Digdama kan galche Halaand PL keessatti seenaa galmeesse, Mbaappeen PSG baraare

Halaandiifi Mbaappee

Madda suuraa, Getty Images

Erliing Halaand seenaa Piriimiyeer Liigii keessatti taphataa jalqabaa tapha muraasaan goolii 20 galche ta'e.

Kilaba biyya Jarman Doortimuund irraa Maanchistar Siitiitti kan makame jifataan lammii Nooweey Ingiland Liidsitti dhalate kun, taphoota 14 taphatee goolii 20'ffaa isaa eda garee abbaan isaa dur taphataafii ture Liids irratti lakkoofsise.

Siitiin tapha dirree Elaand Rooditti imalee taphateen boqonnaa dura Liidsiin qoramus, boqonnaa bahuuf yeroo dabalataa kenname keessatti goolii Roodiriin lakkoofsisetu lubbuu itti hore.

Boqonnaa booda Halaand daqiiqaa 51 fi 64'ffaa irratti kubbaa Gireeliish mijessee dabarseef gooliitti jijjiire.

Garee abbaan isaa taphataafii ture akkasumas ijoollummaa isaarraa qabee deeggaraa guddate darbees garee kanatti makamuuf dhiyaatee ture irratti goolii galcheef gammachuu hin ibsanne.

Gooliiwwan Halaand lameen garuu Siitiin garaagarummaa kilaba liigicha dursaa jiru Arsenaal waliin qabu gara shaniitti gadi buteera.

Ofii ammoo seenaa liigichaa keessatti taphataa saffisaan goolii 20 lakkoofsise ta'ee akka yaadatamu godheera.

Seenaa Liigichaa keessatti goolii 20 saffisaan kan galchee ture Keeviin Fiilpsi ture. Innis taphoota 21 booda. Itti aanee ammoo Fernaandoo Torees taphoota 27 booda.

Waahillan isaa Siitii 16 ta'an waancaa addunyaa Kataar irratti morkachuuf yeroo sokkan biyya isaa waliin hiree dorgomicha irratti himachuu kan hin arganne Halaand dorgommicha halaalaa hordofaa aariisaa liigichi yeroo deebi'u bahachuuf qophaa'aa ture.

Neeymaar kaardii diimaan dirree bahe, Mbaappeen PSG baraare

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Waancaa addunyaa booda Liigiin jalqabaa Faransaayis taphoota keessummeessuutti debi'eera.

Liigicha dursaa kan jiru fi falmattootta waancaa addunyaa lameen Liyoonel Mesiifi shaampiyoonaa bara kaanii Mbaappee kan of keessaa qabu PSG'n liigicha dursaa jira.

PSG'n waancaa addunyaa booda tapha isaa jalqabaa Roobii kaleessaa Shaampiyoonaa addunyaa kan ta'e Mesii malee taphate.

Tapha kana irratti Biraaziil kan waancaaf osoo eegamtuu Kirooshiyaan injifatamtee Walakkaa xumuraa osoo hin gahiin hafte waliin gaddaan kan deebi'e Neeymaar kaardii keelloo lama argee daqiiqaa 62 'ffaa irratti dirree ari'ame.

Neeymaar jalqaba badii taphataa irratti dalageen kaardii keelloo argee achii ammoo daqiiqaa 62'ffaa irratti rukuttaa peenaalitii argachuuf murtessaa taphichaa dogoggorsuun kaardii kelloo biraa argatee dirree bahe.

Strasbourg 'n olaantummaa taphaa jalaa fudhatamee kan ture PSG'n daqiiqaa 96'ffaa irratti rukuttaa peenaalitii argame Mbaappeen lakkofsisee 2-1'n injifatee liigicha dursuu itti fufeera.

Neeymaar PSG erga dhufee kaardii diimaa isaa shanaffaa argate.

Mesiin injifannoo isaa Waancaa addunyaa booda tobee dhufaa gara Paarisitti deebi'a.