataniiru.

Laaligaan mudannoo Jimaata darbee qorachaa akka jiruufi qaamolee badii qaban akka himatus dubbii himaan kun ibsaniiru.

Laa Liigaan viidiyoo taphicha irratti waraabamee miidiyaa hawaasummaa gubbaatti gadhiifame tokko argee qorataa jira.

Viidiyoo san gubbaatti Juuniyeeriin kan gurraachummaa isaatiin arrabsu nama tokko malee garee akka hin taaneefi namni sun adeemsa amma dura baratameen akka gaafatamus qaamni liigicha bulchu ibseera.

Viniishiyees arrabsoo enyummaa isaa irratti xiyyeefateen yeroo miidhamu kun kan jalqabaa miti.

Onkololeessa bara 2021'tti Laa Liigaan Ispeen arrabsoo taphataa kanarratti raawwatamu waajjira Abbaa Alangaaf gabaasee ture.

Ji'a kana ammoo abbootiin alangaa biyyattii arrabsoo sanyummaa deeggartootni Atileetikoo raawwataniiru jedhame qoratanii qaama hirmaate adda baasuun hin danda'amne jechuun dhimmicha cufaniiru.