Pirimiiyeer Liigiin deebi'e: Arsenaal bakka Arsen Wenger argamanitti duubaa ka'ee injifate

Madda suuraa, Getty Images
Piriimiyeer Liigiin Ingiliz Waancaa addunyaaf jecha torbanootaaf adda citee ture Wiixata kaleessaa ''boxing day'' jalqabeera.
Galagala dirree isaa irratti Weestihaamiin kan keessummeesse Arsenaal, dursee peenaalitiin goolii keessummeessus 3-1 injifateera.
Arsanaal boqonnaadhaa yeroo deebi'u daqiiqaa 53 irratti Bukaayoo Saakaan, daqiiqaa shan booda ammoo Gaabri'eel Martineeliifi achiis daqiiqaa 69'ffaa irratti goolii Niketihaan lakkoofsisaniin imala waancaa isaa cimseera.
Leenjisaan Arsenaal Maayikil Arteettaa Istaadiyoomiitti argamuu leenjisaa garichaa duraanii Arsen Wengeritti hunduu gammaduu ibse.
Weengeer bara 2018 kilabicha erga gadhiisanii booda yeroo duraatiif tapha garee isaanii duraanii dirreetti argamanii dawwatan. Yeroo dhumaaf leenjisaa Arsenaal liigicha injifataniidhas.
''Argamuun isaa kilaba kubbaa miilaa isaatti baayyee baayyee siiquu agarsiisa, kanaaf haa galatoomu. Sababni isaas argamuun isaa nama kilabicha keessa jiru hundaaf waan guddaadha'' jedhe Arteettaan.
Yeroo Arsenaal imala wancaa liigichaa injifachuuf godhu jabeessetti argamaniis jedheera.
Dhiibbaa gaarii waan uumaniif Weenger isaanitti siqachuuf fedha qabu jedhee akka abdatus hime.
'Liigicha injifachuuf jirra'
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Niiwkaastiil Maanchister Siitii kan taphni tokko isa hafuun qabxii takkittiin dursee Arsenaaliin qabxii torbaan caalamee sadarkaa lammaffaarra jira.
Barana gahumsa ajaabsiisaarra kan jiru Niiwkaastil Wiixata kaleessaa Leester Siitiin 3-0'n injifate ammaaf sadarkaa lamataarra jira.
Deeggarrtootni kilabichaa istaadiyoomii keessatti ''Liigicha injifachuuf jirra'' jechuun yoo dhaadatan dhagaahamaniiru.
Leenjisaan garichaa Eddie Howe gama isaan ''waan hunda ni goona. barri dorgommii kun ammayyuu ijoolleedha carraan hunduu nuuf ni jira'' jedhan.
Tapha isa biraa boxing day jalqabaan Liivarpuul kan jalqabbiin isaa jalaa badee qabxii 15'n Arsaneelaa duuba jiru Vilaa Paarkitti imalee Aston Viilaa 3-1 injifateera.
Gareen Laampaard Evertan Woolviziin 1-2 injifatamee fiixee yaaddoo liigicha keessaa bahuurra jira.
Kiristaal Paalaas ammoo Fuulhaamiin 3-0 injifatameera.
Har'a Maanchistar Yunaayitiid Nottm Forest, Maanchistar Siitiin Leeds Yunaayitid, Chelsiin ammoo Boorn Maawuz waliin morkatu.












