Mibaappeen cigoon Maartineez 'bu'aa hin qabu, gurra hin kennuufi' jedhe

Mibaappeen mallattoo Maartineez waa'ee isaa agarsiisaa jiru itti dhiisaa jedhe

Madda suuraa, Alex Livesey - Danehouse

Ibsa waa'ee suuraa, Mibaappeen mallattoo Maartineez waa'ee isaa agarsiisaa jiru itti dhiisaa jedhe

Jifataan Faransaay Kiiliyaan Mibaappee waan karri eegaa Arjantiinaa Emiliyaanoo Maartineez bakka adda addaatti isa cigaa tureef gurra hin kennu jechuun hime.

Karri eegaa Arjantiinaa Liyoonel Mesii waliin Waancaa Addunyaa ol kaaseera.

Haa ta’u malee, bakka badhaasa karra eegaa cimaa yeroo fudhatuufi kutaa uffannaa keessa daqiiqaa tokkoof Mibaappeef gadda keenya haa ibsu jedhee waamicha godhee ture.

Yeroo Boonas Ayirasitti simatamaniis mallattoo Mibaappee cigu qabatee mul’ateera.

''Gammachuu ibsuun anaaf rakkina hin qabu,'' jechuun Mibaappeen RMC Ispoortiif dubbate.

''Waan bu'aa hin qabne irratti humna kiyya hin balleessu'' jechuun gaaffii waa’ee Maartineez dhihaateef deebii kenne.

Mibaappeen taphataa Faransaay xumura waancaa addunyaa irratti karra eegaa Arjantiinaa kanatti galchiiwwan sadii galchedha.

Ta’us, biyyi isaa Arjantiinaan penaalitiidhaan 4fi 2'n mo’amtee waancaa dhabde.

Kunis, yeroon dabalataa kennameellee taphni galchii 3fi 3'n erga xumuramee kana gara penaaliitii qajeelan.

Duubaa ka’ee biyya isaa taphicha irratti kan qixxeesse Mibaappeen waancaas dhabu walmorkii Kataar irratti galchii 8 galchuun kophee warqii fudhateera.

Maartineez gaafa Kamisaa leenjiif dirree Aston Viilaatti akka deebi'u gabaafameera.

Leenjisaan kilabichaa Unaayi Emireey akkaataa inni gammachuu isaa ibsaa ture gaafa inni deebi'e akka gaafatan himaniiru.

Mibaappeefi Liyoonel Mesiin bakka tokko PSG’tti taphatu.

Waancaa addunyaa dhabuun hariiroo michuu isaa kilaba tokko, Liyooneel Mesii, walin qabuurratti dhiibbaa fidu hin qabu jedheera.

''Taphicha booda itti haasa'eera, baga gammadde ittiin jedheera,'' jedhe Mibaappeen.

''Waan yeroo dheeraaf eegaa turedha, anaafis, garuu ani hin milkoofne, kanaaf yeroo hundaa isporteessaa amala gaarii qabu ta'u qabda,'' jechuun hime.

Maartineez mallattoo agarsiisaa tureen qeeqameera

Madda suuraa, PA Media

Ibsa waa'ee suuraa, Maartineez mallattoo agarsiisaa tureen qeeqameera
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Mallattoon Maartineez agarsiisaa tureefi tooftaan inni itti fayyadamaa ture jarri Faransaay penaalitii irratti akka hin milkoofne gumaacha ofii taasiseera.

Kunimmoo lammiilee Faransaay biratti mufii uume.

Taphataan sarara ittisaa duraanii Faransaay Adil Raami Maartineezin ''nama akkan jibbamu'' jechuun ibseen.

Akkasumas miseensi Kongirasii Faransaay Kaarl Oliiv FIFA'n badhaasa karra eegaa cimaa Maartineezif kenname irraa fudhachuu qaba jedhan.

Taphataan duraanii Faransaay bara 1998 Waancaa Addunyaa kaase Paatrik Viyeeraanis kanneen Maartineez qeeqan keessaati.

Akkaataan Maartineez gammachuu isaa ibse ''badaadha'' jechuun ibse.

''Takka takka miira namootni agarsiisan to'achuu hin dandeessu. Maartineez akkana gochuun isaa waan badaati,'' jedhe yeroo ammaa kan Kiristaal Paalaas leenjisaa jiru Viyeeraan.

Pirezidantiin Kubbaa Miilaa Faransaay Noel Le Graet, illee amala ''hin taane'' gareen Arjantiinaa agarsiise komachuun federeeshinii Arjantiinaatti barreessuu gabaafamee ture.

Torban kana gaafa Roobii yeroo xumuraarratti Sitiraasbargirratti galchii kan galche Mibaappeen kilabiin isaa PSG'n garaagartee qabxii saddeetiin liigii Faransaay akka dursu taasiseera.

Yeroo ammaas Liigii Faransaay irratti galchii 13 galchuun baay'ina galchiiwwan taphattoonni galchan dursaa jira.