Arsenal qabxii torbaan dursuun gabatee Piriimiyerliigii gubbaa turuu bara haaraatti mirkaneeffate

Bokaayoo Saakaa taphni akkuma eegaleen goolii daqiiqaawwan jalqabaatti galcheen Arsenaalitti hamilee hore

Madda suuraa, Reuters

Piriimiyerliigii Ingilaand bara kanaa gubbaarraa gadi bu'ee kan hin beekne Arsenal, tapha kaleessa galgalaan Biraayitan mo'achuun garecha dursuun akka itti fufu mirkaneeffate.

Bara haaraa faranjootaa imala gara waancaaf taasisu jabeessuun eegaleera.

Arsenalitti aanee kan ture Manchistar Siitiin tapha Evartan waliin taphaterratti goolii tokko walqixa ba'uun qabxii gateera. Kunimmoo Arsenal akka qabxii torbaan irraa fagaatu taasise.

Taphni Arsenal fi Biraayitan akkuma eegaleen Bukaayoo Saakaa daqiiqaawwan jalqabaa keessatti goolii galche, isa booda goolii Edii Niketiyaa fi Martin Odegaard galchaniin Arsenaal 3 fi 0 dhaan dursaa osoo jiruu Biraayitan irraa goolii Kaworuu Mitoomaan galche taphichi guddoo ho'ise.

Haata'u malee Arsenal goolii Gabreel Martineelii galcheen ofitti amanamummaasaatti deebi'e jennee osoo ilaalluu, Evan Fergusan Biraayitaniif goolii lammaffaa wayita galchu Arsenal dhiphuu keessa galee ture.

Itti aansuun Kaworuu Mitoomaa goolii isaa lammaffaa Biraayitaniif sadaffaa ta'e galchus garuu offside ta'uurraa gooliin sun haqameera.

Taatee kana boodadha Arsenaal tapha kanarraa qabxii sadi akka argatu kan mirkaneeffate.

Arsenal Kibxata dhufu qabxii sagaliin isaa gadi kan jiruu fi barana raawwii ajaayibaarra kan jiru Newcastle waliin ni taphata.

Sababa sagantaan Waancaa Addunyaa gidduu galeef taphoonni Piriimiyerliigii Ingiliiz hanga yoonaa walakkaanuu kan hin taphatamne ta'us, sadarkaan Arsenal irra jiru erga bara 2004 as yeroo jalqabaaf injifannoon akka galuuf kan abdachiisuudha.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Waancaa Addunyaarratti kan miidhame abdiin Arsenal lammiin Biraaziil Gabreel Jesuus Arsenal keessaa dhabamuun yaaddoo uumus, taphattoonni lafaa dhufoon akka Saakaa fi Odegaard bakkasaa bu'uun kilabicha utubaa jiru.

Tapha kaleessa galgalaarratti dursaan garee Arsenal Martin Odegaard kubbaa Billy Gilmour addaan jifatee maniisaarraa fageessuuf yaale argatee lakkoofsise.

Kanaanis Arsenal boqonnaa dura 2 fi 0'n akka dursu godheera.

Boqonnaa boodas Arsenal onnatanii galan, goolii Edii Niketiyaa galcheen sadii fi 0'n dursuu itti fufan.

Haata'u malee akkuma Oleksanr Zinchenko ba'een taphataan collee Biraayitan lammiin Jappaan Kaworuu Mitoomaa goolii ajaayibaa lakkoosiseera.

Goolii Gabreel Martineeliin Arsenaliif galcheen garechi tasgabbaa'us, Mitoomaan goolii sadaffaa wayita galchu guddoo dhiphatan.

Hanga VAR ilaalamee murteen darbutti qalbiin leenjisaa fi taphattootaa akkasumas daawwattootaa baayyee fannifamee ture.

Leenjisaan Arsenal Maayikil Arteettaan goolii sadaffaan akkuma itti galeen taphattooti fi deeggartoonni akka tasgabbaa'an ibsaa ture.

Tapha sammuu taphanna akka jechuu kan fakkaatu sammuusaaniitti qubaan akeekaa tuuta taphattootaa fi daawwattootaatti dubbatan.

Arsenal tapha kanarratti boojuun galuun gabatee Piriimiyerliigii kana dursee akka itti fufu mirkaneeffatus ji'a Amajjii kana keessa taphoota isa qoran hedduutu isa eeggata. Tootanhaam fi Manchistar Yunaayitid waliin.

Taphi Manchistar Siitii waliin qabanis ammallee akkuma jiruttidha.

Kun Maayikil Arteettaaf hoji manee cimaadha.